Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 88

Yohannis Yesusiin Cuuphe

Yohannis Yesusiin Cuuphe

GUGEE mataa namichaarra qubachuuf jettu kana ilaali. Namichi kun Yesusidha. Amma umuriinsaa gara waggaa 30ti. Namichi isaa wajjin jirummoo Yohannisidha. Kanaan dura waa’eesaa waan tokko tokko baranneerra. Maariyaam firashee Elsaabexiin gaafachuu yeroo dhaqxetti, mucaan garaa Elsaabex keessa ture gammachuudhaan utaaluusaa ni yaadattaa? Mucaan garaashee keessa ture sun Yohannis ture. Haata’u malee, wanti amma Yohannisiifi Yesus gochaa jiran maalidha?

Yohannis reefuuYesusiin laga Yordaanos keessatti cuuphee baasuusaati. Namni tokko kan cuuphamu akkasittidha. Guutummaatti erga bishaan keessa gadi lixee booda bishaan keessaa baafama. Yohannis akkasitti namoota waan cuuphaa tureef Yohannis Cuuphaa jedhame waamame. Haata’u malee, Yohannis Yesusiin kan cuuphe maaliifi?

Yohannis kan isa cuuphe sababii Yesus garasaa dhufee na cuuphi jedhee isa gaafateefidha. Yohannis namoota waan hamaa hojjetaniifi gaabbuusaanii argisiisuu barbaadan cuupha ture. Haata’u malee, Yesus balleessaa itti gaabbu qaba turee? Gonkumaa! Yesus, Ilma Waaqayyoo isa samiidhaa dhufe waan ta’eef waan akkasii hojjetee hin beeku. Kanaafuu, akka Yohannis isa cuuphu kan gaafate sababii garabiraadhaaf ture. Sababiinsaa maal akka ta’ee haa ilaallu.

Yesus gara Yohannis dhufuusaa dura muka sooftuu ture. Muka sooftuun, nama mukarraa meeshaa akka minjaalaafi barcumaa hojjetudha. Yoseef, Abbaan manaa Maariyaam muka sooftuu waan tureef, kan Yesusiin muka soofuu barsiise isadha. Haata’u malee, Yihowaan Ilmasaa gara lafaatti kan erge muka sooftuu akka ta’uuf miti. Hojii adda ta’e tokko akka raawwatu waan isatti kennee tureef, yeroon Yesus hojii kana itti jalqabu ga’ee ture. Kanaafuu, waan Abbaansaa isa ajaje hojjechuuf akka dhufe argisiisuudhaaf Yohannis akka isa cuuphu gaafate. Waaqayyo kun ta’uusaatti gammadeeraa laata?

Eeyyee gammadeera; kanaafuu erga Yesus bishaan keessaa ba’ee booda, sagaleen tokko samiirraa gadi dhufee: ‘Inni kun Ilma koo isa jaallatamaadha’ jedhe. Akkasumas, samiin banamee gugeen Yesusirra qubatte. Haata’u malee, wanta gugee fakkaatudha malee gugee isa dhugaa miti. Hafuura Waaqayyoo ture.

Amma Yesus waan irratti yaadu baay’ee waan qabuuf, guyyaa 40f kophaasaa bakka namni hin jirre dhaqe. Utuma inni achi jiruu Seexanni garasaa dhufe. Yesus wanta seera Waaqayyoo cabsu akka raawwatu gochuuf, Seexanni al sadi yaalii godhee ture; Yesus garuu waan Seexanni jedhe gochuu hin barbaanne.

Sanaan booda, Yesus deebi’ee namoota yeroo jalqabaa bartootasaa ta’an muraasa argate. Isaan keessaa tokko tokko maqaansaanii, Indriiyaas, Phexros (Simoon jedhamees ni waamama), Filiphosiifi Naataanaa’el (Bartolomewos jedhamees ni waamama) turan. Yesusiifi bartoonni haaraan kun gara koonyaa Galiilaa dhaqan. Galiilaa ga’anii bakka dhaloota Naataanaa’el mandara Qaanaa takka turani. Achittis, Yesus cidha guddaa tokkorratti argamee dinqii jalqabaa raawwate. Dinqiin kun maal akka ta’e beektaa? Bishaan gara wayiniitti jijjiire.