Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 4

Yesus Kiristos Eenyudha?

Yesus Kiristos Eenyudha?

1. Jireenyi Yesus kan jalqabe akkamitti?

Amalawwan Yesus, salphaatti akka itti dhihaatamu godhan kamfaʼi?​—MAATEWOS 11:29; MAARQOS 10:13-16.

Yesus ilmaan namootaarraa haala adda taʼeen, nama taʼee lafarratti dhalachuusaa dura qaama hafuuraa taʼee samiirra jiraachaa ture. (Yohannis 8:23) Inni uumama Waaqayyoo isa jalqabaa waan taʼeef, hojii wantoota kaan hunda uumuurratti hirmaateera. Yihowaan kallattiidhaan isa qofa waan uumameef, Ilma Waaqayyoo isa ‘tokkicha’ jedhamee waamameera. (Yohannis 1:14) Yesus Sagalee Dabarsituu Waaqayyoo taʼee waan tajaajileefis, ‘sagalicha’ jedhameera.​—Fakkeenya 8:22, 23, 30; Qolosaayis 1:15, 16 dubbisi.

2. Yesus gara lafaa kan dhufe maaliifi?

Waaqayyo, jireenya Ilmasaa isa samiirra turee gara gadameessa durba Yihudii Maariyaam jedhamtu tokkootti naannessuudhaan nama taʼee akka dhalatu godheera. Kanaaf, abbaan Yesus nama lafarraa kamiyyuu hin turre jechuudha. (Luqaas 1:30-35) Yesus gara lafaa kan dhufe, (1) waaʼee Waaqayyoo dhugaasaa barsiisuuf, (2) haala rakkisaa keessa yeroo jirruttillee fedha Waaqayyoo akkamitti raawwachuu akka dandeenyu fakkeenya nuu taʼuufi (3) lubbuusaa isa mudaa hin qabne “furii” godhee kennuufidha.​—Maatewos 20:28 dubbisi.

3. Furiin kan nu barbaachisu maaliifi?

Furiin, gatii nama garbummaa duʼaa jala jiru baasuuf kaffalamudha. (Baʼuu 21:29, 30) Kaayyoon Waaqayyoo inni jalqabaa, ilmaan namootaa akka duʼaniifi akka dullooman hin turre. Kana akkamitti beekuu dandeenya? Waaqayyo, Addaam namni inni jalqabaa “cubbuu” yoo raawwate akka duʼu itti himee ture. Addaam utuu cubbuu hin hojjenne taʼee hin duʼu ture. (Uumama 2:16, 17; 5:5) Akka Macaafni Qulqulluun ibsutti, duuti karaa Addaam gara biyya lafaatti “dhufe.” Kanaaf, Addaam cubbuufi duʼa isa adaba cubbuu taʼe sanyiisaa hunda dhaalchiseera. Adaba kana jalaa baʼuuf furiin nu barbaachisa.​—Roomaa 5:12; 6:23 dubbisi.

Duʼa jalaa walaba nu baasuuf furii kaffaluu kan dandaʼu eenyudha? Yommuu duunu cubbuu raawwanneef qofa gatii baasna. Namni mudaa qabu kamiyyuu cubbuu warra kaaniitiif gatii furii baasuu hin dandaʼu.​—Faarfannaa 49:7-9 dubbisi.

4. Yesus kan duʼe maaliifi?

Yesus, akka ilmaan namootaa mudaa kan qabu miti. Kanaaf, inni cubbuu waan hin raawwanneef, cubbuu mataasaatiif duʼuun isa hin barbaachisu. Kanaa mannaa, Yesus cubbuu namoota kaaniitiif jedhee duʼe. Waaqayyo jaalala guddaa ilmaan namootaatiif qabuun kakaʼee, Ilmisaa nuuf jedhee akka duʼuuf isa ergeera. Yesusis, Abbaasaatiif abboomamee cubbuu keenyaaf lubbuusaa dabarsee kennuudhaan jaalala nuuf qabu argisiiseera.​—Yohannis 3:16; Roomaa 5:18, 19 dubbisi.

Viidiyoo, Yesus kan duʼe maaliifi? jedhu ilaali.

5. Yesus amma maal hojjechaa jira?

Yesus yommuu lafarra ture warra dhukkubsatan fayyiseera; warra duʼan kaaseera; namoota haala rakkisaa keessatti argamanis oolcheera. Akkas gochuudhaanis gara fuulduraatti namoota abboomamoo taʼan hundaaf maal akka godhu argisiiseera. (Maatewos 15:30, 31; Yohannis 5:28) Yesus erga duʼee booda, Waaqayyo duʼaa isa kaasee qaama hafuuraa isaaf kenneera. (1 Phexros 3:18) Achiis guutummaa biyya lafaarratti Mootii taʼee bulchuuf hamma Yihowaan aangoo isaaf kennutti mirgasaa taaʼee eeggachaa tureera. (Ibroota 10:12, 13) Yesus, amma samiirratti Mootii taʼee bulchaa jira; duuka buutonnisaas addunyaa maratti misiraachoo kana labsaa jiru.​—Daaniʼel 7:13, 14; Maatewos 24:14 dubbisi.

Dhiheenyatti, aangoo Mootummaasaatti fayyadamee dhiphinaafi wantoota dhiphinaaf sababa taʼan hunda ni balleessa. Namoonni Yesusitti akka amanan isaaf abboomamuudhaan argisiisan lafa jannata taaturra barabaraaf jiraatu.​—Faarfannaa 37:9-11 dubbisi.