Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Komii Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Komii Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

BOQONNAA 21

Komii Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

“Haati koo akkuma qorataa poolisii yeroo hundumaa dogoggora koo barbaaddi. Hojii mana keessaa hojjedhee utuun hin xumurin dogoggora funaanuuf hojii koo sakattaati.”—Kireeg.

“Warri koo yeroo hundumaa natti dheekkamu. Jireenyi koo qindoomina akka qabaatu gochuu akkan hin dandeenye dubbatu. Wantan mana barumsaatti, manattii fi gumii keessatti godhu hundumaarratti na komatu.”—Jeemsi.

WANTI gootu hundi warra kee akka hin gammachiisne sitti dhagaʼamaa? Sochiin kee hundi yeroo hunda akka hordofamuu fi akka gamaaggamamu, garuu ati matumaa gaʼumsa akka hin qabne sitti dhagaʼamaa?

Komiin yeroo baayʼee dhageessu isa kami?

□ Kutaa kee yeroo hunda seeraan hin qabdu.

□ Televizyinii ilaaluu baayʼista.

□ Baayʼee dhiisifatta.

□ Daftee hirribaa hin kaatu.

Komii warra keetii keessaa baayʼee kan si aarsu gaditti barreessi.

․․․․․

Ajajnii fi komiin si aarsuu akka dandaʼu beekamaadha. Garuu mee yaadi, warri kee gorsa ykn adaba siif hin kennan utuu taʼee kan siif yaadan taʼuu isaanii hin shakkituu? (Ibroota 12:8) Dhugaa isaa dubbachuuf, warri kee si adabuun isaanii akka si jaallatan argisiisa. Kitaabni Qulqulluun abbaan tokko “ilma isaa isa jaallatu” akka adabu dubbata.—Fakkeenya 3:12.

Kanaafuu, warri kee waaʼeen kee isaan yaaddessee yoo si adaban isaan galateeffachuu dandeessa. Atis taanaan ijoollee waan taateef akka warra keetii muuxannoo hin qabdu. Oolee bulee sirreeffamni si barbaachisuun isaa hin oolu. Qajeelfama hin argattu taanaan ‘hawwiin dargaggummaa’ si injifachuu dandaʼa.—2 Ximotewos 2:22.

Garuu Nama Miidha!

Dhugaadha, “adabni kam iyyuu yeroo sanatti kan gaddisiisu malee kan gammachiisu hin fakkaatu.” (Ibroota 12:11) Keessumaa ijoollummaa keetti akkas sitti dhagaʼama. Kun taʼuun isaas nama hin dinqisiisu. Amalli kee jijjiiramaa jira. Gara gaʼeessummaatti guddachaa waan jirtuuf eenyummaa kee baraa jirta. Kanaafuu, komiin kan siif kenname of eeggannoodhaan irratti yaadamee fi gaarummaadhaan yoo taʼellee si aarsuu dandaʼa.

Wanti warri kaan waaʼee kee dubbatan ilaalcha ofiif qabdurratti dhiibbaa waan godhuuf miirri akkasii sitti dhagaʼamuun isaa waanuma jirudha. Keessumaammoo ilaalchi warri kee siif qaban ilaalcha ofii keetiif qabdurratti dhiibbaa guddaa godha. Kanaafuu, akkaataa wanta tokko itti raawwattu ilaalchisee warri kee sirreeffama yoo sii kennan ykn yoo si komatan kun baayʼee si aarsuu dandaʼa.

Warri kee dogoggora muraasa waan sirratti arganiif qofa wanti gootu hundi warra kee matumaa gammachiisuu akka hin dandeenye ykn yoomiyyuu akka siif hin milkoofne yaaduu qabdaa? Akkasitti yaaduu hin qabdu. Namoonni hundi dogoggora hedduu ni raawwatu. (Lallaba 7:20) Dogoggora raawwachuunimmoo kutaa guddinaati. (Iyyoob 6:24) Haa taʼu malee, warri kee yeroo wanta tokko sirriitti raawwattu kan si hin galateeffanne, yeroo dogoggora raawwattu garuu kan si komatan yoo taʼehoo? Kun si miidhuu dandaʼa. Kana jechuun garuu milkaaʼina hin arganne jechuu miti.

Wanta Komii Duuba Jiru

Yeroo tokko tokko warri kee garmalee kan si komatan waa waan balleessiteef utuu hin taʼin, miirri gaariin isaanitti dhagaʼamaa waan hin jirreef taʼuu dandaʼa. Haati kee oolmaan ishii gaarii hin turree? Dhukkubsachaa jirtii laata? Taanaan, kutaan kee qulqulluu miti yoo taʼe daftee si komachuu dandeessi. Abbaan kee rakkina maallaqaa maaticha mudateen kan kaʼe aareeraa? Taanaan, utuu itti hin yaadin dubbii ‘akkuma goraadee nama waraanu’ dubbachuu dandaʼa. (Fakkeenya 12:18) Komiin sirrii hin taane akkasii akka nama aarsu beekamaadha. Taʼus, kanarratti xiyyeeffachuudhaan aaruu mannaa dogoggora isaanii callistee bira darbuuf yaali. Kana yaadadhu: “Hundi keenya yeroo baayʼee ni gufanna. Namni dubbiidhaan hin gufanne yoo jiraate garuu, inni nama mudaa hin [qabnedha].”—Yaaqoob 3:2.

Warri kees mudaa waan qabaniif gaʼumsa akka hin qabne isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Yeroo ati milkaaʼina hin argannetti isaanis akka hin milkoofne isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, haati takka intalli ishii mana barumsaatti qabxii gadaanaa yoo fidde ishii komachuu dandeessi. Tarii haati sun, ‘Intalli tiyya milkaaʼina akka argattu gargaaruuf wantan dandaʼu hunda gochaa hin jiru’ jettee yaaddi taʼa.

Yeroo Komatamtu Tasgabbaaʼuu

Komii tokko duuba wanti jiru maaliyyuu yoo taʼe gaaffiin kaʼu, ‘Dandamachuu kan dandeessu akkamitti?’ kan jedhudha. Jalqaba, aariidhaan deebii akka hin kennine of eeggadhu. Fakkeenyi 17:27, “Namni beekumsa qabu qusatee dubbata, namni hubannaa qabus tasgabbaaʼaa dha” jedha. Yeroo komatamtu ‘tasgabbaaʼuu’ kan dandeessu akkamitti? Akkana gochuuf yaali:

Dhaggeeffadhu. Gocha keetiif sababa dhiheessuuf ykn balleessaa akka hin qabne isaan amansiisuuf ariifachuu mannaa, miira kee toʼachuudhaan wanta warri kee dubbatan dhaggeeffadhu. Yaaqoob baratichi Kiristiyaanonni “dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa, dheekkamuufis suuta jedhaa” akka taʼan gorseera. (Yaaqoob 1:19) Warri kee yeroo dubbatan aartee addaan kan isaan kuttu yoo taʼe, isaan dhaggeeffachaa akka hin jirre yaaduu dandaʼu. Kunis waan isaan aarsuuf gorsi siif kennan akka xinnaatu utuu hin taʼin, akka dabalu gochuun isaa hin oolu.

Xiyyeeffannaa kee jijjiiri. Yeroo tokko tokko warri kee gorsa kan siif kennan gaarummaadhaan akka hin taane sitti dhagaʼama taʼa. Akkaataa itti isaan sitti dubbatanirratti xiyyeeffachuu mannaa wanta isaan dubbatanirratti xiyyeeffadhu. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Komii kana keessaa isa kamtu sirriidha? Warri koo kanaan dura dhimma kana ilaalchisee na komatanii beekuu? Wanta isaan barbaadan kana raawwachuun na miidhaa?’ Yeroo sanatti akkas sitti dhagaʼamuu baatus warri kee kan si adaban waan si jaallataniif akka taʼe hin dagatin. Utuu si jibbanii matumaa si hin adaban.—Fakkeenya 13:24.

Balleessaa kee amani. Balleessaa kee yoo amante wanta isaan jedhan akka hubatte warra keetiif mirkaneessita. Fakkeenyaaf, warri kee, “Kutaa kee yeroo hunda seeraan hin qabdu. Hin qulqulleessitu taanaan manaa hin baatu” siin jedhu taʼa. Siif garuu kutaan kee qulqulluudha. Kutaan kee qulqulluu akka taʼe warra keetti himuun garuu faayidaa hin qabu. Bakka warra keetii of keessee ilaaluuf yaali. Garaadhaa akkana jechuun kee gaariidha: “Dhugaa keessani. Kutaan koo xuraaʼeera. Amma qulqulleessumoo irbaata booda wayya?” Akka kanaan wanta warra kee yaaddessu akka hubatte yoo argisiiste warra kee tasgabbeessuu dandeessa. Achiis wanta warri kee si ajajan raawwachuu qabda.—Efesoon 6:1.

Obsi. Wanta warri kee barbaadan hamma raawwattutti kallattii sirrii itti taate caqasuuf hin yaalin. Kitaabni Qulqulluun, “Namni arraba isaa toʼatu . . . of eeggataa dha” jedha. (Fakkeenya 10:19) Warri kee isaan dhaggeeffachaa akka jirtu yoo argan isaanis si dhaggeeffachuuf caalaatti fedhii qabaachuu dandaʼu.

Tarkaanfiiwwan arfan olitti ibsaman keessaa caalaatti irratti hojjechuu kan barbaaddu barreessi. ․․․․․

Carraaqqii Gochuu kan Qabdu Maaliifi?

Warqii hedduu argachuuf jettee haala rakkisaa tokko tokko dandamachuuf fedhii qabdaa? Kitaabni Qulqulluun ogummaan qabeenya gatii guddaa qabu kamirrayyuu akka caalu dubbata. (Fakkeenya 3:13, 14) Maarree, ogeessa taʼuu kan dandeessu akkamitti? Fakkeenyi 19:20, “Booda irratti ogeessa akka taatuuf, gorsa dhagaʼi, adabas fudhadhu” jedha. Gorsii fi adabni nama gammachiisuu dhiisuu dandaʼa. Taʼus, komii siif kennamu keessaa ogummaa argachuu fi hojiirra oolchuuf yoo yaalte faayidaa warqiirra caalu argatta.

Dhugaa jiru fudhadhu: Komiin kutaa jireenyaati. Ammayyuu komii warri kee fi barsiisonni kee siif kennan dandamachuun si barbaachisee taʼuu dandaʼa. Gara fuulduraattis komii hogganaa kee fi warra kaanii dandamachuun si barbaachisuu dandaʼa. Manatti komii dandamachuu yoo baratte barataa guddina godhu, hojjetaa gaarii fi nama ofitti amanannaa qabu taʼuu dandeessa. Buʼaawwan kana argachuuf komii xixinnoo siif kennamu dandamachuu qabda.

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Seerri warra keetii bilisummaa si dhabsiiseeraa? Bilisummaa qabdutti gammaduu fi bilisummaa dabalataa argachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.

CAQASA IJOO

Namni ogeessi ni dhagaʼa, barumsa dabalataas ni argata.Fakkeenya 1:5.

GORSA GAARII

Sirreeffama warri kee siif kennan fudhachuuf

Dinqisiifannaa yeroo komatamtu argatteef galateeffadhu.

Waaʼee rakkinichaa ykn waaʼee furmaata isaa wanti siif hin galle yoo jiraate akka siif ibsan gaafadhu.

KANA BEEKTAA?

Warri tokko tokko warra isaaniirraa jaalalaa fi kunuunsa gaʼaa waan hin arganneef ijoollee isaaniitti jaalala argisiisuun isaanitti ulfaata.

WANTAN GOCHUU YAADE

Yeroo warri koo na komatan akkanan godha ․․․․․

Warri koo garmalee akka na komatan yoo natti dhagaʼame akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

Komii fudhachuun kan sitti ulfaatu maaliif taʼuu dandaʼa?

Warri kee kan si komatan maaliif taʼuu dandaʼa?

Gorsa siif kennamurraa fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 177rra jiru]

“Yeroo hundumaa haati koo natti iyyiti, anis ishiittan deebisa ture. Amma garuu wanta Dubbiin Waaqayyoo jedhu hojiirra oolchuufan yaala. Kunis na fayyadeera. Haati koo ilaalchi ishii jijjiiramuu jalqabe. Gorsa Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchuudhaan caalaatti ishii hubachuu dandaʼeera. Hariiroon keenyas fooyyaʼeera.”—Maarliin

[Fakkii fuula 180​rra jiru]

Komii siif kennamu keessaa ogummaa argachuuf yoo yaalte faayidaa warqiirra caalu argatta