Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 102

Yesus Du’aa Ka’e

Yesus Du’aa Ka’e

DUBARTIIN kuniifi namoonni lamaan kun eenyufaa akka ta’an beektaa? Dubartittiin, michuu Yesus, Maariyaam ishee Magdalaati. Namoonni wayyaa adii uffatanimmoo ergamoota Waaqayyooti. Kutaa xinnoon Maariyaam ilaalaa jirtummoo, Yesus erga du’ee booda bakka reenfisaa keessa kaa’amedha. Iddoon kun bakka awwaalaa jedhama. Amma garuu reenfichi achi keessa hin jiru! Eenyutu fudhate? Mee haa ilaallu.

Erga Yesus du’ee booda luboonni Philaaxosiin akkas jedhanii turan: ‘Yesus du’uusaa dura guyyaa sadi booda du’aa akka ka’u dubbatee ture. Kanaafuu bartoonnisaa reenfasaa hatanii du’aa ka’eera akka hin jenne bakki awwaalaa sun akka eegamu godhi.’ Achiis, Philaaxos bakka awwaalaa sana eegsisuuf eegdota akka ergan itti hime.

Haata’u malee, Yesus du’ee guyyaa sadaffaatti ergamaan Yihowaa tokko ganama bariidhaan akkuma tasaa dhufee dhagaa awwaalichi ittiin qadaaddame konkolaachise. Eegdonni sun baay’ee waan sodaataniif waan tokko gochuu hin dandeenye. Dhumarratti gara awwaalichaa yommuu ilaalan reenfichi hin jiru! Eegdota keessaa tokko tokko gara mandarattii dhaqanii lubootatti himan. Luboonni hamoon sun maal akka godhan beektaa? Eegdonni sun akka sobaniif qarshii kennaniif. Luboonni sun loltoota sanaan: ‘Utuma nuyi rafnee jirruu bartoonnisaa halkaniin dhufanii reenficha hatan jedhaatii dubbadhaa’ jedhaniin.

Yeroo kanatti, dubartoota michuu Yesus ta’an keessaa tokko tokko awwaalicha ilaaluu dhufan. Awwaalichi duwwaa ta’uusaa ennaa argan baay’ee akka na’an beekamaadha. Akkuma tasaa ergamoonni lama wayyaa adii uffatanii mul’atan. ‘Yesusiin kan asii barbaaddan maaliifi? Inni ka’eera. Dafaa dhaqaatii bartootasaatti himaa’ jedhaniin. Dubartoonni sunis fiigaa dhaqan. Haata’u malee, karaarratti namni tokko isaan dhaabe. Namichi kun eenyu akka ta’e beektaa? Yesusidha! ‘Dhaqaatii bartoota kootti himaa’ isaaniin jedhe.

Dubartoonni kun Yesus akka du’aa ka’eefi isaanis akka isa argan bartootasaatti yommuu himan, bartoonni amanuu hin dandeenye. Phexrosiifi Yohannis ofumasaaniitiif arguuf gara awwaalichaa yommuu fiigaa dhaqan awwaalichi duwwaa ture! Phexrosiifi Yohannis yeroo iddoo sanaa adeeman, Maariyaam isheen Magdalaa achuma turte. Gara awwaalichaa kan ilaalteefi ergamoota lama kan argite yeroo kanatti ture.

Reenfi Yesus eessa akka dhaqe beektaa? Waaqayyotu dhokse. Waaqayyo, foonsaa isa ittiin du’e qabatee akka ka’u hin goone. Kanaa mannaa, qaama hafuuraa haaraa ergamoonni samiirra jiran qaban isaaf kenne. Haata’u malee, akka du’aa ka’e bartootasaatti argisiisuuf, qaama namoonni arguu danda’an uffate; waa’ee kanaa ni baranna.