Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 71

Fariisonni Namicha Qaro Dhabeessa Ture Falman

Fariisonni Namicha Qaro Dhabeessa Ture Falman

YOHAANNIS 9:19-41

  • FARIISONNI NAMICHA QARO DHABEESSA TURE FALMAN

  • GEGGEESSITOONNI AMANTII “JAAMOTA” DHA

Fariisonni, Yesuus namicha qaro dhabeessa ture fayyisuu isaa waan hin amanneef, warra isaa waamsisan. Warri isaa ‘mana sagadaa keessaa ariʼamuu’ akka dandaʼan beeku. (Yohaannis 9:22) Hariiroo isaan Yihudootaa wajjin qaban yoo addaan cite, gama hawaasaatiinis taʼe dinagdeetiin maaticha irra dhiibbaan ni gaʼa.

Fariisonni, “Ilmi keessan inni isin qaro dhabeessa taʼee dhalate jettan isa kanaa? Maarree amma akkamitti arguu dandaʼe?” jedhanii gaafatan. Warri namichaas, “Kun ilma keenya akka taʼee fi qaro dhabeessa taʼee akka dhalate beekna. Garuu, amma akkamitti arguu akka dandaʼe yookiin eenyu ija isaa akka isaaf bane hin beeknu” jedhanii deebisan. Ilmi isaanii wanta uumame isaanitti himee kan ture taʼus, “Isuma gaafadhaa. Inni nama guddaa dha. Waaʼee ofii isaa dubbachuu dandaʼa” jechuudhaan of eeggannoodhaan deebii kennan.—Yohaannis 9:19-21.

Kanaaf, Fariisonni namicha waamsisanii ragaa Yesuusiin himachuuf dandeessisu akka qaban dubbachuudhaan isa sossodaachisan. “Waaqayyoof ulfina kenni; nuti namichi kun cubbamaa taʼuu isaa beekna” isaan jedhan. Namichi garuu, “Inni cubbamaa taʼuu fi dhiisuu isaa ani hin beeku” jechuudhaan yaanni isaanii kun akka isa hin ilaallanne ibse. Achiis, “Wanti ani beeku tokko, ani qaro dhabeessa akkan turee fi amma garuu arguu akkan dandaʼe qofa dha” jedhe.—Yohaannis 9:24, 25.

Fariisonni dhimmichi as irratti akka dhaabatu hin barbaanne; kanaaf itti fufanii, “Inni maal siif godhe? Akkamitti ija kee siif bane” jedhaniin. Namichis, “Isinitti himeen tureem, isin garuu hin dhageessan. Lammata dhagaʼuu kan barbaaddan maaliifi? Isinis barattoota isaa taʼuu barbaaddu moo?” jedhee ija jabinaan isaaniif deebise. Isaanis baayʼee aaranii, “Barataan namicha sanaa siʼi; nuti garuu barattoota Musee ti. Nuti Waaqayyo Museetti akka dubbate beekna; namichi kun garuu eessaa akka dhufe hin beeknu” isaan jedhan.—Yohaannis 9:26-29.

Namichis yaanni isaanii akka isa dinqisiise haala argisiisuun, “Inni eessaa akka dhufe wallaaluun keessan dhuguma iyyuu nama ajaaʼibsiisa; garuu inni ija koo anaaf baneera” jedhe. Achiis Waaqayyo eenyuun akka dhagaʼuu fi isa duratti fudhatama kan argatu eenyu akka taʼe ilaalchisee dhugaa haaluun hin dandaʼamne dubbate. Akkana jedhe: “Waaqayyo cubbamoota akka hin dhageenye beekna; garuu namni tokko Waaqayyoon kan sodaatuu fi fedhii isaa kan raawwatu yoo taʼe Waaqayyo isa ni dhagaʼa. Dur durii jalqabee namni ija nama qaro dhabeessa taʼee dhalate akka bane matumaa dhagaʼamee hin beeku.” Achiis, “Namichi kun utuu Waaqayyo biraa hin dhufne taʼee, waan tokko illee gochuu hin dandaʼu ture” jedhe.—Yohaannis 9:30-33.

Yaada isaa kana mormuu waan hin dandeenyeef, “Ati guutummaan kee cubbuudhaan faalamee kan dhalatte taatee utuu jirtuu, nu barsiisuu barbaaddaa?” jechuudhaan isa arrabsuu jalqaban. Sana boodas isa ariʼan.—Yohaannis 9:34.

Yesuus wanta taʼe yeroo dhagaʼu, namicha argatee, “Ati Ilma namaatti ni amantaa?” jedhee isa gaafate. Namichis, “Yaa gooftaa, akka ani isatti amanuuf inni eenyu?” jedhe. Yesuusis, “Ati isa argiteetta; inni sitti dubbachaa jirus isuma” jechuudhaan ifatti isatti hime.—Yohaannis 9:35-37.

Namichis deebisee, “Yaa Gooftaa, eeyyee isatti nan amana” jedhe. Achiis, amantii fi kabaja isaaf qabu argisiisuuf isaaf sagade. Yesuus, “Ani wanta murtii kanaaf buʼuura taʼu kennuuf gara addunyaa dhufeera; innis namoonni hin argine akka arganiif, namoonni argan immoo akka jaamaniifi” jechuudhaan yaada iddoo guddaa qabu dubbate.—Yohaannis 9:38, 39.

Fariisonni iddoo kana jiran, ofii isaaniitii jaamota akka hin taane beeku. Haa taʼu malee, gaʼee isaan karaa hafuuraa geggeessuu irratti qabna jedhan ilaalchisee hoo? Yaada isaa mormuudhaan, “Maarree nuti jaamotaa?” jedhanii gaafatan. Yesuusis deebisee, “Jaamota utuu taatanii silaa cubbuu hin qabdan turtan. Amma garuu, ‘Ni argina’ jettu, kanaaf cubbuun keessan isiniif hin dhiifamu” jedhe. (Yohaannis 9:40, 41) Israaʼel keessatti utuu barsiisota taʼuu baatanii, Yesuus Masiihicha taʼuu isaa fudhachuu diduun isaanii nama hin dinqisiisu taʼa. Taʼus, Seericha sirriitti utuu beekanii, amananii isa fudhachuu diduun isaanii cubbuu cimaa dha.