Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Hafuurri Qulqulluun Waan Hundumaa . . . Qoree Bira In Gaʼa”

“Hafuurri Qulqulluun Waan Hundumaa . . . Qoree Bira In Gaʼa”

“Hafuurri Qulqulluun Waan Hundumaa . . . Qoree Bira In Gaʼa”

“Hafuurri qulqulluun waan hundumaa, yaada Waaqayyoo isa gad fagoo iyyuu qoree bira in gaʼa.”—1 QOR. 2:10.

1. Phaawulos 1 Qorontos 2:10⁠rratti, gaʼee hafuura qulqulluu isa kam caqase? Gaaffiiwwan akkamiitu kaʼa?

HOJII hafuurri Yihowaa raawwatuuf baayʼee galateeffanna! Caaffanni Qulqullaaʼoon, hafuurri qulqulluun gargaaraa, kennaa, dhugaa kan baʼuufi kan nuuf kadhatu akka taʼe ibsu. (Yoh. 14:16, NW; HoE. 2:38; Rom. 8:16, 26, 27) Phaawulos ergamaan, “Hafuurri qulqulluun waan hundumaa, yaada Waaqayyoo isa gad fagoo iyyuu qoree bira in gaʼa” jechuudhaan, gaʼee guddaa hafuurri qulqulluun qabu kan biraa ibseera. (1 Qor. 2:10) Dhugumayyuu, Yihowaan dhugaawwan hafuuraa gadi fageenya qaban ibsuuf hafuura qulqulluutti fayyadama. Utuu gargaarsa hafuurasaa hin qabnu taʼee, kaayyoowwan Yihowaa hammam hubanna turre? (1 Qorontos 2:9-12 dubbisi.) Haataʼu malee, gaaffiiwwan hedduutu kaʼa: ‘Hafuurri qulqulluun yaada Waaqayyoo isa gad fagoo qoree bira kan gaʼu’ akkamitti? Yihowaan Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti wantoota kana ifa kan godhe karaa eenyuutiini? Bara keenyattoo hafuurichi wantoota gad fagoo kana qoree bira kan gaʼu akkamitti? Karaa eenyuu?

2. Hafuurri qulqulluun hojii akkamii lama raawwata?

2 Yesus, karaa hafuurichi itti hojjetu lama caqaseera. Duʼuusaa yeroo muraasa dura ergamootasaatiin akkas jedhee ture: “Inni isiniif dubbatu [“gargaaraan,” NW] hafuurri qulqulluun, inni abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isin in barsiisa, waanan isinitti hime hundumaas isin in yaadachiisa.” (Yoh. 14:26) Kanaafuu, hafuurri qulqulluun barsiisaafi yaadachiisaa taʼa jechuudha. Barsiisaa taʼuudhaan, Kiristiyaanonni waan kanaan dura hin hubanne akka hubatan gargaara. Yaadachiisaa taʼuudhaanimmoo, waan kanaan dura ibsame akka yaadataniifi karaa sirrii taʼeen hojiirra akka oolchan isaan gargaara.

Jaarraa Jalqabaatti

3. ‘Yaanni Waaqayyoo inni gad fagoon’ suutuma suuta akka ibsamu kan argisiisu dubbii Yesus isa kami?

3 Yesus, bartootasaa dhugaawwan isaaniif haaraa taʼan hedduu barsiiseera. Taʼuyyuu, wanti barachuu qaban baayʼeen jira ture. Yesus ergamootasaatiin akkas jedheera: “Ani waan baayʼee kanan isinitti himu illee qaba, ammaaf garuu baachuu hin dandeessan. Hafuurri dhugaa sun yommuu dhufu, gara dhugaa hundumaa keessatti isin in geessa.” (Yoh. 16:12, 13) Yesus, dhugaawwan hafuuraa gad fagoo taʼan, karaa hafuura qulqulluu suutuma suuta akka ibsaman dubbachuusaa ture.

4. Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti, hafuurri qulqulluun barsiisaafi yaadachiisaa kan taʼe akkamitti?

4 Dh.K.B. guyyaa Phenxeqosteetti, “hafuurri dhugaa” Kiristiyaanota 120 Yerusaalemitti walitti qabamanii turanirratti dhangalaʼe. Kun taʼuusaatiif, ragaan ijaan argamuufi gurraan dhagaʼamu jira ture. (HoE. 1:4, 5, 15; 2:1-4) Bartoonni sun waaʼee “hojii Waaqayyoo isa dinqisiisaa” afaan addaddaa hedduudhaan dubbataniiru. (HoE. 2:5-11) Yeroon kun, yeroo wanti haaraan tokko ifa itti taʼu ture. Yoʼel raajichi, hafuurri qulqulluun akka dhangalaʼu raajii dubbateera. (Yoe. 2:28-32) Namoonni kaan, raajiin kun karaa isaan hin eegneen yommuu raawwatamu arganiiru; Phexros ergamaanis dursa fudhachuudhaan wanta raawwatame kanarratti ibsa kenne. (Hojii Ergamootaa 2:14-18 dubbisi.) Karaa kanaan, hafuurri qulqulluun wanti bartoota Yesusirratti raawwatame, raawwii raajii durii sanaa taʼuusaa Phexrosiif ifa gochuudhaan barsiisaa taʼeera. Phexros macaafa Yoʼelirraa qofa utuu hin taʼin Faarfannaa Daawit lamarraas waan caqaseef, hafuurri qulqulluun yaadachiisaas taʼeera. (Far. 16:8-11; 110:1; HoE. 2:25-28, 34, 35) Wanti namoonni walitti qabaman sun hundi arganiifi dhagaʼan, yaada Waaqayyoo isa gad fagoo ture.

5, 6. (a) Dh.K.B. bara 33 kaasee, kakuu haaraa ilaalchisee gaaffiiwwan barbaachisaa kamtu deebii argachuu qaba ture? (b) Dhimma tokko mareedhaaf kan dhiheessan eenyufaʼi? Murtoowwan kan godhamanoo akkamitti ture?

5 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, ammas wantoonni ifa taʼuufii qaban hedduun jiru turan. Fakkeenyaaf, kakuu haaraa guyyaa Phenxeqostee sanatti hojiirra ooluu jalqabe ilaalchisee gaaffiiwwan kaʼan jiru turan. Kakuu haaraan Yihudootaafi namoota gara Yihudiitti jijjiiramaniif qofa kan hojjetu turee? Warri saba Waaqayyoo hin taanes kakuu kana keessatti fudhatama argachuufi hafuura qulqulluudhaan dibamuu ni dandaʼuu? (HoE. 10:45) Dhiironni warra saba Waaqayyoo hin taane keessaa dhufan, dura dhaqna qabamuufi Seera Museetiif bitamuun isaan barbaachisaa? (HoE. 15:1, 5) Gaaffiiwwan kun baayʼee barbaachisaa turan. Yaadawwan gad fagoo kana qoranii bira gaʼuuf, hafuurri Yihowaa barbaachisaa ture. Haataʼu malee, hafuurri kun karaa eenyuu hojjeta?

6 Dhimma tokko mareedhaaf kan dhiheessan, obboloota itti gaafatamummaa qaban turan. Phexros, Phaawulosiifi Barnaabaas walgaʼii qaama olaanaa sanarra kan turan yommuu taʼu, Yihowaan warra sabasaa hin turreefi dhaqna hin qabanneef xiyyeeffannaa kennaa akka ture ibsaniiru. (HoE. 15:7-12) Ragaa kana Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa wajjin walbira qabanii qoruufi gargaarsa hafuura qulqulluutiin, qaamni olaanaan sun murtoo godhe. Achiis, murtoo godhan sana barreeffamaan gumiiwwanitti beeksisan.—Hojii Ergamootaa 15:25-30; 16:4, 5 dubbisi; Efe. 3:5, 6.

7. Dhugaawwan gad fageenya qaban kan ibsaman karaa kamiin ture?

7 Dhimmawwan kan biraa hedduun, barreeffamoota Yohannis, Phexros, Yaaqoobiifi Phaawulos hafuuraan geggeeffamanii barreessanirratti ifa taʼaniiru. Haataʼu malee, Caaffanni Qulqullaaʼoon afaan Giriikii barreeffamanii erga xumuramanii booda, raajii dubbachuufi dinqiidhaan beekumsa tokko hubachuun ni hafe. (1 Qor. 13:8) Hafuurichi, barsiisuufi yaadachiisuusaa itti fufaa? Kiristiyaanonni yaada Waaqayyoo isa gad fagoo qoranii akka bira gaʼan gargaaruusaahoo ittuma fufaa? Kana gochuusaa akka itti fufu raajiin dubbatame ni mirkaneessa.

Guyyoota Gara Dhumaatti

8, 9. Guyyoota gara dhumaatti, hubannaa hafuuraa qabaachuudhaan kan ‘ifan’ eenyufaʼi?

8 Ergamaan Waaqayyoo tokko waaʼee guyyoota gara dhumaa akkas jechuudhaan dubbateera: “Warri ogummaadhaan nama geggeessan akka ifa bantii waaqaa, warri namoota baayʼee gara qajeelinaatti deebisanis akka urjootaa, yeroo hundumaaf bara baraan calaqqisuuf jiru. . . . Beekumsis baayʼachuuf jira.” (Dan. 12:3, 4) Warri ogummaadhaan nama geggeessan eenyufaʼi? Warri ifanoo? Yesus fakkeenya waaʼee qamadiifi inkirdaadaa dubbaterratti kana ilaalchisee waan ibse qaba. Waaʼee “dhuma biyya lafaa” yommuu dubbatu, “Warri qajeeltonni mootummaa abbaa isaanii keessatti akka biiftuu in ifu” jedheera. (Mat. 13:39, 43) Yesus ibsa kennerratti, “warri qajeeltonni” “ilmaan mootummaa,” jechuunis Kiristiyaanota dibamoo akka taʼan dubbateera.—Mat. 13:38.

9 Kiristiyaanonni dibamoon hundi ‘in ifuuʼ? Kiristiyaanonni hundumtuu hojii lallabaa, bartoota gochuufi walgaʼiirratti wal jajjabeessuurratti waan hirmaataniif, eeyyee jechuun ni dandaʼama. Kiristiyaanonni dibamoon fakkeenya taʼuu qabu. (Zak. 8:23) Kana malees, guyyoota gara dhumaatti wantoonni gad fagoon ibsamuu qaban jiru turan. Raajiin Daaniʼel galmeesse, hamma yeroo sanaatti “mallatteeffamee” ture. (Dan. 12:9) Hafuurichi wantoota gad fagoo kana qoree bira kan gaʼu akkamitti? Karaa eenyuu?

10. (a) Guyyoota gara dhumaatti hafuurri qulqulluun dhugaawwan gad fagoo taʼan kan ibsu karaa eenyuutiini? (b) Dhugaawwan waaʼee mana qulqullummaa hafuuraa isa guddaa dubbatan akkamitti ifa akka taʼan ibsi.

10 Bara keenyatti beekumsa hafuuraa tokko ibsuun yeroonsaa yoo gaʼe, hafuurri qulqulluun bakka buutonni ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaa’ itti gaafatamummaa qabaniifi waajjira muummee keessatti hojjetan, dhugaawwan gad fagoo kanaan dura hin hubatamne akka hubatan isaan gargaara. (Mat. 24:45; 1 Qor. 2:13) Guutummaan Qaama Olaanaa, yaadawwan sirreeffamni irratti godhame ni ilaala. (HoE. 15:6) Wanta hubatan sana, warri kaanis akka argataniif ni maxxansu. (Mat. 10:27) Yeroo boodammoo ibsi dabalataa kennamuu qaba taʼa; kunis amanamummaadhaan ifa godhama.—Saanduqa “Hafuurri Qulqulluun Hiika Mana Qulqullummaa Hafuuraa Kan Ibse Akkamitti?” jedhu ilaali.

Yeroo Harʼaa Gaʼee Hafuurichi Qaburraa Fayyadamuu

11. Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran hundi, gaʼee hafuurri qulqulluun yaada Waaqayyoo isa gad fagoo ibsuurratti qaburraa fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti?

11 Kiristiyaanonni amanamoon hundumtuu, gaʼee hafuurri qulqulluun yaada Waaqayyoo isa gad fagoo ibsuurratti qaburraa ni fayyadamu. Akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa, nuyis yeroo harʼaa barumsa hafuurri qulqulluun nu hubachiise ni qayyabanna; boodas yaadannee hojiirra oolchina. (Luq. 12:11, 12) Dhugaawwan hafuuraa gad fagoo maxxanfamanii baʼan hubachuuf, barumsa olaanaa barachuun nu hin barbaachisu. (HoE. 4:13) Hubannaa yaada Waaqayyoo isa gad fagoo ilaalchisee qabnu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti? Yaadawwan muraasa ilaali.

12. Hafuura qulqulluu argachuuf kadhachuu kan qabnu yoomi?

12 Hafuura qulqulluu argachuuf kadhadhu. Caaffata Qulqullaaʼoo qoruu jalqabuu keenya dura, hafuurri qulqulluun akka nu gaggeessu kadhachuu qabna. Kophaa keenya yoo taane ykn saʼaatiin qabnu gabaabaa yoo taʼellee, kana gochuun keenya barbaachisaadha. Kadhannaan gad of deebisuudhaan dhiheessinu akkasii, Abbaa keenya isa samii akka gammachiisu beekamaadha. Akkuma Yesus jedhe, Yihowaan garaadhaa yoo isa kadhanne hafuura qulqulluu nuu kenna.—Luq. 11:13.

13, 14. Walgaʼiidhaaf qophaaʼuun yaada Waaqayyoo isa gad fagoo hubachuurratti gaʼee maalii qaba?

13 Walgaʼiidhaaf qophaaʼi. Karaa kutaa hojjetichaa, “yeroodhaan nyaata” ni arganna. ‘Hojjetichi,’ barreeffamoota Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼan dhiheessuudhaan, sagantaa qayyabannaafi walgaʼii qopheessuudhaan hojii kennameef ni raawwata. Hojjetaan kun ‘obbolummaan amantootaa’ barumsa tokko akka qayyabatan kan godhu sababii gaʼaarratti hundaaʼeeti. (1 Phe. 2:17; Qol. 4:16; Yih. 3) Yaada nuu kennamu hordofuuf hamma dandeenye yommuu carraaqnu, hafuura qulqulluu wajjin akka walii gallu argisiisna.—Mul. 2:29.

14 Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaatiif yommuu qophoofnu, caqasawwan yaannisaanii hin kaaʼamne dubbisuufi tokkoon tokkoonsaa barumsichaa wajjin akkamitti akka walsimu hubachuuf carraaquu qabna. Akkas gochuun, suutuma suuta hubannaa Macaafa Qulqulluu keenya nuu guddisa. (HoE. 17:11, 12) Caqasoota kana dubbisuun, yaannisaanii sammuu keenya keessaa akka hin badne godha; yeroo barbaachisaa taʼettimmoo hafuurri qulqulluun akka isaan yaadannu nu gargaara. Kana malees, caqasichi Macaafa Qulqulluurra bakka kamitti akka argamu yoo ilaalle, yeroo barbaannetti iddoosaa salphaatti argachuu dandeenya.

15. Barreeffamoota maxxanfaman hordofnee dubbisuu kan qabnu maaliifi? Ati kana kan gootu akkamitti?

15 Barreeffamoota baʼan hunda dubbisi. Barreeffamoonni maxxanfaman tokko tokko gumiirratti qayyabatamuu baatanis, faayidaa keenyaaf kan qophaaʼanidha. Barruuleen namootaaf raabsamanillee, nuunis xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan kan qophaaʼanidha. Biyya lafaa buʼaa baʼiin itti baayʼate kana keessatti, yeroo baayʼee nama ykn waan tokko ni eegna. Yeroo kanatti barreeffama hin dubbisne ykn walakkaasaa qofa dubbisne yoo qabanne, carraa kanatti hamma tokko dubbisuu dandeenya. Namoonni tokko tokko, yeroo karaa deeman ykn yeroo konkolaataa oofan, barreeffamoota sagaleedhaan waraabaman hunda waan dhaggeeffataniif barreeffamoonni hundi isaan jala hin darban. Barreeffamoonni qorannaan gadi fageenya qabuu irratti godhameefi namoonni hundumtuu salphaatti akka hubatutti qopheeffaman kun hundi, dinqisiifannaa dhugaawwan hafuuraatiif qabnu nuu guddisu.—An. 2:2.

16. Gaaffiiwwan sammuu keenyatti dhufan barreeffachuufi qorannaa irratti gochuun kan nu fayyadu akkamitti?

16 Xiinxali. Macaafa Qulqulluus taʼe barreeffamoota isarratti hundaaʼan ennaa dubbistu, irratti yaaduuf yeroo ramadi. Yaadawwan dubbistu sana yeroo wal qabsiisaa deemtu, gaaffiin sitti uumamuu dandaʼa. Gaaffiiwwan kana barreeffattee qorannaa dabalataa irratti gochuu dandeessa. Yeroo baayʼee qorannaa gad fageenya qabu kan goonu, dhimmawwan akka yaannu nu godhan yommuu nu mudatanittidha. Hubannaan argannu, kutaa qabeenya dhuunfaa keenyaa isa yeroo nu barbaachisutti itti fayyadamuu dandeenyu taʼa.—Mat. 13:52.

17. Qayyabannaa maatii ykn dhuunfaa gochuuf sagantaa akkamii hordofta?

17 Waaqeffannaa maatiitiif yeroo ramadi. Qaamni Olaanaan, hundi keenya torbanitti galgala ykn saʼaatii kan biraa tokko ramannee, qayyabannaa dhuunfaa ykn qayyabannaa maatii akka goonu nu jajjabeesseera. Sagantaa walgaʼiirratti sirreeffamni godhamuunsaa, gorsa kana hojiirra oolchuuf karaa nuu bana. Yeroo Waaqeffannaa Maatii goonu maal qayyabanna? Obboloonni tokko tokko, Macaafa Qulqulluu erga dubbisanii booda, caqasa gaaffii isaanitti uume tokkorratti qorannaa godhanii Macaafa Qulqulluu isaaniirratti yaadannoo gabaabaa barreessu. Maatiiwwan hedduun, barumsa qayyabatan sana maatiinsaanii akkamitti hojiirra oolchuu akka dandaʼu yeroo fudhatanii irratti yaadu. Mataawwan maatii tokko tokkommoo, barumsa maatiisaaniitiif akka barbaachisu isaanitti dhagaʼamu, yookiinimmoo yaada ykn gaaffii maatichi irratti mariʼachuuf yaada dhiheesse tokko filatanii qayyabatu. Yeroo booda, matadureen irratti mariʼattan kan biraa akka jiraatu homaa hin shakkisiisu. *

18. Dhugaawwan Dubbii Waaqayyoo gad fagoo taʼan qorachuurraa duubatti jechuu kan hin qabne maaliifi?

18 Yesus, hafuurichi akka nu gargaaru dubbateera. Kanaaf, dhugaawwan Dubbii Waaqayyoo gad fagoo taʼan qayyabachuurraa duubatti jechuu hin qabnu. Dhugaawwan kun kutaa “beekumsa Waaqayyoo,” [NW] isa gati jabeessa waan taʼaniif, dhugaawwan kana akka qorannu afeeramneerra. (Fakkeenya 2:1-5 dubbisi.) Dhugaawwan kun, “waan Waaqayyo warra isa jaallataniif qopheesse” ilaalchisee waan baayʼee ibsu. Dubbii Yihowaa barachuuf carraaqqii dabalataa yoo goone, “hafuurri qulqulluun waan hundumaa, yaada Waaqayyoo isa gad fagoo iyyuu qoree bira in gaʼa” waan taʼeef nu gargaara.—1 Qor. 2:9, 10.

[Miiljaleewwan]

^ key. 17 Tajaajila Mootummaa Onkoloolessa 2008, fuula 8 ilaali.

Maal Jettee Deebista?

• Hafuurri qulqulluun “yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” qoruuf kan nu gargaaru karaawwan lamaan kamiini?

• Jaarraa jalqabaatti, hafuurri qulqulluun dhugaawwan gad fagoo taʼan kan ibse karaa eenyuu ture?

• Hafuurri qulqulluun yeroo ammaa dhimmawwan tokko tokko ifa kan godhu akkamitti?

• Gaʼee hafuura qulqulluurraa faayidaa argachuuf maal gochuu dandeessa?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Saanduqa fuula 22rra jiru]

Hafuurri Qulqulluun Hiika Mana Qulqullummaa Hafuuraa Kan Ibse Akkamitti?

“Yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” jaarraa jalqabaatti ifa taʼe keessaa tokko, godoo qulqullaaʼaafi yeroo boodammoo mana qulqullummaa, dhugaa hafuuraa isarra baayʼee caaluuf gaaddidduu turedha. Phaawulos dhugaa hafuuraa sana, “godoo namni dhaabe utuu hin taʼin, godicha isa dhugaa Waaqayyo gooftaan dhaabe” jedhee ibseera. (Ibr. 8:2) Godoon kun, mana qulqullummaa hafuuraa isa guddaa, jechuunis qophii karaa aarsaafi lubummaa Yesus Kiristosiin Waaqayyotti dhihaachuun akka dandaʼamu godhame ture.

‘Godichi inni dhugaan’ kan dhaabate, Dh.K.B. bara 29 yeroo Yesus cuuphameefi Yihowaan aarsaa mudaa hin qabne godhee isa fudhatetti ture. (Ibr. 10:5-10) Yesus erga duʼeefi duʼaa kaʼee booda, mana qulqullummaa hafuuraa keessatti iddoo isa Hundumaarra Caalaa Qulqulluu taʼetti ol seenuudhaan, “Waaqayyo duratti” gatii aarsaasaa dhiheesseera.—Ibr. 9:11, 12, 24.

Phaawulos ergamaan, caqasa kan biraarratti Kiristiyaanonni dibamoon ‘mana qulqullummaa Waaqayyoo taʼuudhaaf akka guddatan’ barreesseera. (Efe. 2:20-22) Manni qulqullummaa kun, “godicha isa dhugaa” Phaawulos yeroo booda ergaa warra Ibrootaatiif barreesserratti caqase wajjin tokkodhaa? Tajaajiltoonni Yihowaa waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif tokkodha jedhanii yaadu turan. Kiristiyaanonni dibamoon, “dhagaa” manni qulqullummaa Yihowaa inni samii ittiin ijaaramu taʼuuf lafarratti qopheeffamu jedhamee yaadama ture.—1 Phe. 2:5.

Haataʼu malee naannoo bara 1971⁠tti, miseensonni kutaa hojjetichaa itti gaafatamummaa qaban, manni qulqullummaa Phaawulos Efesoonirratti caqase, mana qulqullummaa hafuuraa Yihowaa isa guddaa taʼuu akka hin dandeenye hubachuu jalqaban. ‘Godichi inni dhugaan’ Kiristiyaanota dibamoo duʼaa kaʼaanirraa kan ijaaramu utuu taʼee, godoon kun kan dhaabatu erga isaan duʼaa kaʼanii boodadha jechuudha; kan duʼaa kaʼuu jalqabanimmoo ‘argama Gooftaa,’ [NW] boodadha. (1 Tas. 4:15-17) Phaawulos waaʼee godoo qulqullaaʼaa yeroo ibsu garuu, “[Godoon sun] fakkeenya bara siʼanaa ti” jedhee barreesseera.— Ibr. 9:9.

Caqasawwan kanaafi kaan of eeggannoodhaan wal bira qabuudhaan, manni qulqullummaa hafuuraa ijaaramaa akka hin jirreefi Kiristiyaanonni dibamoon “dhagaa” bakka sanaaf akka taʼaniif lafarratti qopheeffaman akka hin taane ifa taʼeera. Kanaa mannaa, Kiristiyaanonni dibamoon oobdiifi iddoo Qulqullaaʼaa mana qulqullummaa hafuuraa keessatti guyyaa guyyaadhaan, Waaqayyoof “aarsaa galataa” dhiheessuudhaan isa tajaajilu.—Ibr. 13:15.

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Hubannaa “yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” ilaalchisee qabnu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti?