Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 44

Rahaab Gaaddota Dhoksite

Rahaab Gaaddota Dhoksite

NAMOONNI kun rakkina keessa jiru. Baqachuu baannaan ni ajjeefamu. Jarri kun gaaddota Israa’elidha; dubartiin isaan gargaartu kunimmoo Rahaabi. Rahaab mana gamoo Yerikootti maxxanee jiru kana keessa jiraatti turte. Namoonni kun rakkinarra kan bu’an maaliif akka ta’e haa ilaallu.

Israa’eloonni Laga Yordaanos ce’anii biyya Kana’aanitti galuuf qophaa’aniiru. Galuusaanii dura garuu, Iyaasuun: ‘Biyyattiifi magaalaa Yerikoo ilaalaa kottaa’ jedhee gaaddota lama ergee.

Gaaddonni lamaan yommuu Yerikoo ga’an, mana Rahaabitti goran. Haata’u malee, namni tokko: ‘Namoonni Israa’el lama biyyattii kana gaaduuf har’a galgala as galaniiru’ jedhee mootii Yerikootti hime. Innis yommuu kana dhaga’u, Rahaabitti namoota erge; isaanis, ‘Namoota mana kee jiran gadi baasi!’ jedhaniin. Rahaab garuu jarreen sana bantii manashee keessa dhoksitee turte. Achiis akkas jette: ‘Jarri tokko mana koo dhufanii turan; eessaa akka dhufan garuu hin beeku. Yommuu dukkanaa’u, karri magaalattii cufamuusaa dura ba’anii deemaniiru. Yoo fiigdanii isaan faana buutan, isaan qaqqabuu dandeessu!’ Achiis jaroonni isaan qabuuf faana bu’an.

Erga isaan deemanii booda, Rahaab fiigdee gara bantii manasheetti baatee, gaaddota sanaan akkas jette: ‘Yihowaan biyyattii kana akka isiniif kennu ani beeka. Yommuu biyya Gibxii baatan Laga Diimaa akkamitti akka isiniif gogsee, akkasumas mootota biyya Sihooniifi Oog akkamitti akka ajjeestan dhageenyeerra. Akkuman waan gaarii isiniif godhe isinis waan gaarii naa gochuuf naa kakadhaa. Abbaa koo, haadha koo, obboloota koos naaf oolchaa.’

Gaaddonni sun isheedhaaf kakataniyyuu, Rahaab waan tokko gochuu qabdi. Akkas jedhaniin: ‘Fo’aa diimaa kana fudhuutii foddaa mana keetti rarraasi. Firoota kee hundumaa gara mana keetti sassaabi. Yerikoo fudhachuuf hundi keenya deebinee yommuu dhufnu, fo’aa foddaa keerratti yeroo arginu mana kee keessaa nama tokkoyyuu hin ajjeesnu.’ Gaaddonni sun, Iyaasuutti yommuu deebi’an waan isaan mudate hundumaa itti himan.