Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 7

Abdii Waaqayyo Karaa Raajotaa Kenne

Abdii Waaqayyo Karaa Raajotaa Kenne

RAAJONNI bara durii Waaqayyo irratti amantii akka qaban argisiisaniiru. Abdii inni kenne irratti amantii qabu turan; jireenyi isaaniis abdii kana irratti kan xiyyeeffate ture. Abdiiwwan kun maalfaa dabalatu turan?

Addaamii fi Hewaan Waaqayyoon akkuma mormaniin Waaqayyo qaama mataa “bofichaa” isa ‘jawwee guddaa, jechuunis bofa isa jalqabaa, isa Diyaabilosii fi Seexana jedhamu’ argisiisu buruqsuudhaan bara baraaf isa balleessu sana ramadeera. (Uumama 3:14, 15; Mulʼata 12:9, 12) Qaamni dhufu kun eenyu?

Raajiin jalqabaa kun erga dubbatamee gara waggoota 2,000 booda, Yihowaan qaamni kun karaa sanyii isaa akka dhufu Abrahaamiif waadaa galeera. Waaqayyo Abrahaamiin, “Ati sagalee koo waan dhageesseef, saboonni lafa irraa hundi sanyii keetiin ofii isaaniitiif eebba ni argatu” jedheera.—Uumama 22:18.

Dhaloota Kiristoos Booda bara 1473⁠tti, Waaqayyo Musee raajichaaf ‘sanyicha’ ilaalchisee odeeffannoo dabalataa kenneera. Museen saba Israaʼeliin, “Waaqni kee Yihowaan obboloota kee gidduudhaa raajii akka kootii siif ni kaasa. Isinis isa dhagaʼuu qabdu” jedhee ture. (Keessa Deebii 18:15) Kanaafuu, raajiin akka Musee kan dhufu sanyii Abrahaam keessaa ti.

Akkasumas, raajiin kun sanyii Daawit Mootichaa yoo taʼu inni ofii isaa mootii guddaa ni taʼa. Waaqayyo Daawit Mootichaaf, “Sanyii kee isa si booda dhufu, . . . nan kaasa; mootummaa isaas jabeessee nan dhaaba” jedhee waadaa galeera. (2 Saamuʼel 7:12, 13) Waaqayyo sanyiin Daawit kun “Bulchaa Nagaa” akka jedhamu ibseera; itti dabaluudhaanis, “Teessoo Daawitii fi mootummaa isaa irratti, badhaadhinni bulchiinsa isaa, nagaan isaas dhuma hin qabaatu; ammaa jalqabee bara baraaf, haqaa fi qajeelummaadhaan cimee ni dhaabbata, ni jiraatas” jedheera. (Isaayyaas 9:6, 7) Geggeessaan qajeelaa taʼe kun nagaanii fi haqni addunyaa mararra akka jiraatu godha. Haa taʼu malee, mootiin kun yoom dhufa?

‘Sanyichi’ inni abdachiifame . . . karaa sanyii Abrahaam dhufa, raajii akka Musee ti, karaa hidda dhalootaa Daawit dhufa, Dh.K.B. bara 29⁠tti dhufa, boficha, jechuunis Seexana buruqsa

Gabriʼeel Maleekichi yeroo booda Daaniʼel isa raajii Waaqayyoo taʼeen, “Yeroo Yerusaalemiin iddoo ishiitti deebisuu fi deebisanii ijaaruuf ajajni itti kenname irraa jalqabee hamma Masiihiin inni Geggeessaa taʼe dhufutti torbeen 7 fi torbeen 62 akka taʼu beeki, hubadhus” jedhee ture. (Daaniʼel 9:25) Kunis waggoota 7 siʼa 69 siʼa taʼu, walumaa galatti waggoota 483 taʼa. Yeroon kunis Dh.K.D. bara 455 irraa eegalee hanga Dh.K.B. bara 29⁠tti kan ture dha. a

Masiihichi, inni raajii akka Musee taʼee fi ‘sanyichi’ yeroo dheeraadhaaf eegamaa ture dhuguma Dh.K.B. bara 29⁠tti dhufeeraa? Mee haa ilaallu.

a Kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼee fi Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamurraa ibsa dabalataa 2ffaa fuula 255rratti argamu ilaali.