Faarfannaa 95:1-11

  • Waaqeffannaa dhugaan ajajamuu dabalata

    • ““Harʼa sagalee isaa yoo dhageessan” (7)

    • “Garaa keessan didaa hin godhinaa” (8)

    • “Isaan gara boqonnaa kootti hin galan” (11)

95  Kottaa, Yihowaadhaaf haa ililchinu! Qarsaa fayyinaa keenyaaf miira injifannootiin haa ililchinu.+  2  Galataa wajjin isa* duratti haa dhihaannu;+Isaaf haa faarfannu, miira injifannootiinis isaaf haa ililchinu.  3  Sababiin isaas, Yihowaan Waaqa guddaa dha,Waaqolii kan biroo hundumaa irrattis Mootii guddaa dha.+  4  Gad fageenyi lafaa harka isaa keessa jira;Fiixeewwan gaarotaas kan isaa ti.+  5  Galaanni inni tolche kan isaa ti,+Lafa gogaa kan hojjetes harka isaa ti.+  6  Kottaa, haa waaqeffannu, haa sagadnus;Yihowaa isa nu tolche duratti haa jilbeenfannu.+  7  Inni Waaqa keenya dha,Nuti immoo saba kaloo isaa keessa,Hoolota kunuunsa isaa jala jirru dha.*+ Harʼa sagalee isaa yoo dhageessan,+  8  Akkuma Mariibaatti* taʼetti,+Akkuma lafa onaa keessatti guyyaa Maasaatti* taʼettis+ garaa keessan didaa hin godhinaa;  9  Yeroo sanatti abbootiin keessan na qoraniiru;+Hojiiwwan koo kan argan taʼus, na shakkaniiru.+ 10  Anis waggaa 40f dhaloota sana jibbee akkana nan jedhe: “Isaan saba yeroo hundumaa garaan isaa karaa irraa goru dha;Daandiiwwan koos hin beekne.” 11  Kanaan kan kaʼes, dheekkamsa kootiin,“Isaan gara boqonnaa kootti hin galan”+ jedheen kakadhe.

Miiljaleewwan

^ Kal., “fuula isaa.”
^ Kal., “harka isaa ti.”
^ “Wal Loluu” jechuu dha.
^ “Qorumsa” jechuu dha.