Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Mootummaa Waggaa 100⁠f Bulche—Kan Si Tuqu Akkamitti?

Mootummaa Waggaa 100⁠f Bulche—Kan Si Tuqu Akkamitti?

‘Yaa Waaqayyo gooftaa, hojiinkee guddaadha, dinqisiisaadhas! Ati mootii saba hundumaadha.’​—MUL. 15:3.

1, 2. Mootummaan Waaqayyoo maal raawwata? Mootummaan kun akka dhufu amanannaa qabaachuu kan dandeenyu maaliifi?

DH.K.B. bara 31⁠tti gaara naannoo Qifirnaahomitti argamu tokko biratti, Yesus Kiristos, “mootummaan kee haa dhufu” jedhanii akka kadhatan duuka buutotasaa barsiisee ture. (Mat. 6:10) Yeroo harʼaa, namoonni hedduun dhufaatii Mootummaa kanaa ni shakku. Nuti garuu, kadhannaan Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu dhiheessinu deebii akka argatu amanannaa qabna.

2 Yihowaan maatiisaa samiifi lafarra jiran tokko gochuuf Mootummaa kanatti fayyadama. Kaayyoon Waaqayyoo kun akka raawwatamu hin shakkisiisu. (Isa. 55:10, 11) Yihowaan yeroo harʼaattis Mootii akka taʼe beekamaadha! Wantoonni dinqisiisoon waggoota 100 asitti raawwataman, kun dhugaa taʼuusaa mirkaneessu. Waaqayyo namoota amanamoo miliyoonaan lakkaaʼamaniifi isaaf bitamaniif wantoota gurguddaafi dinqisiisoo taʼan raawwachaa jira. (Zak. 14:9; Mul. 15:3) Haataʼu malee, Yihowaan Mootii taʼe jechuun, dhufaatii Mootummaasaa isa Yesus duuka buutonnisaa akka kadhatan barsiisee wajjin tokkodha jechuu miti. Wantoonni kun lamaan garaagarummaa akkamii qabu? Jireenya keenyarratti jijjiirama kan fidanhoo akkamitti?

MOOTIIN YIHOWAAN MUUDE TARKAANFII FUDHATA

3. (a) Yesus Mootii kan taʼe yoomi? Eessatti? (b) Mootummichi bara 1914⁠tti bulchuu akka jalqabe mirkaneessuu kan dandeessu akkamitti? (Miiljalee ilaali.)

3 Xumura jaarraa 19⁠ffaatti, raajiin Daaniʼel inni waggaa 2,500 dura barreeffameefi “Bara mootota sanaatti Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa deebiʼee matumaa hin badne . . . dhaabuuf jira” jedhu ifa taʼe. (Dan. 2:44) Barattoonni Macaafa Qulqulluu, barri 1914 bara murteessaa akka taʼu waggoota hedduudhaaf beeksisaa turaniiru. Yeroo sanatti, namoonni hedduun wanti gaariin akka dhufu abdatu turan. Barreessaan tokko, “Bara 1914⁠tti addunyaan abdiifi waadaadhaan kan guutame ture” jechuudhaan barreesseera. Haataʼu malee, Waraanni Addunyaa Tokkoffaa erga jalqabee booda raajiin Macaafa Qulqulluu dhugaa taʼuunsaa ni mirkanaaʼe. Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman kanneen akka beelaa, sochoʼa lafaafi dhukkubaa haala adda taʼeen raawwatamuunsaanii, Yesus Kiristos Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee bara 1914⁠tti bulchuu akka jalqabe argisiisu. * Yihowaan Ilmasaa isa Masiihii taʼe Mootii godhee waan muudeef, karaa garabiraatiin Mootii taʼeera jechuun ni dandaʼama.

4. Mootiin haaraan akkuma muudameen tarkaanfii akkamii fudhate? Ittaanseehoo maal godhe?

4 Tarkaanfiin jalqabaa Mootiin haaraan Waaqayyo muude kun fudhatu, Seexana isa diina Yihowaa taʼerratti waraana banuudha. Yeroo kanatti Yesusiifi ergamoonnisaa samiirra jiran Seexanaafi hafuurota hamoo samiirraa gad darbatan. Kunimmoo samiirratti gammachuu guddaan, lafarrattimmoo rakkinni kanaan dura taʼee hin beekne akka uumamu godheera. (Mulʼata 12:7-9, 12 dubbisi.) Ittaansuudhaan Mootiin kun, namoota lafarra jiraataniifi isaaf bitaman qulqulleessuu, leenjisuufi jaalala Waaqayyoo akka raawwataniif isaan gurmeessuu jalqabe. Namoonni Mootummaa kanaaf bitaman, qabxiiwwan sadan kana hojiirra oolchuunsaanii yeroo harʼaa fakkeenya gaarii kan nuuf taʼu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

MASIIHII INNI MOOTII TAʼE TAJAAJILTOOTASAA AMANAMOO TAʼAN QULQULLEESSA

5. Bara 1914fi jalqaba bara 1919 gidduutti maaltu raawwatame?

5 Mootichi aboo erga qabatee booda Seexanaafi hafuurota hamoo warra dhiibbaa gadhee geessisan samii keessaa kan qulqulleesse siʼa taʼu, achiis Yihowaan, haala hafuuraa duuka buutotasaa lafarra jiranii akka sakattaʼuufi akka qulqulleessu isa abboome. Miilkiyaas raajichi haalli kun qulqulleessuu karaa hafuuraa godhamu taʼuusaa ibsee ture. (Mil. 3:1-3) Kun kan raawwatame bara 1914fi jalqaba bara 1919 gidduutti taʼuusaa seenaan ni mirkaneessa. * Maatii uumama cufaa keessaa tokko taʼuu yoo barbaanne qulqulluu taʼuu qabna. (1 Phe. 1:15, 16) Wanta amantii sobaa ykn siyaasaa wajjin wal qabate kamirraayyuu walaba taʼuu qabna.

6. Nyaanni hafuuraa kan nuuf qophaaʼu akkamitti? Barbaachisaa kan taʼehoo maaliifi?

6 Sana booda Yesus aboo Mootii taʼuudhaan argatetti fayyadamee, ‘hojjetaa amanamaafi ogeessa’ muude. Hojjetaan kun, warra “karra tokko” taʼaniifi Yesus jalatti bulaniif yeroo hunda nyaata hafuuraa gaʼaa taʼe dhiheessa. (Mat. 24:45-47; Yoh. 10:16) Bara 1919 kaasee, gareen obboloota dibamoo muraasa taʼan qabate, itti gaafatamummaa guddaa “mana isaa” akka sooruuf isaaf kenname amanamummaadhaan raawwachaa jira. Nyaanni hafuuraa karaa kanaan nuuf dhihaatu amantiitti akka jabaannu kan nu godhudha. Murtoo karaa hafuuraa, amalaafi qaamaa qulqulluu taanee jiraachuuf goones nuuf cimsa. Nyaanni hafuuraa kun, hojii bakka guddaa qabuufi yeroo harʼaatti geggeeffamaa jirurratti guutummaatti hirmaachuuf kan nu leenjisuufi kan nu qopheessudha. Qophiiwwan kanatti akka gaariitti fayyadamaa jirtaa?

MOOTICHI TAJAAJILTOONNISAA ADDUNYAA MARATTI AKKA LALLABANIIF ISAAN LEENJISA

7. Yesus yeroo lafarra turetti hojii bakka guddaa qabu akkamii jalqabe? Hojiin kun kan itti fufuhoo hanga yoomiitti?

7 Yesus lafarratti tajaajilaa ennaa turetti, “Misraachoo mootummaa Waaqayyoo mandaroota warra kaanittis lallabuun ana irra jira, kanaaf anuu ergame” jechuudhaan dubbateera. (Luq. 4:43) Waggaa sadiifi jiʼa jaʼaaf ennaa lallabetti, jireenyasaa keessatti hojii kanaaf bakka guddaa akka kennu argisiiseera. “Akkuma dhaqxaniinis, ‘Mootummaan waaqaa dhiʼaateera’ jedhaa lallabaa!” jechuudhaan bartootasaa abboomeera. (Mat. 10:7) Duʼaa erga kaafamee booda, duuka buutonnisaa ergaa kana “hamma andaara lafaatti” akka lallaban dubbateera. (HoE. 1:8) Hojii bakka guddaa qabu kanarratti hanga dhumaatti akka isaan gargaaru waadaa isaaniif galeera.​—Mat. 28:19, 20.

8. Mootichi tajaajiltoonnisaa hojii lallabaatiif akka kakaʼan kan godhe akkamitti?

8 Bara 1919 kaasee “wangeelli mootummaa” hiika garabiraas akka qabu hubatame. (Mat. 24:14) Mootichi samiirratti bulchaa kan ture yommuu taʼu, garee namoota muraasa qabateefi qulqulleeffaman tokkos gurmeesseera. Namoonni kun, qajeelfama Yesus waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isa samiirratti bulchaa jiruu hanga andaara lafaatti akka labsan isaanii kenneef abboomamaniiru. (HoE. 10:42) Fakkeenyaaf, Fulbaana 1922 walgaʼii koonyaa, Seedaar Pooyint Ohaayoo, Yuu.Ees.Eetti godhamerratti labsitoonni Mootummichaa gara 20,000 taʼan argamanii turan. Obboleessi keenya Raazarfordi haasaa mataduree “Mootummicha” jedhu qabaterratti akkas jechuudhaan yommuu dubbate gammachuu isaanitti dhagaʼame mee yaadaa! “Kunoo Mootichi moʼeera! Isin immoo warra kana beeksisanidha. Kanaaf, Mootichaafi mootummaasaa beeksisaa, beeksisaa, beeksisaa.” Obboloota walgaʼicharratti argaman keessaa 2,000 kan taʼan guyyaa addaa “Guyyaa Tajaajilaa” jedhametti naannoo bakka walgaʼichaarraa gara kiilomeetira 72 fagaatee argamutti adeemuudhaan manaa gara manaatti lallabaniiru. Obboleessi tokko, “Waamicha Mootummicha akka beeksisnu nuu dhihaateefi hinaaffaa obboloonni walgaʼicharratti argaman agarsiisan matumaa hin irraanfadhu!” jedheera. Miirri kun obboloota hedduuttis dhagaʼameera.

9, 10. (a) Labsitoota Mootummichaa leenjisuuf qophiin akkamii godhameera? (b) Dhuunfaadhaan leenjii kanarraa faayidaa akkamii argatteetta?

9 Bara 1922⁠tti labsitoonni Mootummichaa 17,000 ol taʼan, biyyoota 58 keessatti dammaqinaan hojjechaa turan. Haataʼu malee, leenjiin isaan barbaachisa ture. Jaarraa tokkoffaatti, Yesus Mootii Kaadhimamaa taʼuudhaan qajeelfama maal, eessattiifi akkamitti akka lallaban ibsu bartootasaatiif kennee ture. (Mat. 10:5-7; Luq. 9:1-6; 10:1-11) Yeroo harʼaas haaluma wal fakkaatuun, Yesus labsitoonni Mootummichaa hundi qajeelfamaafi meeshaa akka gaariitti lallabuuf isaan barbaachisu argachuusaanii ni hordofa. (2 Xim. 3:17) Yesus, karaa gumii Kiristiyaanaa warra isaaf bitaman tajaajilaaf leenjisaa jira. Karaa itti leenjiin kun kennamu keessaa tokko Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii yommuu taʼu, kunis gumii 111,000 taʼaniifi addunyaa maratti argaman keessatti kan dhihaatudha. Yeroo harʼaa labsitoonni miliyoona torbaa ol taʼan, qajeelfama bakka kanaa argatanitti fayyadamuudhaan karaa “namoota hundumaa” hawwatuun lallabuufi barsiisuu dandaʼaniiru.​—1 Qorontos 9:20-23 dubbisi.

10 Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii malees, manneen barumsaa Macaafa Qulqulluu leenjii kennan hedduun jiru. Isaanis manneen barumsaa jaarsolii gumii, qajeelchitoota, obboloota qeentee, hiriyoota gaaʼelaa, miseensota Koree Waajjira Dameefi haadhotii manaasaanii, daawwattoota olaanaafi haadhotii manaasaanii, akkasumas misiyoonota leenjisuuf qophaaʼanidha. * Barattoonni Mana Barumsaa Hiriyoota Gaaʼelaatiif qophaaʼerratti hirmaatan, “Leenjiin addaa arganne jaalala Yihowaadhaaf qabnu nuu cimseera, warra kaan gargaaruufis akka gaariitti nu qopheesseera” jechuudhaan dinqisiifannaa qophii kanaaf qaban ibsaniiru.

11. Labsitoonni Mootummichaa mormiin utuu jiruu lallabuusaanii itti fufuu kan dandaʼan akkamitti?

11 Seexanni, hojii lallabaa balʼinaan geggeeffamaa jiruufi carraaqqii barsiisuuf godhamaa jiru akka gaariitti beeka. Kanaaf, kallattiidhaan ykn haxxummaadhaan, ergaa Mootummichaafi namoota ergicha lallabanirratti miidhaa geessisuudhaan hojichi akka dhaabatu gochuuf yaalii godha. Haataʼu malee, carraaqqiin Seexanni godhu kun matumaa isaaf hin milkaaʼu. Yihowaan, Ilmisaa, ‘aboo, humnaafi mootummaa hundumaa gararraa’ taʼe akka qabaatu godheera. (Efe. 1:20-22) Yesus Mootii waan taʼeef, bartootasaa eeguufi qajeelchuudhaan jaalalli Abbaasaa akka raawwatamu gochuuf aboosaatti fayyadama. * Misiraachichi lallabamaa jira; namoonni garaa qajeelaa qabaniifi miliyoonaan lakkaaʼaman daandii Yihowaa barachaa jiru. Hojii bakka guddaa qabu kanarratti hirmaachuun keenya mirga guddaadha!

MOOTICHI HOJII GUDDAADHAAF TAJAAJILTOOTASAA GURMEESSA

12. Yeroo Mootummichi itti hundeeffamee kaasee sirreeffama godhame tokko tokko caqasi.

12 Mootummichi bara 1914⁠tti erga hundeeffamee kaasee, Mootichi karaa tajaajiltoonni Waaqayyoo jaalala Abbaasaa itti raawwatan fooyyessuudhaan isaan gurmeessaa tureera. (Isaayaas 60:17 dubbisi.) Bara 1919⁠tti, gumiiwwan hunda keessatti hojii lallabaa adda durummaadhaan akka geggeessuuf daayireektarri tajaajilaa ni muudama ture. Bara 1927⁠tti Dilbata Dilbata manaa gara manaatti tajaajiluuf qophiin ni godhame. Bara 1931⁠tti deggertoonni Mootummichaa maqaa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼeefi Dhugaa Baatota Yihowaa jedhu yommuu argatan hojichaaf caalaatti kakaʼaniiru. (Isa. 43:10-12) Bara 1938⁠tti, itti gaafatamummaan gumii keessatti filannaadhaan kennamaa ture karaa tiʼookraasiitiin raawwatamuu jalqabe. Bara 1972⁠tti, gumiin ilaaltuu olaanaa tokkoon utuu hin taʼin qaama jaarsoliitiin akka geggeeffamu godhame. Dhiironni gaʼumsa qaban hundi ‘karra hoolotaa isa Waaqayyo isaanitti kenne eeguuf’ carraaqqii akka godhan jajjabeeffamaniiru. (1 Phe. 5:2) Bara 1976⁠tti, Qaamni Olaanaan koree jaʼatti gurmaaʼuudhaan hojii Mootummichaa addunyaa maratti geggeeffamu toʼachuu jalqabe. Bara 1914 kaasee, Mootiin Yihowaan muude namoota Mootummicha jalatti bulan karaa tiʼookraasiitiin gurmeessuusaa itti fufeera.

13. Wantoonni Mootummichi waggoota 100 darban keessatti raawwate jireenya keerratti jijjiirama akkamii fidaniiru?

13 Wantoota Masiihichi erga Mootii taʼee booda, jechuunis waggoota 100 asitti raawwate mee yaadaa! Namoota maqaa Yihowaatiif taʼan qulqulleesseera. Misiraachoon Mootummichaa biyyoota 239 keessatti akka lallabamu, akkasumas namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman karaa Yihowaa akka beekan godheera. Namoonni amanamoon miliyoona torbaa ol taʼaniifi jaalala Abbaasaa raawwachuuf fedhaan of dhiheessan tokko akka taʼan godheera. (Far. 110:3) Dhugumayyuu hojiin Yihowaan karaa Mootummaa Masiihichaa raawwate guddaafi dinqisiisaadha. Gara fuulduraattimmoo wantoota dinqisiisoo kana caalantu raawwatama!

EEBBA MOOTUMMAAN MASIIHICHAA GARA FUULDURAATTI FIDU

14. (a) “Mootummaan kee haa dhufu” jennee yommuu kadhannu Waaqayyoon maal gaafachuu keenyadha? (b) Caqasni waggaa 2014 maal kan jedhudha? Kun filatamuunsaa sirriidha kan jennu maaliifi?

14 Yihowaan, bara 1914⁠tti Ilmasaa Yesus Kiristos isa Masiihii taʼe Mootii godhee kan muude taʼus, kadhannaan “mootummaan kee haa dhufu” jechuudhaan dhiheessinu guutummaatti deebii hin arganne. (Mat. 6:10) Yesus, ‘diinotasaa gidduutti akka moʼu’ Macaafa Qulqulluu keessatti raajiidhaan dubbatameera. (Far. 110:2) Bulchiinsi ilmaan namootaa harka Seexanaa jala jiru ammayyuu Mootummaa Waaqayyoo mormuusaa itti fufeera. Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu yommuu kadhannu, Masiihichi inni Mootii taʼe warra isa faana mootota taʼanii wajjin dhufee bulchiinsa ilmaan namootaafi diinota Mootummaa Waaqayyoo akka balleessu kadhachuu keenyadha. Tarkaanfiin fudhatamu kun raajiin Daani’el 2:44⁠rratti argamuufi “Mootummoota sana hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa” jedhu raawwiisaa akka argatu kan godhudha. Mootummaan kun qaamota siyaasaa diinota Mootummichaa taʼan ni barbadeessa. (Mul. 6:1, 2; 13:1-18; 19:11-21) Yeroon raajiin kun raawwiisaa itti argatu baayʼee dhihaateera. Kanaaf, waggaa 100⁠ffaa Mootummaan Waaqayyoo samiirratti itti hundeeffametti, jechuunis bara 2014⁠tti caqasni waggaa Maatewos 6:10, isa “Mootummaan kee haa dhufu” jedhu taʼuunsaa sirriidha!

Caqasa waggaa 2014: “Mootummaan Kee Haa Dhufu.”​—Maatewos 6:10

15, 16. (a) Bulchiinsa Waggaa Kumaa keessatti wantoota dinqisiisoo akkamiitu raawwatama? (b) Masiihichi inni Mootii taʼe xumurarratti maal godha? Kunoo kaayyoo Yihowaan uumamawwansaa hundaaf qabu fiixaan akka baʼu kan godhu akkamitti?

15 Masiihichi inni Mootii taʼe, diinota Waaqayyoo erga balleessee booda, Seexanaafi hafuurota hamoo waggaa kuma tokkoof iddoo isa lafa jalaatti gad darbata. (Mul. 20:1-3) Yeroo kanatti Seexanni dhiibbaa geessisuu waan hin dandeenyeef, Mootummichi faayidaa aarsaan furii Yesus qabu hojiirra oolchuufi cubbuu karaa Addaam dhufe balleessuusaa itti fufa. Mootichi namoota miliyoona hedduutti lakkaaʼamaniifi duʼan duʼaa kan kaasu siʼa taʼu, sagantaa barumsaa balʼaa taʼe baasuudhaan namoonni kaan waaʼee Yihowaa akka isaan barsiisan godha. (Mul. 20:12, 13) Guutummaan lafaa akka iddoo dhaabaa Eeden taati. Ilmaan namootaa amanamoo taʼan hundi cubbuurraa walaba taʼu.

16 Bulchiinsi Kiristos inni Waggaa Kumaa yommuu xumuramu, Mootummaan Masiihichaa kaayyoosaa galmaan gaʼa. Achiis Yesus Mootummicha Abbaasaatiif deebisee kenna. (1 Qorontos 15:24-28 dubbisi.) Sana booda qaamni Yihowaafi ijoolleesaa lafarra jiraatan gidduu dhaabatu hin barbaachisu. Ilmaan Waaqayyoo samiirraafi ijoolleensaa lafarra jiran hundi maatii uumama cufaa taʼuudhaan Abbaasaanii isa samii wajjin tokkummaa qabaatu.

17. Mootummicha ilaalchisee maal gochuuf murteessiteetta?

17 Wantoonni dinqisiisoon bulchiinsa Mootummichaa waggoota 100 darban keessatti raawwataman Yihowaan toʼachaa akka jiruufi kaayyoon inni lafaaf qabu akka raawwatamu kan mirkaneessudha. Namoota amanamummaadhaan isaaf bulaniifi Mootichaafi Mootummaasaa beeksisan taʼuu keenya itti haa fufnu. Yihowaan kadhannaa, “Mootummaan kee haa dhufu” jechuudhaan dhiheessinuuf deebii akka kennu waan amannuuf, waaʼee Mootummichaa garaa guutuudhaan ni labsina.

^ key. 10 Mataduree, “Manneen Barnootaa Tiʼookraasii Jaalala Yihowaan Nuuf Qabu Mulʼisan” jedhu Masaraa Eegumsaa, Fulbaana 15, 2012, fuula 13-17 ilaali.

^ key. 11 Injifannoo biyyoota addaddaa keessatti karaa seeraa argame ilaalchisee Masaraa Eegumsaa, Muddee 1, 1998, fuula 19-22 ilaali. (Amaariffa)