Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 43

Kadhannaa Galataa

Kadhannaa Galataa

(Faarfannaa 95:2)

  1. 1. Yihowaa guddaa si galateeffanna.

    Kadhannaadhaan kana siif ibsina.

    Si abdanna, guutummaatʼ of kennina

    Kunuunsa kee akka qabnu beekna.

    Guyyaa guyyaadhaan cubbuu ni hojjenna.

    Badii keenyaaf dhiifama gaafanna.

    Galatoomi lubbuu keenya waan furteef.

    Dadhaboo taʼuu keenya waan beektuuf.

  2. 2. Si jajanna jaalalaaf gaarummaa keef.

    Ofii keetti nu harkisuu keetiif.

    Si beekuu, si tajaajiluu barbaanna.

    Amanamummaa sirraa baranna.

    Hafuura keetiif si galateeffanna.

    Dubbachuuf ija jabina qabna.

    Gad of qabnee gammachuun tajaajilla;

    Garraamotaaf ni qabda jaalala.

(Dabalataan, Far. 65:2, 4, 11; Filp. 4:6 ilaali.)