Dhimma ijoo ta'etti seeni

Maaliif Kadhanna? Waaqayyo Kadhannaa Kootiif Deebii ni Kennaa?

Maaliif Kadhanna? Waaqayyo Kadhannaa Kootiif Deebii ni Kennaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaabni Qulqulluunis taʼe seenaan namootaa Waaqayyoo kadhannaa keenyaaf deebii akka kennu argisiisa. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “[Waaqayyo] fedha warra isa sodaatanii fiixaan in baasa; iyya isaaniis immoo in dhaga’a, isaan in oolchas.” (Faarfannaa 145:19) Haa taʼu malee, Waaqayyoo kadhannaa keetiif deebii kennuun isaa yeroo baayʼee wanta ati raawwatu irratti kan hundaaʼe dha.

Wantoota Waaqayyo iddoo guddaa kennuuf

  •   Kadhannaa dhiheessuu kan qabnu gara Waaqayyotti malee gara Yesuusitti, gara Maariyaamitti, gara qulqullootaatti, gara maleekotaatti ykn bifa fakkeenyaatti miti. ‘Isa kadhata namaa dhagaʼu’ kan jedhame Yihowaa qofadha.—Faarfannaa 65:2.

  •   Kadhannaan dhihaachuu kan qabu, fedha ykn ulaagaa Waaqayyoo isa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee wajjin haala wal simuun taʼuu qaba.—1 Yohaannis 5:14.

  •   Aangoo Yesuus amannee fudhachuudhaan maqaa isaatiin kadhachuu qabna. Yesuus, “Karaa koo yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara Abbaa dhufuu hin dandaʼu” jedheera.—Yohaannis 14:6.

  •   Amantiidhaan kadhachuu qabna; barbaachisaa taanaan amantii keenya akka nuuf guddisu kadhachuu dandeenya.—Maatewos 21:22; Luqaas 17:5.

  •   Gad of qabuudhaan garaadhaa kadhachuu qabna. Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo akkas ol kaʼee utuma jiruu, warra gad deebiʼan in ilaala” jedha.—Faarfannaa 138:6.

  •   Utuu wal irraa hin kutin kadhachuu qabna. Yesuus, “Kadhachuu keessan itti fufaa isiniif ni kennama” jedheera.—Luqaas 11:9.

Wantoota Waaqayyoof jijjiirama hin fidne

  •   Qomoo kee ykn lammummaa kee. ‘Waaqayyo namoota wal hin caalchisu; kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.’—Hojii Ergamootaa 10:34, 35.

  •   Haala itti kadhattu. Teessee, qommaatee (addaan goombifamtee), jilbeenfattee ykn dhaabattee kadhachuu dandeessa.—1 Seenaa 17:16; Nahimiyaa 8:6; Daaniʼel 6:10; Maarqos 11:25.

  •   Sagalee kee guddistee ykn utuu sagalee hin dhageessisin kadhachuu kee. Waaqayyo kadhannaa utuu sagalee hin dhageessisinii fi utuu warri kaan hin beekin kadhattu ni deebisa.—Nahimiyaa 2:1-6.

  •   Wanti si yaaddesse ulfaataa ykn salphaa taʼuu isaa. Waaqayyo, ‘waan siif yaaduuf yaaddoo kee hundumaa isa irratti akka gattu’ si jajjabeessa.—1 Pheexiros 5:7.