Dhimma ijoo ta'etti seeni

Samiin Maali Dha?

Samiin Maali Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Jechi “samii” jedhu Kitaaba Qulqulluu keessatti karaa gara garaa sadiin itti hojjetameera: (1) samii ijaan mulʼatu; (2) addunyaa hafuuraa, akkasumas (3) iddoo ol aanaa argisiisuuf. Iddoo hundumaatti, galumsi isaa hiika isaa sirriitti hubachuuf nu gargaara. a

  1.   Samii ijaan mulʼatu. Galumsa kanatti jechi “waaqa” ykn samii jedhu qilleensa naannoo, jechuunis bakka qilleensii itti qilleensaʼu, simbirroonni balaliʼan, duumessi bokkaa fi cabbii itti uumu, akkasumas balaqqeessi itti balaqqeessaʼu argisiisa. (Faarfannaa 78:26; Fakkeenya 30:19; Isaayyaas 55:10; Luqaas 17:24) Kana malees, bakka ‘biiftuu, ji’aa fi urjoonni’ itti argaman argisiisuu dandaʼa.—Keessa Deebii 4:19; Uumama 1:1.

  2.   Addunyaa hafuuraa. Kana males, jechi samii jedhu addunyaa hafuuraa bakka uumama cufaan ala ta’e argisiisa. (1 Mootota 8:27; Yohaannis 6:38) Addunyaa hafuuraa kana keessa Yihowaa isa “Hafuura” ta’e, akkasumas maleekota uumamawwan isaa hafuuraa ta’antu argama. (Yohaannis 4:24; Maatewos 24:36) Yeroo tokko tokko, jechi samii jedhu, maleekota amanamoo, jechuunis “gumii qulqullootaa” argisiisa.—Faarfannaa 89:5-7.

     Kitaabni Qulqulluun jecha samii jedhu addunyaa hafuuraa keessaa bakka Yihowaan itti argamu, jechuunis ‘iddoo jireenyaa’ isaa argisiisuuf itti fayyadama. (1 Mootota 8:43, 49; Ibroota 9:24; Mulʼata 13:6) Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun Seexannii fi jinniiwwan samii irraa akka ariʼaman raajii dubbateera; kana jechuun immoo bakka Yihowaan itti argamu dhaquu hin dandaʼan jechuu dha. Haa taʼu malee, amma iyyuu uumamawwan hafuuraa taʼanii jiraatu.—Mulʼata 12:7-9, 12.

  3.   Iddoo ol aanaa kan argisiisu. Kitaabni Qulqulluun jecha ‘samii’ jedhu keessumaa qaamota aangoo qabanii wajjin haala walqabateen iddoo guddaa argisiisuuf itti fayyadama. Iddoowwan kana kan qabatus:

Samiin bakka akkamii ti?

 Addunyaan hafuuraa bakka sochiidhaan guutame dha. Uumamawwan hafuuraa miliyoona dhibbaan lakkaaʼamanii fi ‘fedha Yihowaa raawwattaniin’ kan guutame dha.—Faarfannaa 103:20, 21; Daaniʼel 7:10.

 Kitaabni Qulqulluun samiin bakka ifa baayʼee guddaa taʼe qabu akka taʼe ibsa. (1 Ximotewos 6:15, 16) Hisqiʼel raajichi samii ‘ifa guddaa’ qabu mulʼataan argee ture; mulʼanni samii Daaniʼel raajichi arge garuu ‘ibidda lolaʼu’ kan dabalatu ture. (Hisqiʼel 1:26-28; Daaniʼel 7:9, 10) Samiin iddoo qulqulluu fi miidhagaa taʼe dha.—Faarfannaa 96:6; Isaayyaas 63:15; Mulʼata 4:2, 3.

 Walumaa galatti ibsi Kitaabni Qulqulluun samii ilaalchisee kennu baayʼee kan nama dinqisiisu dha. (Hisqiʼel 43:2, 3) Taʼus, ilmaan namootaa addunyaa hafuuraa arguu waan hin dandeenyeef, wanta waaʼee samii dubbatamu guutumaa guutuutti hubachuu hin dandaʼan.

a Jechi Afaan Ibrootaa “samii” jedhamee hiikame jecha hundeen isaa “guddaa” ykn “ol aanaa” jedhamee hiikame irraa kan dhufe dha. (Fakkeenya 25:3) Kitaaba The New Brown, Driver, and Briggs Hebrew and English Lexicon of the Old Testament jedhamu fuula 1029 ilaali.

b Maakliintookii fi Istiroongi Saayikilooppiidiyaan yaanni Isaayyaas 65:17 irratti samiiwwan haaraa jedhame “bulchiinsa haaraa, mootummaa haaraa” akka argisiisan ibseera.—Jildii 4 fuula 122.