Faarfannaa 49:1-20
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa ilmaan Qoraa.+ Faarfannaa.
49 Isin saboonni hundi, kana dhagaʼaa.
Isin jiraattonni addunyaa* hundi xiyyeeffannaa kennaa;
2 Inni xinnaanis taʼe inni guddaan,*Inni sooressis taʼe inni hiyyeessi xiyyeeffannaa haa kennu.
3 Afaan koo ogummaa dubbata,Wantin garaa kootti xiinxalus+ hubannaa argisiisa.
4 Mammaaksaaf xiyyeeffannaa nan kenna;Baganaadhaanis hibboo koo nan ibsa.
5 Yeroo rakkinaatti,Yommuun hammina* namoota na garagalchuuf yaalii godhaniin marfamutti kanan sodaadhu maaliifi?+
6 Warri badhaadhina isaaniitti amanaman,+Akkasumas warri qabeenya isaanii isa guddaatti of jajan,+
7 Tokkoon isaanii illee matumaa nama kan biraa furuuYookiin isaaf jecha Waaqayyoof furii kennuu hin dandaʼan;+
8 (Gatiin furii lubbuu isaanii baayʼee miʼaa dha,Yoom iyyuu taanaan humna isaaniitii oli);
9 Inni bara baraaf akka jiraatuu fi boolla* akka hin argineef furii kennuu hin dandaʼan.+
10 Isaan namoonni ogeeyyiin illee akka duʼan,Inni gowwaanis taʼe inni hubannaa hin qabne waliin akka badan,+Qabeenya isaaniis warra kaaniif dhiisanii deemuuf akka dirqaman ni ilaalu.+
11 Manneen isaanii bara baraaf,Dunkaanonni isaaniis dhalootaa hamma dhalootaatti akka turan keessa isaaniitti ni hawwu.
Qabeenya isaaniis maqaa ofii isaaniitiin moggaasu.
12 Namni garuu kabajamaa taʼus bara baraaf hin turu;+Inni bineensota badan irra hin wayyu.+
13 Daandiin gowwootaa,+Daandiin warra isaan duukaa buʼanii fi dubbii isaanii isa duwwaatti gammadaniis kana dha. (Seelaa)
14 Isaan akka hoolaatti Awwaalaaf* ramadamaniiru.
Duuti isaan ni tiksa;Namni qajeelaan ganama isaan ni bulcha.+
Tarkaanfiin isaanii hundi ni bada;+Mana mootummaa utuu hin taʼin Awwaalatu*+ mana isaanii taʼa.+
15 Waaqayyo garuu humna* Awwaalaa* jalaa na* fura,+Inni na simata. (Seelaa)
16 Namni tokko sooressa waan taʼeef,Simboon mana isaatiis waan dabaleef hin sodaatin;
17 Sababiin isaas, inni yommuu duʼu homaa fudhatee deemuu hin dandaʼu;+Simboon isaas isaa wajjin gad hin buʼu.+
18 Inni bara jireenyaa isaatti of* gammachiisa.+
(Yommuu sooromtu namoonni si jaju.)+
19 Dhuma irratti garuu dhaloota abbootii isaa wajjin taʼa.
Isaan matumaa deebiʼanii ifa hin argan.
20 Namni kana hin hubanne kabajamaa taʼus,+Bineensota badan irra hin wayyu.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “sirnichaa.”
^ Kal., “Ilmaan sanyii namootaas taʼan ilmaan namaa.”
^ Kal., “dogoggora.”
^ Ykn., “awwaala.”
^ Ykn., “Siʼooliif,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “Siʼooltu,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Kal., “harka.”
^ Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “lubbuu koo.”
^ Ykn., “lubbuu isaa.”