Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gadda Duuti Hiriyaa Gaa’elaa Geessisu Danda’uu

Gadda Duuti Hiriyaa Gaa’elaa Geessisu Danda’uu

MACAAFNI QULQULLUUN, abbaan manaa ‘haadha manaasaa akka ofiisaatti jaallachuu’ akka qabuufi haati manaammoo ‘abbaa manaasheetiif ulfina kennuu’ akka qabdu, akkasumas lamaanuu “foon tokko” ta’uudhaan ga’eesaanii raawwachuu akka qaban ibsa. (Efe. 5:33; Uma. 2:23, 24) Yeroodhaa garaa yerootti, jaalalli hiriyoonni gaa’elaa waliif qaban yommuu dabalaa adeemu, hariiroon isaan gidduu jirus cimaa adeema. Haala kana hidda mukti wal cinaa dhaabamee guddatu lama qabuu wajjin walbira qabuun ni danda’ama. Abbaan manaafi haati manaa gaa’elasaaniitti gammadoo ta’an, miira walii sirriitti beeku.

Haata’u malee, abbaan manaa ykn haati manaa yoo du’an maaltu uumama? Hariiroonsaanii inni baay’ee cimaa ture addaan cita. Namoonni hiriyaa gaa’elaasaanii du’aan dhaban, gadda hin irraanfatamne, kophummaa, darbees miirri aariifi balleessaa akka qaban isaanitti dhaga’ama. Daaniyeelaan waggoota 58 gaa’ela keessatti kan dabarsite yommuu ta’u, waggoota kana keessatti namoonni hedduun hiriyaa gaa’elaasaanii yommuu du’aan dhaban argiteetti. * Haata’u malee, erga abbaan manaashee du’ee booda, “Haala kana, kanaan dura matumaa hubadhee hin beeku. Hamma isinirra ga’utti haalasaa sirriitti hubachuu hin dandeessan” jetteetti.

DHIPHINA WAAN HIN IRRAANFATAMNE FAKKAATU

Qorattoonni tokko tokko, dhiphinni dhiphina hiriyaa gaa’elaa jaallatan du’aan dhabuun gessisu wajjin wal gitu akka hin jirre amanu. Namoonni hiriyaa gaa’elaasaanii du’aan dhaban hedduunis yaada kanarratti walii galu. Abbaan manaa Miilii erga du’ee waggoonni hedduun darbaniiru. Jireenya kophaashee jiraattu ilaalchisee, “Naafa akkan ta’e natti dhaga’ama” jetteetti. Kana kan dubbatte hiriyaa gaa’elaashee waggaa 25 waliin jiraatan dhabuusheetiin miirrishee hammam akka hubame ibsuufidha.

Suuzaan, dubartoonni abbaa manaasaanii du’aan dhaban, waggoonni hedduun erga darbanii booda garmalee gadduunsaanii barbaachisaa akka hin taane itti dhaga’ama ture. Haata’u malee, abbaan manaashee inni waggoota 38iif waliin jiraatan ni du’e. Amma waggoonni 20 ol kan darban ta’us, “Guyyaa hunda waa’eesaa nan yaada” jetteetti. Baay’ee waan isa yaadduuf yeroo hunda ni boossi turte.

Macaafni Qulqulluun, gaddi hiriyaa gaa’elaa ennaa du’aan dhaban namatti dhaga’amu baay’ee cimaafi yeroo dheeraadhaaf kan turu akka ta’e mirkaneessa. Abrahaam, haati manaasaa Saaraan ennaa duutetti, “gadduu fi isheedhaaf boo’uufis ol in gale.” (Uma. 23:1, 2) Abrahaam du’aa ka’uutti kan amanu ta’us, ennaa haatimanaasaa duutetti gaddi cimaan itti dhaga’ameera. (Ibr. 11:17-19) Yaaqoob, Raahel haadha manaasaa ishee baay’ee jaallatu du’aan yommuu dhabetti dafee ishee hin irraanfanne. Ijoolleesaatiif waa’eeshee garaadhaa dubbateera.​—Uma. 44:27; 48:7.

Seenaa Macaafa Qulqulluu kanarraa maal baranna? Namoonni hiriyaa gaa’elaasaanii du’aan dhaban waggoota hedduudhaaf gaddi itti dhaga’ama. Gaddaafi boo’ichasaanii akka dadhabinaatti ilaaluu mannaa, gadda cimaa hiriyaa gaa’elaasaanii du’aan dhabuusaaniitiin isaanitti dhaga’ame ta’uusaa hubachuufii qabna. Tarii yeroo dheeraadhaaf akka isaaniif yaannuufi akka isaan deggerru barbaadu ta’a.

WAA’EE BORII DHIPHACHUU DHIISUU

Hiriyaa gaa’elaa ofii erga du’aan dhabanii booda, deebi’anii qeenxee ta’uudhaan jiraachuun baay’ee ulfaataadha. Erga gaa’ela godhatanii booda, abbaan manaa haati manaasaa yommuu gadditu ykn abdii kutattu akkamitti akka ishee jajjabeessu beeka. Yoo inni du’e garuu, madda jaalalaafi jajjabinaashee dhabde jechuudha. Haaluma wal fakkaatuun, yeroon darbaa yommuu deemu, haati manaa abbaan manaashee tasgabbiin akka isatti dhaga’amuufi akka gammadu akkamitti gochuu akka dandeessu barachaa adeemti. Jaalalaan kakaatee isa qaqqabuunsheefi yaada garaasaa ciibsu dubbachuunshee, akkasumas fedhiiwwansaafi wantoota isa barbaachisaniif xiyyeeffannaa kennuunshee isaaf wanta kamirrayyuu kan caaludha. Yoo isheen duute garuu jireenyi itti dukkanaa’a. Kanaaf, namoonni hiriyaa gaa’elaasaanii du’aan dhaban tokko tokko waa’ee gara fuulduraa ilaalchisee shakkiifi sodaatu isaanitti dhaga’ama. Haata’u malee, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu nagaafi tasgabbiin akka isaanitti dhaga’amu godhan kamfa’i?

Waaqayyo waa’ee borii utuu hin dhiphatin gaddakee akka dandeessu si gargaara

“Waa’ee boriifis hin yaadda’inaa, guyyaan borii ofii isaatiif iyyuu in yaadda’atao; rakkinni guyyaa sanaa duwwaan iyyuu guyyichaaf in ga’a.” (Mat. 6:34) Yaanni Yesus dubbate kun adda durummaadhaan wanta jireenyaaf nu barbaachisu kan argisiisudha; ta’us namoonni nama jaallatan du’aan dhaban hedduun gaddasaanii akka obsan isaan gargaareera. Namni Chaarlis jedhamuufi haati manaasaa erga duute ji’oonni muraasni darban akkas jechuudhaan barreesseera: “Gaddi Mooniikiin dhabuu kootiin natti dhaga’amu hamma ammaattiyyuu cimaadhaa; yeroo tokko tokkommoo natti hammaata. Haata’u malee, kun ta’uunsaa waanuma jiru akka ta’eefi ennaa yeroon darbaa deemu, dhiphinni natti dhaga’amu suuta suuta hir’achaa akka deemun hubadhe.”

Eeyyee, Chaarlis “ennaa yeroon darbaa deemu” obsuu danda’eera. Akkamitti? “Gargaarsa Yihowaatiin waa’ee borii dhiphachuu dhiiseera” jedheera. Chaarlis gaddaan hin mo’amne. Dhiphinni isatti dhaga’ame halkan tokkotti baduu baatus, guutummaatti isa hin to’anne. Hiriyaa gaa’elaakee du’aan dhabdeetta taanaan waa’ee borii hin dhiphatin. Gargaarsa ykn jajjabina guyyaa ittaanutti argattu beekuu hin dandeessu.

Duuni kutaa kaayyoo Yihowaa isa jalqabaa miti. Kanaa mannaa, duuni “hojii Seexanaa” keessaa tokkodha. (1​Yoh. 3:8; Rom. 6:23) Seexanni du’aafi sodaa duuni geessisutti fayyadamee, namoota hedduu garba godhateera; akkasumas abdii malee akka jiraatan godheera. (Ibr. 2:14, 15) Seexanni, namoonni ammas ta’e addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti gammachuu dhugaa akka qabaatan hin barbaadu. Kanaafuu, gaddi hiriyaa gaa’elaa yommuu dhaban namatti dhaga’amu, bu’aa cubbuu Addaamirraa dhaalleefi haxxummaa Seexanaati. (Rom. 5:12) Yihowaan, mi’a waraanaa Seexanni gara jabinaan itti fayyadamu, jechuunis du’a balleessuudhaan, badiisa karaa Seexanaa dhufe hundaaf furmaata kenna. Siin dabalatee namoonni hiriyaa gaa’elaasaanii du’aan dhaban hedduun sodaa akkasiirraa bilisa ba’aniiru.

Namoota lafarratti jiraachuuf du’aa ka’anii wajjin haala wal qabateen, hariiroo ilmaan namootaarratti jijjiiramni hedduun akka jiraatu haalasaarraa hubachuun ni danda’ama. Haadhotiifi abbootiin, akaakayyuuwwaniifi firoonni kaan, du’aa ka’anii ijoolleesaaniifi ijoollee ijoolleesaanii wajjin cubbuurraa bilisa ta’aa yommuu adeeman haallisaa maal akka fakkaatu yaadi. Wantoonni sababa dullumaatiin dhufan ni badu. Dargaggoonni akaakayyuuwwansaaniitiif ilaalcha yeroo ammaa qabanirraa adda ta’e qabaachuu barachuun isaan barbaachisaa laata? Jijjiiramawwan akkasii, kutaa fooyya’iinsa maatiin ilmaan namootaa argisiisanii akka ta’an ni amannaa?

Du’aa ka’uu namoota hiriyaa gaa’elaa lama ykn isaa ol du’aan dhabanii dabalatee, du’aa ka’uu ilaalchisee wantoonni gaaffii ta’an hedduun jiraachuu danda’u. Saduqoonni waa’ee dubartii abbaan manaashee inni jalqabaa erga du’ee booda, lammata heerumteefi achiis hanga yeroo torbaffaatti heerumte tokkoo gaaffii kaasanii turan. (Luq. 20:27-33) Namoonni kun ennaa du’aa ka’anitti walitti dhufeenya akkamii qabaatu? Waa’ee kanaa wanti beeknu hin jiru; yaadawwan hin beekamne akkasiirratti yaaduufis ta’e irratti dhiphachuuf sababa hin qabnu. Haala akkasii ilaalchisee Waaqayyotti amanamuu qabna. Wanti Yihowaan gara fuulduraatti godhu hundi gaarii akka ta’e beekamaadha; kanaaf abdiidhaan yeroo sana eeggachuu qabna malee sodaachuu hin qabnu.

ABDIIN DU’AA KA’UU MADDA JAJJABINAATI

Wantoota Dubbiin Waaqayyoo ifatti barsiisu keessaa tokko namoonni jaallannuufi du’aan dhabne deebi’anii jireenya akka argatan kan ibsudha. Seenaan Macaafni Qulqulluun waa’ee namoota bara duriitti du’aa ka’anii dubbatu, ‘warri du’anii awwaalaman sagalee Yesus yeroon itti dhaga’an akka dhufuufi awwaala keessaa akka ba’an’ nuuf mirkaneessa. (Yoh. 5:28, 29) Namoonni yeroo sana lubbuudhaan jiran, namoota du’aa ka’an ennaa ilaalan ni gammadu. Gammachuun namoota du’aa ka’anitti dhaga’amummoo baay’ee addadha.

Namoonni ennaa du’aa ka’an, lafti haala kanaan dura ta’ee hin beekneen gammachuudhaan guutamti. Ilmaan namootaa biliyoonaan lakkaa’aman du’aa ka’anii namoota kaanii wajjin jiraachuu jalqabu. (Mar. 5:39-42; Mul. 20:13) Dinqii gara fuulduraatti raawwatamu kanarratti xiinxaluun, namoota nama jaallatan du’aan dhaban hunda kan jajjabeessudha.

Wanti iddoo guddaa qabu akkasii lafarratti erga raawwatamee booda haalli gadduuf sababa ta’u ni jiraataa? Macaafni Qulqulluun akka hin jiraanne dubbata. Isaayaas 25:8 akka dubbatutti Yihowaan, “raawwatees du’a in balleessa.” Kunimmoo caqasichi itti fufee akka dubbatutti, rakkina duuni geessisu hunda balleessuu kan dabalatudha: “Waaqayyo gooftaan imimmaan ija nama hundumaattii in haqa.” Hiriyaa gaa’elaakee du’aan dhabuu keetiin gaddi sitti dhaga’amaa jira taanaan, abdiin du’aa ka’uu gammachuu siif argamsiisa.

Wanta Waaqayyo addunyaa haaraa keessatti raawwatu namni guutummaatti hubachuu danda’u hin jiru. Yihowaan, “Akkuma waaqni lafa irraa ol fagaatu, akkasuma karaan koo karaa keessan irraa, yaadni koos yaada keessan irraa in fagaata” jedheera. (Isa. 55:9) Abdiin du’aa ka’uu ilaalchisee Yesus dubbate, akkuma Abrahaam, Yihowaatti amanamuuf carraa nuu bana. Kiristiyaanonni hundi, namoota du’aa kaafamanii wajjin ‘biyya isa dhufu keessa jiraachuudhaaf,’ wanta Waaqayyo hundasaaniirraa barbaadu raawwachuu qabu.​—Luq. 20:35.

WANTA ABDII QABAACHUUF SABABA TA’U

Abdii keessan cimsachuuf yaalaa malee hin dhiphatinaa. Akka ilaalcha namootaatti yeroon gara fuulduraa kan dukkanaa’edha. Haata’u malee, Yihowaan haalli ba’eessa ta’e akka dhufu abdii nuu kenneera. Yihowaan wanta nu barbaachisuufi fedhii keenya akkamitti akka nuu guutu guutummaatti beekuu hin dandeenyu; akka nuu guutu garuu hin shakkinu. Phaawulos ergamaan, “Abdiin ijaan argamu immoo abdii miti; namni waan ijaan argu in abdataa ree? Wanta ijaan hin argine yoo abdanne garuu, obsaan in eegganna” jedheera. (Rom. 8:24, 25) Waadaawwan Waaqayyo kennerratti abdii cimaa qabaachuunkee obsaan eeggachuuf si gargaara. Obsaan yoo eeggatte, gara fuulduraatti Yihowaan “kadhata garaa kee siif in kenna.” Inni “fedha warra lubbuu qaban hundumaa” ni quufsa.​—Far. 37:4; 145:16; Luq. 21:19.

Abdii Yihowaan kennetti amanamuun gammachuu nuuf argamsiisa

Yeroon Yesus itti du’u ennaa dhihaatetti ergamoonnisaa baay’ee dhiphatanii turan. Yesus, “Garaan keessan hin raafamin, Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa!” Akkasumas, “Ani kophaatti isin hin dhiisu, gara keessan nan dhufa” jechuudhaan isaan jajjabeesseera. (Yoh. 14:1-4, 18, 27) Yaannisaa kun, jaarraawwan hedduudhaaf duuka buutonnisaa warri dibamoo ta’an abdiifi obsa akka qabaatan gargaareera. Namoonni nama jaallatan du’aan dhabanis dhiheenyatti deebisanii waan isaan argataniif sababa garmalee itti gaddan hin qaban. Yihowaafi Yesus jajjabina isaaniif ta’u. Gama kanaan amanannaa qabaachuu dandeessa!

^ key. 3 Maqaawwan jijjiiramaniiru.