Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 105

Muka Harbuutti Fayyadamee Waaʼee Amantii Barsiise

Muka Harbuutti Fayyadamee Waaʼee Amantii Barsiise

MAATEWOS 21:19-27 MAARQOS 11:19-33 LUQAAS 20:1-8

  • MUKA HARBUU GOGDE—BARUMSA AMANTII ILAALCHISEE KENNAME

  • AANGOO YESUUS IRRATTI GAAFFIIN NI KAʼE

Yesuus Wiixata waaree booda Yerusaalemii kaʼee Bitaaniyaa ishii kallattii bahaatiin Gaara Ejersaa irratti argamtutti deebiʼe. Halkan sana mana Alaazaar, Maariyaamii fi Maartaa warra michoota isaa taʼanii buluu hin oolu.

Amma guyyaan isaa Niisaan 11 siʼa taʼu, yeroon isaa ganama dha. Yesuusii fi barattoonni ammas karaa irra kan jiran siʼa taʼu Yerusaalemitti deebiʼaa jiru; Yesuus Yerusaalemitti yeroo xumuraatiif gara mana qulqullummaa kan deemu yeroo kanatti dha. Guyyaan kun Ayyaana Faasikaa kabajuu, Ayyaana Yaadannoo duʼa isaa hundeessuu, akkasumas himatamuu fi ajjeefamuu isaa dura guyyaa dhumaa tajaajila isaa itti raawwate dha.

Bitaaniyaa ishii Gaara Ejersaa irra jirtuu gara Yerusaalem yeroo deeman, Pheexiros muka Yesuus kanaan dura abaare arge. Achiis, “Rabbii ilaa, mukti harbuu ati abaarte sun gogdeetti” jedhe.—Maarqos 11:21.

Yesuus mukattiin akka gogdu kan godhe maaliifi? Yaada itti aansee dubbate keessatti sababii isaa akkana jedhee ibseera: “Dhuguman isiniin jedha, amantii yoo qabaattanii fi yoo shakkuu baattan, wanta ani muka harbuu kana irratti godhe qofa utuu hin taʼin, gaara kanaan ‘Asii buqqaʼii galaana keessatti darbatami’ yoo jettan illee akkuma isin jettan ni taʼa. Wanta amantiidhaan kadhattan hunda ni argattu.” (Maatewos 21:21, 22) Yeroo akkana jedhu amantii gaara sochoosu ilaalchisee yaada kanaan dura dubbatee ture irra deebiʼuu isaa ti.—Maatewos 17:20.

Yesuus mukattiin akka gogdu gochuudhaan, wanta ijaan argamutti fayyadamee Waaqayyo irratti amantii qabaachuun barbaachisaa taʼuu isaa barsiise. Yesuus, “Wanta kadhattanii fi gaafattan hunda, akkuma argattan godhaa yaadaa; ni argattu” jedhe. (Maarqos 11:24) Kun duuka buutota Yesuus hundaaf barumsa barbaachisaa taʼe dha! Keessumaa ergamoonni isaa dhiheenyatti qorumsi cimaan waan isaan irra gaʼuuf barumsi kun isaaniif barbaachisaa dha. Walitti dhufeenya mukti harbuu sun goguu ishii fi amantii qabaachuu gidduu jiru gama biraatiinis ibsuun ni dandaʼama.

Akkuma muka harbuu sanaa, sabni Israaʼelis haalli isaanii bakkeedhaa mulʼatu kan nama dogoggorsu dha. Waaqayyo saba kanaa wajjin kakuu kan gale siʼa taʼu, bakkeedhaa yeroo ilaalaman Seera isaa waan eegan fakkaachuu dandaʼu. Taʼus, sabichi akka walii galaatti amantii akka hin qabnee fi firii gaarii akka hin godhanne argisiiseera. Ilma Waaqayyoo illee amananii fudhachuu didaniiru! Kanaaf, Yesuus mukti harbuu firii hin qabne sun akka gogdu gochuudhaan, sabni firii hin godhannee fi amanti hin qabne kun dhumni isaa maal akka taʼe argisiiseera.

Utuu baayʼee hin turin Yesuusii fi barattoonni isaa Yerusaalem gaʼan. Yesuus akkuma amala isaa gara mana qulqullummaa deemee barsiisuu jalqabe. Achiis, dura buutonni lubootaa fi maanguddoonni, “Aangoo maaliitiin wantoota kana hojjetta? Yookiin wantoota kana akka hojjettu aangoo kan siif kenne eenyu?” jedhanii isa gaafatan. Akkana kan jedhan wanta Yesuus kanaan dura warra qarshii jijjiiran irratti raawwate sammuutti qabatanii taʼuu hin oolu.—Maarqos 11:28.

Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Mee anis gaaffii tokkon isin gaafadha. Isin naa deebisaa, anis aangoo maaliitiin wantoota kana akkan hojjedhu isinitti nan hima. Cuuphaan Yohaannis samii irraa moo nama biraa dhufe? Naa deebisaa.” Gaaffiin kun mormitoota isaa burjaajesse. Luboonnii fi maanguddoonni kun maal jedhanii akka deebisan akkana jechuudhaan mariʼatan: “‘Samii irraa ti’ yoo jenne, ‘Maaliif isa hin amanne ree?’ nuun jedha. Ijuma jabaannee ‘Nama irraa ti’ jennuu laata?” Akkana kan jedhan namoonni walitti qabaman kun “hundi Yohaannisiin akka raajiitti waan ilaalaniif” sodaatanii ti.—Maarqos 11:29-32.

Mormitoonni kun maal jedhanii akka deebisan waan wallaalaniif, “Hin beeknu” jedhan. Yesuusis, “Anis wantoota kana aangoo maaliitiin akkan hojjedhu isinitti hin himu” jedheen.—Maarqos 11:33.