Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MACAAFNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

Waaʼeekoo Qofan Yaadan Ture

Waaʼeekoo Qofan Yaadan Ture
  • BARA DHALOOTAA: 1951

  • BIYYA DHALOOTAA: JARMAN

  • SEENAA: BOONAAFI OFIIN KAN BULU

JIREENYAKOO DURAA:

Ijoollummaakootti, maatiinkoo magaalaa Leepziig jedhamtu, Baha Jarmanitti argamtuufi daangaa Cheekiifi Poolaanditti dhihoo jirtu keessa jiraatu turan. Yeroo umriinkoo waggaa 6 taʼetti, sababa hojiitiin abbaakoo wajjin jalqaba gara Biraaziil, achiimmoo gara Ikuwaador deemne.

Yeroo umriinkoo waggaa 14 guutetti, mana barumsaa Jarman keessatti argamu dhaqeen achuma taaʼee barachuu jalqabe. Warrikoo kan jiraatan narraa fagoo jechuunis Ameerikaa Kibbaa keessa waan taʼeef ofiin of bulchuun jalqabe. Achiis garmalee ofitti amanamuun jalqabe. Gochikoo namoota kaan miidhuu akka dandaʼu hin yaadun ture.

Yeroo umriinkoo waggaa 17 guutetti, warrikoo Jarmanitti deebiʼan. Jalqabarratti, isaanii wajjin jiraachuu eegaleen ture. Haataʼu malee amala ofitti amanamuu waanan qabuuf maatiikoo wajjin jiraachuu hin dandeenye. Kanaaf yeroo umriinkoo waggaa 18 guutetti manaan baʼe.

Yeroo hundumaa kaayyoon jireenyaa maal akka taʼe baruuf carraaqqii cimaan godhan ture. Jireenya addaddaa ergan jiraadheefi dhaabbata garaagaraa keessa ergan seenee booda, dhumarratti jireenyakoo hafetti fayyadamuudhaan, ilmaan namootaa lafa bareedduu taate kana balleessuusaanii dura iddoo addaddaa deemee ilaaluu akkan qabu natti dhagaʼame.

Kanaaf mootarsaayikilii bitadhee Jarmaniin dhiiseen gara Afriikaatti qajeele. Haataʼu malee utuma baayʼee hin turin, mootarsaayikiliikoo suphuuf gara Awurooppaattan deebiʼe. Awurooppaa dhaqee utuman baayʼee hin turin Poortugaalitti gara qarqara galaanaa tokkon dhaqe. Yeroo kanatti mootarsaayikilii dhiisee bidiruudhaan deemuufan murteesse.

Bakka kanatti garee dargaggootaa Garba Atilaantiikii qaxxaamuruuf qophaaʼaa jiranittan makame. Haadha manaakoo Looree wajjin kanan wal arge achitti ture. Jalqaba gara odoola Kaariibiyaan deemne. Achiis, Porto Riikoo keessa yeroo muraasaaf erga turree booda gara Awurooppaatti deebine. Bidiruu keenya ishee sharaadhaan deemtu gara bidiruu mootaraan deemtuutti jijjiiruu barbaanna turre. Haataʼu malee, jiʼoota muraasaaf bidiruu akkasii argachuuf yaalii erga goonee booda gareen keenya akka tasaa diigame. Achiis fedhakoo malee raayyaa waraana Jarman keessa na galchan.

Humna waraana galaanaa Jarman keessa jiʼoota 15f tajaajileera. Yeroo sanatti, Aniifi haati manaakoo Looreen kan wal fuune siʼa taʼu, achiis wal faana biyyarra naannaʼuu keenya itti fufuuf qophii gochuu eegalle. Tajaajila humna waraanaa utuun hin eegalin yeroo muraasa dura, bidiruu yommuu balaan gaʼu ittiin ooluuf gargaartu bitanne. Humna waraanaa keessa utuman tajaajilaa jiruu, bidiruu bitanne sana suuta suuta gara bidiruu qilleensaan sochoʼutti geddarre. Isuma keessa jiraachaa biyyarra deemnee lafa bareedduu taate kana ilaaluuf karoorfanne. Haataʼu malee, humna waraanaa erga gad dhiifnee booda daawwannaa keenya utuu hin jalqabin dura Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal arginee Macaafa Qulqulluu qayyabachuu eegalle.

MACAAFNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

Jalqaba, jireenya koorratti jijjiirama gochuun barbaachisaa taʼee natti hin mulʼanne ture. Dubartiin akkasumatti wajjin jiraachaa ture fuudheera; akkasumas xuuxuu dhiiseera. (Efesoon 5:5) Karoora biyyarra deemnee uumama ilaaluuf qabnuu wajjin haala wal qabateen garuu, jireenyakoo keessatti wantoota dinqisiisoo Waaqayyo uume daawwachuun buʼaa gaarii akka qabu natti dhagaʼamee ture.

Haataʼu malee, keessumaa amalakoo wajjin haala wal qabateen jijjiirama gochuu na barbaachisa ture. Baayʼee kanan kooruufi garmalee ofitti kanan amanu waanan tureef, dandeettiin qabuufi wantootan hojjedhe qofarrattan xiyyeeffadhan ture. Akkasumas waaʼeekoo qofan yaadan ture.

Guyyaa tokko, barumsa Yesus gaararratti barsiisen dubbise. (Maatewos, boqonnaa 5-7) Jalqabarratti, Yesus waaʼee gammachuu akkamii dubbachaa akka jiru naaf hin galle ture. Fakkeenyaaf, namoonni beelaʼaniifi dheebotan akka gammadan dubbatee ture. (Maatewos 5:6) Beelaʼuufi dheebochuun akkamitti akka nama gammachiisu gaaffii natti taʼee ture. Macaafa Qulqulluu qayyabachuu yommuun itti fufu garuu, hundi keenya fedhii hafuuraa kan qabnu taʼus, fedhii kana guuttachuu keenya dura fedhii akkasii akka qabnu amannee fudhachuun barbaachisaa akka taʼen hubadhe. Akkuma Yesus jedhe, “karaa hafuuraatti hiyyeessota warri taʼan [gammadoodha].”—Maatewos 5:3.

Looree wajjin Jarman keessatti Macaafa Qulqulluu qayyabachuu erga jalqabnee booda, gara Faransaayi kan deemne siʼa taʼu, achiis Xaaliyaanii deemne. Iddoo dhaqne hundatti Dhugaa Baatota Yihowaa ni argina turre. Jaalalli guddaan isaan waliif qabaniifi tokkummaansaanii baayʼee na ajaaʼibsiisa ture. Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti tokkummaa akka qaban hubachuu dandaʼeera. (Yohannis 13:34, 35) Yeroo booda, aniifi Looreen cuuphamuudhaan Dhugaa Baatota Yihowaa taane.

Erga cuuphamnee booda, amalakoorratti sirreeffama tokko tokko gochuun itti fufe. Aniifi Looreen gara qarqara Afriikaa dhaquudhaan Garba Atilaantikiirra qaxxaamurree Yuunaayitid Isteetisiin deemuuf murteessine. Lama taanee bidiruu xinnoo sanarra taaʼuudhaan bishaan balʼina kiilomeetira kuma hedduu qaburra yommuu adeemnu Uumaa keenya isa dinqisiisaa taʼee wajjin yommuun wal bira qabamu gatii tokkoyyuu akkan hin qabnen hubadhe. Yeroo waanan qabuuf (garbarratti hojiin hojjedhu waanan hin qabneef) Macaafa Qulqulluu dubbisuufan murteesse. Yeroo kanatti seenaan jireenya Yesus lafarratti dabarse ibsu baayʼee na tuqe. Yesus mudaa kan hin qabneefi dandeettii ani tilmaamuu dandaʼu caalu kan qabu taʼus namoonni isarratti akka xiyyeeffatan hin goone. Kan jiraate mataasaatiif utuu hin taʼin abbaasaa isa samiitiif ture.

Jireenyakoo keessatti Mootummaa Waaqayyootiif dursa kennuu akkan qabun hubadhe

Fakkeenya Yesus kanarratti yommuun xiinxalu, Mootummaan Waaqayyoo wantootan jireenyakoo keessatti raawwachuu barbaaduu wajjin akka walsimu gochuu mannaa, Mootummaa kanaaf dursa kennuu akkan qabun hubadhe. (Maatewos 6:33) Aniifi Looreen Yunaayitid Isteetisiin yommuu geenye, biyyarra deemuu dhiisnee achuma jiraachuuf murteessine.

FAAYIDAAN ARGADHE:

Yeroon waaʼeekoo qofa yaadaa turetti, utuun mirkanaaʼaa hin taʼinan waa murteessa ture. Amma garuu, ogummaan ittiin geggeeffamu argadheera. (Isaayaas 48:17, 18) Akkasumas, jireenya kaayyoo qabu jiraachuu, jechuunis Waaqayyoon waaqeffachuufi namoonni kaan waaʼeesaa akka baran gargaaruu dandaʼeera.

Aniifi Looreen, seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuudhaan gaaʼela keenya cimsachuu dandeenyeerra. Akkasumas, intala bareedduu Yihowaa jaallattuufi manasaa keessatti guddatte tokko argachuudhaan eebbifamneerra.

Yeroo ammaa jireenyi kan nutti ulfaatu taʼus, gargaarsa Yihowaatiin isa tajaajiluufi isatti amanamuu keenya itti fufuuf murteessineerra.—Fakkeenya 3:5, 6.