Dhimma ijoo ta'etti seeni

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

Yeroo Baayʼee Moʼamus Dhuma Irratti Naaf Milkaaʼeera

Yeroo Baayʼee Moʼamus Dhuma Irratti Naaf Milkaaʼeera
  • BARA DHALOOTAA: 1953

  • BIYYA DHALOOTAA: AWUSTIRAALIYAA

  • SEENAA: ARAADA POORNOOGIRAAFII ILAALUU KAN QABU

JIREENYA KOO DURAA:

Abbaan koo bara 1949⁠tti Jarman irraa gara Awustiraaliyaatti godaane. Bakka kana kan dhufe bakka albuuda baasanii fi industiriiwwan humna maddisiisan irraa hojii barbaaddachuuf ture. Achiis naannoo baadiyyaa Viiktooriyaa keessa jiraachuu jalqabe. Bakka kanattis haadha koo wajjin gaaʼela godhatan, anis bara 1953⁠ttin dhaladhe.

Waggoota muraasa booda haati koo Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabde, kanaafuu barumsawwan Kitaaba Qulqulluu ijoollummaa kootti dhagaʼeera. Haataʼu malee, abbaan koo amantaa kam iyyuu hin jaalatu ture. Nama hamaa fi nama sodaachisu taʼe, haati koos baayʼee isa sodaatti turte. Dhoksaadhaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu ishii itti fufte, wanta barattuus ni jaalatti turte. Yeroo abbaan koo mana hin jiraannetti wanta baratte anaa fi obboleettii kootti himti turte. Ishiin gara fuulduraatti lafti jannata akka taatuu fi ulaagaa naamusaa amalaa Kitaaba Qulqulluu yoo hordofnee gammachuu akka qabaannu nutti himti turte.—Faarfannaa 37:10, 29; Isaayyaas 48:17.

Yommuu umuriin koo waggaa 18 taʼu hammina abbaa kootiin kan kaʼe manaa baʼuufin dirqame. Wanta haati koo Kitaaba Qulqulluu irraa na barsiisaa turtetti kanan amanu taʼus faayidaa inni qabu hin hubannen ture, kanaafuu hojii irra utuun hin oolchinan hafe. Bakka albuuda cilee baasanitti hojii elektirikii hojjechuun jalqabe. Yommuu umuriin koo waggaa 20 taʼus nan fuudhe. Intalli keenya ishiin jalqabaa waggaa sadii booda dhalatte. Anis jireenya koo keessatti wanti iddoo guddaa qabu maal akka taʼen yaaduu jalqabe. Kitaabni Qulqulluun maatii koo gargaaruu akka dandaʼu waanan beekuuf, Dhugaa Baatuu Yihowaa tokkoo wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun jalqabe. Haati manaa koo garuu Dhugaa Baatota baayʼee mormiti turte. Walgaʼii isaanii tokko irratti yommuun argamu, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu ykn maatii koo keessaa tokko akkan filadhu na akeekkachiiste. Wanta tokko iyyuu gochuu akkan hin dandeenye waan natti dhagaʼameef, akkuma ishiin na gaafatte hariiroon Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qabun addaan kute. Yeroo booda wantan sirrii akka taʼe beeku gochuu dhiisuu kootti gaabbeera.

Gaaf tokko namni naa wajjin hojjetu tokko poornoogiraafii akkan ilaaluu na affeere. Poornoogiraafiin karaa tokkoon nama hawwata, karaa kan biraatiin immoo nama jibbisiisa, ilaaluun koos gar malee akkan of ceephaʼu na taasise. Wantan Kitaaba Qulqulluu irraa baradhe yommuun yaadadhu Waaqayyoo akka na adabun amana ture. Fakkiiwwan gadhee taʼan ilaaluu koo yommuun itti fufu ilaalchi ani poornoogiraafiidhaaf qabu ni jijjiirame. Yeroo boodas araada natti taʼe.

Waggoottan 20 ol taʼan darbaniif barumsa haati koo na barsiisuuf yaalaa turte irraa suutuma suuta caalaatti fagaachaan deeme. Amalli koos wantan sammuu koo keessa galchaa jiru kan argisiisu ture. Jecha gadheetu afaan koo keessaa baʼaa, akkasumas qoosaawwan gadhee taʼaniin qoosa ture. Kunis saalqunnamtiidhaaf ilaalcha dogoggoraa akkan qabaadhu na taasise. Haadha manaa koo wajjin jiraachaa kanan ture taʼus, dubartoota kan biroo wajjin ejjan raawwadha ture. Gaaf tokko daawwitiidhaan of ilaaleen ‘Sin jaalladhu’ ofiin jedhe. Kabajan ofiif qabus of jibbuutti jijjiirame.

Gaaʼelli koo ni diigame, jireenyi koos ni bade. Achiis garaa koo guutuudhaanin kadhannaa Yihowaatti dhiheesse. Waggaa digdamaaf addaan kutee kanan ture taʼus, qonnaa Kitaaba Qulqulluu koo ittin fufe. Yeroo sanatti abbaan koo duʼeera, haati koo immoo Dhugaa Baatuu Yihowaa taatee cuuphamtee turte.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

Akkaataa jireenyaa koo fi ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu warra ol anoo taʼan gidduu garaa garummaa guddaatu jira ture. Yeroo kanatti garuu nagaa sammuu Kitaabni Qulqulluun akka argannu waadaa gale argachuuf kutadheen ture. Akkaataan itti dubbadhu sirreessuu fi aarii koo toʼachuun jalqabe. Kana malees jireenya gadhiisii jiraachuu, qumaara taphachuu, dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu fi namoota qacaranii na hojjechiisan jalaa hatuu dhiisuufan murteesse.

Namoonni naa wajjin hojjetan jijjiirama guddaa akkasii gochuu kanan barbaade maaliif akka taʼe hubachuu hin dandeenye. Waggaa sadiif taʼe jedhanii akkaataa jireenyaa koo duraatti akkan deebiʼuuf na qoraa turan. Hamma tokko amalli koo duraa yommuu natti deebiʼu, jechuunis yommuun aaruu ykn jecha gadhee dubbadhu gammachuudhaan iyyanii, “Joo inni duraanii ni deebiʼe” jedhu. Jechoonni kun baayʼee na miidhu turan! Yeroo baayʼee akka naaf hin milkoofne natti dhagaʼama ture.

Bakka hojii kootti poornoogiraafiin meeshaa eleektiroonikiitnis taʼe waraqaadhaan baayʼinaan argama ture. Akkuman kanaan dura gochaa ture, namoonni naa wajjin hojjetan kompiitara isaanitti fayyadamanii yeroo hunda fakkiiwwan gadhee taʼan walii ergu. Araada koo moʼuuf carraaqaa kanan ture taʼus, isaan taʼe jedhanii na gufachiisuuf waan kutatan fakkaata ture. Deggersaa fi gargaarsa argachuuf nama Kitaaba Qulqulluu na qoʼachiisutti haalan keessa jirun itti hime. Wanta garaa koo keessa jiru hundumaa yommuun isatti himu obsaan na dhaggeeffate. Caqasoota Kitaaba Qulqulluu tokko tokkotti fayyadamuudhaan araada koo akkamitti akkan moʼu natti argisiise, akkasumas gargaarsa Yihowaa argachuuf yeroo hundumaa akkan kadhadhu na jajjabeesse.—Faarfannaa 119:37.

Gaaf tokko namoota naa wajjin hojjetan walitti qabeen isaan haasofsiise. Yommuu isaan walitti qabamanis namoota araada dhugaatii alkoolii moʼuuf carraaqaa akka jiran dubbatan lamaaf biiraa akka kennaniin isaan gaafadhe. Namoonni kunis iyyanii, “Kun illee hin taʼu! Isaan araada kana moʼuuf qabsoo gochaa jiru” naan jedhan. Anis deebisee, “Eeyyee, anis akkuma saanii walʼaansoo gochaan jira” jedhe. Namoonni kun guyyaa kanaa kaasee poornoogiraafii wajjin walʼaansoo gochaa akkan jiru ni hubatan, akkasumas akkaataa jireenyaa koo duraatti akkan deebiʼuu dhiibbaa na irratti gochuu isaanii ni dhiisan.

Yeroo booda gargaarsa guddaa Yihowaa biraa argadheen araada poornoogiraafii moʼuu dandaʼeera. Bara 1999 Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼeen cuuphame, jireenya qulqulluu fi gammachiisaa jiraachuuf carraa lammaffaa waanan argadheef guddaan galateeffadha.

Amma Yihowaan wantootan yeroo dheeraadhaaf jaallachaa ture maaliif akka jibbu naa galeera. Abbaa jaalala qabeessa waan taʼeef miidhaa poornoogiraafiin geessisu irraa na eeguu barbaada. Yaanni Fakkeenya 3:5, 6 irratti argamu dhugaa dha! Akkana jedha: “Garaa kee guutuudhaan Yihowaatti amanami, hubannaa ofii keetiittis hin hirkatin. Daandii kee hundumaa irratti tilmaama keessa isa galchi, innis daandii kee wal siif qixxeessa.” Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu eegumsa nuuf gochuu qofa utuu hin taʼin, olee bulee milkaaʼina akka argannu wabii nuuf taʼu.—Faarfannaa 1:1-3.

FAAYIDAA ANI ARGADHE:

Kanaan dura ofan jibba ture, amma garuu kabaja ofiif qaba, nagaa keessaas qaba. Jireenya qulqulluun jiraadha, Yihowaanis dhiifama akka naaf godhee fi akka na deggeru natti dhagaʼama. Bara 2000 obboleettii bareeddu Kaaroolin jedhamtuu fi akkuma koo Yihowaa jaallatuun fuudhe. Manni keenya nagaadhaan kan guutamee dha. Miseensa waldaa obbolummaa addunyaa maraa qulqulluu fi jaalala qabeessa taʼe taʼuu keenya akka mirga guddaatti ilaalla.