Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 104

Yihudoonni Sagalee Waaqayyoo Dhagaʼan—Isatti Ni Amanuu Laata?

Yihudoonni Sagalee Waaqayyoo Dhagaʼan—Isatti Ni Amanuu Laata?

YOHAANNIS 12:28-50

  • NAMOONNI HEDDUUN SAGALEE WAAQAYYOO DHAGAʼAN

  • WANTA MURTIIDHAAF BUʼUURA TAʼU

Guyyaan isaa Wiixata, Niisaan 10 siʼa taʼu, Yesuus mana qulqullummaa keessatti waaʼee duʼa isaa isa dhihaachaa jiruu dubbachaa jira. Waaʼeen maqaa Waaqayyoo waan isa yaaddesseef, “Yaa Abbaa, maqaa keetiif ulfina kenni” jedhe. Yeroo kanatti, sagalee guddaan tokko samii irraa, “Ani maqaa kootiif ulfina kenneera; ammas ulfina nan kennaaf” jedhee deebise.—Yohaannis 12:27, 28.

Namoonni naannoo sana jiran wanti uumame isaaniif hin galle. Isaan keessaa tokko tokko kakawwee waan dhagaʼan isaanitti fakkaate. Kaan immoo, “Maleekaa tokkotu isatti dubbate” jedhan. (Yohaannis 12:29) Kan isaan dhagaʼan garuu sagalee Yihowaa ti! Yesuusii wajjin haala wal qabateen namoonni sagalee Waaqayyoo yommuu dhagaʼan kun isa jalqabaa miti.

Waggaa sadii fi walakkaa dura yeroo Yesuus cuuphametti, Yohaannis Cuuphaan, Waaqayyo Yesuusiin ilaalchisee, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa ani itti gammadu dha” yeroo jedhu dhagaʼee ture. Sana boodas, Yesuus Dh.K.B. bara 32 Ayyaana Faasikaa booda Yaaqoob, Yohaannisii fi Pheexiros duratti haala dinqisiisaa taʼeen jijjiiramee ture. Namoonni kun sadan Waaqayyo, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha. Isa dhagaʼaa” jedhee yeroo dubbatu dhagaʼaniiru. (Maatewos 3:17; 17:5) Amma garuu Yihowaan yeroo sadaffaadhaaf namoonni baayʼeen dhagaʼuu akka dandaʼanitti dubbate!

Yesuus, “Sagaleen kun kan dhagaʼame isiniif malee anaaf miti” jedhe. (Yohaannis 12:30) Taʼeen kun, Yesuus dhuguma Ilma Waaqayyoo fi Masiihicha isa abdachiifame akka taʼe kan mirkaneessu dha.

Kana malees, jireenyi Yesuus amanamummaadhaan dabarse namoonni akkamitti jiraachuu akka qaban fakkeenya taʼa; akkasumas Seexanni ykn Diyaabilos inni bulchaa addunyaa kanaa taʼe akka balleeffamu mirkaneessa. Yesuus, “Yeroon addunyaa kanatti murteeffamu amma; yeroon bulchaan addunyaa kanaa alatti itti gatamu amma” jedhe. Yeroon Yesuus itti ajjeefamu dhihaachuun isaa, injifachuu isaa malee moʼamuu isaa kan argisiisu miti. Akkamitti? Yesuus, “Ani garuu lafa irraa yoon ol kaafame, akaakuu namootaa hunda ofitti nan harkisa” jedhe. (Yohaannis 12:31, 32) Yesuus muka irratti fannifamee yeroo duʼu, namootaaf karaa jireenya bara baraatti geessu banuudhaan ofitti isaan harkisa.

Namoonni walitti qabaman sun yaada Yesuus ‘ol kaafamuu’ isaa ilaalchisee dubbate yeroo dhagaʼan akkana jedhan: “Nuti Kiristoos bara baraan akka jiraatu Seericha irraa dhageenyeerra. Maarree ati akkamitti Ilmi namaa ol kaafamuu qaba jetta? Ilmi namaa kun hoo eenyu?” (Yohaannis 12:34) Baayʼeen isaanii sagalee Waaqayyoo dhagaʼuu dabalatee, ragaawwan hedduu kan argan taʼus Yesuus Ilma namaa isa dhugaa fi Masiihicha abdachiifame taʼuu isaa hin amanne.

Yesuus akkuma kanaan dura godhe, inni “ifa” taʼuu isaa dubbate. (Yohaannis 8:12; 9:5) Namoota walitti qabaman kana akkana jedhee gorse: “Ifni sun yeroo gabaabaadhaaf isin bira ni tura. Kanaaf, dukkanni sun akka isin hin liqimsine, yeroo ifa qabdanitti deemaa; . . . Isin ilmaan ifaa akka taataniif, yeroo ifa qabdan kanatti ifichatti amanaa.” (Yohaannis 12:35, 36) Achiis, Yesuus Niisaan 10 guyyaa inni itti duʼu waan hin taaneef bakka kanaa deeme. Kan inni ‘ol kaafamu,’ jechuunis muka irratti kan fannifamu Niisaan 14 gaafa Ayyaana Faasikaatti dha.—Galaatiyaa 3:13.

Tajaajila Yesuus dabarse duubatti deebinee yommuu ilaallu, Yihudoonni isatti amanuu diduun isaanii raajiin dubbatamee ture akka raawwatamu gochuu isaa hubanna. Isaayaas namoonni fayyuudhaaf akka hin deebinetti, iji isaanii akka jaamu, garaan isaaniis akka jabaatu dursee dubbatee ture. (Isaayaas 6:10; Yohaannis 12:40) Eeyyee, Yihudoonni baayʼeen ragaa Yesuus fayyisaa isaanii isa abdachiifamee fi karaa jireenyaa taʼuu isaa argisiisu mata jabinaan fudhachuu didaniiru.

Niqodimoos Yoseef inni biyya Armaatiyaa fi bulchitoonni hedduun Yesuusitti ‘amananiiru.’ Haa taʼu malee, amantiidhaan tarkaanfii ni fudhatuu? Moo mana sagadaatii ariʼamna jedhanii sodaachuudhaan ykn ‘ulfina namoota biraa argamu jaallachuudhaan’ duubatti jedhu?—Yohaannis 12:42, 43.

Yesuus isatti amanuun maal akka dabalatu, “Namni anatti amanu hundi, anatti qofa utuu hin taʼin isa na ergettis ni amana; namni na argu hundi, isa na erge Sanas ni arga” jechuudhaan ibse. Dhugaan Waaqayyo, Yesuus akka barsiisuuf isatti himee fi inni lallabaa jiru barbaachisaa waan taʼeef, akka armaan gadii jechuun isaa sirrii dha: “Nama ana tuffatuu fi dubbii koo hin fudhannetti kan murteessu tokko jira. Dubbii ani dubbadhetu guyyaa dhumaatti isatti murteessa.”—Yohaannis 12:44, 45, 48.

Achiis, Yesuus yaada isaa akkana jechuudhaan xumure: “Wanta ani jedhuu fi wanta ani dubbadhu Abbaa isa ana erge sanatu na ajaje malee, ani ofii kootiin kakaʼee hin dubbanne. Ajajni isaas jireenya bara baraa akka taʼe ani beeka.” (Yohaannis 12:49, 50) Yesuus dhihootti ilmaan namootaa isatti amanan hundaaf dhiiga isaa aarsaa godhee akka dhangalaasu beeka.—Roomaa 5:8, 9.