Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 112

Markabni Tokko Biyya Bishaan Gidduu Jirtu Tokko Biratti Cabe

Markabni Tokko Biyya Bishaan Gidduu Jirtu Tokko Biratti Cabe

MEE ilaali! markaba kanarra rakkoon ga’eera. Caccabaa jira. Namoota gara bishaanichaatti utaalanii ba’an argitee? Warri tokko tokkommoo galaanicha keessaa ba’aa jiru. Namni fakkii kanarratti argamu Phaawulosidhaa? Mee wanta isa mudate haa ilaallu.

Phaawulos waggaa lamaaf Qiisaariyaatti hidhamee akka ture yaadadhu. Inniifi namoonni isaa wajjin hidhamanii turan markabaan gara Roomaatti geessamaa jiru. Qareexis, biyyattii bishaan gidduu jirtu bira utuu darbaa jiranii bubbee hamaan ka’e. Bubbichi cimaa waan tureef jarreen markabicha oofuu hin dandeenye. Akkasumas guyyaa aduu; halkanimmoo urjii arguu hin dandeenye. Dhumarratti, guyyaa baay’ee booda, namoonni markabicharra turan abdii kutatan.

Kana booda, Phaawulos ka’ee: ‘Markabicha qofaatu caba malee isin keessaa namni tokkollee hin du’u. Halkan ergamaan Waaqayyoo na bira dhufee, “Yaa Phaawulos hin sodaatin! Mootii Roomaa dura dhaabachuuf jirta. Kunoo, Waaqayyo ayyaana isaatiin, namoonni si duukaa jiran hundinuu du’aa akka oolan, in godha” anaan jedheera jedhe.

Bubbichi ka’ee guyyaa 14⁠ffaatti, gara halkan walakkaa yeroo ta’u, namoonni markabicha keessa turan bishaanichi hir’achaa akka dhufe hubatan. Dukkana waan tureef, dhagaa bishaan keessa jiruu wajjin akka walitti hin buuneef qofoo sibilaa isa ittiin markaba dhaaban galaana keessatti gadi darbatan. Buleesaa ganama golba galaanaa argan. Markabicha gara qarqara bishaanichaatti geessuu barbaadan.

Qarqara galaanichaatti yemmuu dhihaatan, markabichi tuullaa cirrachaa wajjin walitti bu’e. Achiis, bubichi isa rukkutuu jalqabe; yeroo kanatti markabichi caccabuutti ka’e. Geggeessaan loltoota waraanaa tokko: ‘Warri daakaa dandeessan gara bishaanichaatti utaalaatii gara qarqara galaanaatti ba’aa. Warri haftanimmoo, caccabaa markabichaa qabadhaatii duukaa bu’aa’ isaaniin jedhe. Jarris akkuma jedhaman godhan. Akka kanaan, namoonni markabarra turan 276 ta’an hundi, akkuma ergamichi waadaa galetti nagaadhaan qarqara galaanaa ga’an.

Biyyattiin bishaan gidduu jirtu Malaaxiyaa jedhamti. Namoonni biyya sanaa baay’ee gaarii turan; namoota markabattirraa bu’aniif wanta isaan barbaachisu hundumaa godhaniif. Haalli qilleensaa yemmuu sirraa’u Phaawulos markaba kan biraatiin gara Roomaatti geessame.