Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 38

Yohaannis Yesuus Irraa Dhagaʼuu Barbaade

Yohaannis Yesuus Irraa Dhagaʼuu Barbaade

MAATEWOS 11:2-15 LUQAAS 7:18-30

  • YOHAANNIS CUUPHAAN GAʼEE YESUUS QABU GAAFATE

  • YESUUS YOHAANNISIIN JAJE

Yohaannis gara waggaa tokkoof mana hidhaa jira. Taʼus, waaʼee dinqiiwwan Yesuus hojjetuu ni dhagaʼa. Barattoonni Yohaannis, Yesuus Naayinitti ilma dubartii abbaan manaa irraa duʼee duʼaa akka kaase yeroo isatti himan maal akka isatti dhagaʼame mee yaadi! Yohaannis garuu, waaʼee hiika wantoota kanaa kallattiidhaan Yesuus irraa dhagaʼuu barbaade. Kanaaf, barattoota isaa lama erge. Maal akka godhaniif? “Ati isa Dhufuuf Jiru Sana moo kan biraa eegnu?” jedhanii Yesuusiin akka gaafataniifi.—Luqaas 7:19.

Gaaffiin kun gaaffii hin eegamne fakkaataa? Yohaannis nama of kennee Waaqayyoon tajaajilaa turee fi gara waggaa lamaa dura yeroo Yesuusiin cuuphetti hafuurri Yihowaa yommuu isa irra buʼu arge dha; Waaqayyo waaʼee Yesuus yeroo dubbatus dhagaʼeera. Ragaa amantiin Yohaannis laafeera jechuuf nu dandeessisu hin qabnu. Utuu akkas taʼee, Yesuus yeroo kanatti Yohaannisiin hin jaju. Haa taʼu malee, Yohaannis shakkiin isatti hin uumamne taanaan, waaʼee Yesuus gaaffii kana maaliif gaafate?

Yohaannis, Yesuus Masiihicha taʼuu isaa isuma irraa mirkaneeffachuu barbaadee taʼuu dandaʼa. Kana beekuun isaa yeroo mana hidhaatti dhiphachaa jiru kanatti isa jabeessa. Gaaffiin Yohaannis tarii ergaa kan biraas qabaachuu dandaʼa. Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu inni Waaqayyoon dibamu mootii akka taʼuu fi bilisa akka baasu dubbatan sirriitti beeka. Haa taʼu malee, Yesuus cuuphamee jiʼoota hedduu boodas Yohaannis mana hidhaa jira. Kanaaf, Yohaannis qaamni Yesuusiin bakka buʼuu fi raajiiwwan wanta Masiihichi hojjetu ilaalchisanii dubbataman hunda raawwatu jiraachuuf dhiisuu isaa mirkaneeffachuu barbaadeera.

Yesuus barattoota Yohaannisiin, ‘Inni ni dhufa jedhame ana’ jechuu mannaa, namoota hedduu dhukkuba gosa hundaa irraa fayyisuudhaan Waaqayyo isa deggeraa akka jiru ragaa dhiheesse. Achiis akkana isaaniin jedhe: “Dhaqaatii wanta dhagaʼaa jirtanii fi argaa jirtan Yohaannisitti himaa: Warri qaro dhabeeyyiin argaa jiru, warri naafatan deemaa jiru, warri dhukkuba nadaayiitiin qabaman fayyaa jiru, warri gurri isaanii duude dhagaʼaa jiru, warri duʼan duʼaa kaafamaa jiru; hiyyeeyyiittis misiraachoon himamaa jira.”—Maatewos 11:4, 5.

Gaaffiin Yohaannis, Yesuus wanta amma hojjechaa jiru caalaa akka hojjetuu fi tarii immoo mana hidhaatii akka isa baasu akka inni eegu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yesuus dinqiiwwan inni amma hojjechaa jiru caalaa akka hin eegne Yohaannisitti himaa jira.

Yeroo barattoonni Yohaannis deeman, Yesuus, Yohaannis raajii akka caalu namoota walitti qabamanitti hime. Inni “ergamaa” Yihowaa Miilkiyaas 3:1 irratti waaʼeen isaa dubbatame dha. Akkasumas, akkuma Miilkiyaas 4:5, 6 irratti dursee dubbatame inni Eliyaas raajicha dha. Yesuus akkana jedhe: “Dhuguman isinitti hima, namoota dubartii irraa dhalatan keessaa Yohaannis Cuuphaa irra kan caalu hin kaane; namni Mootummaa samii keessatti hundumaa irra xinnaa taʼe garuu isa ni caala.”—Maatewos 11:11.

Yesuus Mootummaa samii keessatti inni hundumaa irra xinnaa taʼe Yohaannisiin ni caala yeroo jedhu, Yohaannis Mootummaa samii akka hin dhaalle dubbachuu isaa ti. Yohaannis, Yesuusiif daandicha kan qopheesse taʼus, Kiristoos karaa isa samiitti geessu banuu isaa dura duʼe. (Ibroota 10:19, 20) Taʼus, Yohaannis raajii Waaqayyoo amanamaa taʼe waan taʼeef, gara fuulduraatti bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti lafa irra jiraata.