Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MAATII GAMMACHUU QABU

Mucaan Keessan Dhukkubsataa Yoo Taʼe

Mucaan Keessan Dhukkubsataa Yoo Taʼe

KAARLOO: * “Mucaan keenya Anjeeloon erga dhalatee kaasee dhibee sammuu Daawun siindiram jedhamu qaba. Dhukkubnisaa kun karaa qaamaa, sammuufi miiraa humna keenya nu jalaa fixee ture. Kana hubachuuf, mucaa fayyaa taʼe kunuunsuun humna hangamii akka isin barbaachisu yaadaa; achiis kana al dhibba baayʼisaa. Dhibee mucaan keenya qabuun kan kaʼe, yeroo tokko tokko gaaʼelli keenya ni jeeqama ture.”

MIYAA: “Waanuma salphaa taʼellee Anjeeloo barsiisuun jabinaafi obsa guddaa qabaachuu gaafata. Yeroon baayʼee dadhabu waanan aaruuf abbaa manaa koottan dheekkama. Yeroo tokko tokko dhimma taʼerratti walii galuu waan dadhabnuuf wal qoccolla.”

Guyyaa mucaan keessan itti dhalate ni yaadattuu? Mucaa keessan kaasuutti baachuuf ariifattanii akka turtan hin shakkisiisu. Kaarloofi Miyaan garuu, mucaansaanii dhibee qaamaa cimaa taʼe akka qabu yommuu dhagaʼan gammachuunsaanii gaddaan makamee ture.

Isinoo mucaa dhibee qaamaa cimaa taʼe qabu qabduu? Taanaan, ‘Rakkina kana akkamittan moʼuu dandaʼaa?’ jechuudhaan dhiphachuun keessan hin oolu. Taʼus, abdii hin kutatinaa. Warri mucaa dhibee qaamaa cimaa taʼe qabu qaban rakkina akkasii akka gaariitti moʼaniiru. Kanattaansee rakkina isin mudachuu dandaʼu sadiifi ogummaan Macaafa Qulqulluu keessa jiru akkamitti isin gargaaruu akka dandaʼu qorra.

RAKKINA 1: MUCAAN KEESSAN DHIBEE CIMAA QABAACHUUSAA AMANUUN ISINITTI ULFAATA.

Warri hedduun, mucaansaanii dhukkubsataa taʼuusaa yommuu dhagaʼan abdii kutatu. Haati Meeksikoo keessa jiraattuufi Juuliyaan jedhamtu, “Ilmi keenya Santiyaagoon dhibee sammuu serebiraal poolzii jedhamu akka qabu yommuu doktoorichi natti himu amanuu hin dandeenye. Lafti naan gaggalagalaa waan jiru natti fakkaate” jetteetti. Warri kaanimmoo akka Vilaanaa ishee Xaaliyaanii jiraattuu isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Akkas jetteetti: “Dubartoota umrii koorratti argaman balaadhaaf saaxiluu kan dandaʼu taʼus, mucaa godhachuufan murteesse. Haataʼu malee, mucaankoo dhibee sammuu Daawun siindiram jedhamu akka qabu yommuun beeku ofan ceephaʼe”

Abdii kutachuuf kan qoramtan ykn kan of ceephaatan yoo taʼe, akkas kan itti dhagaʼamu isin qofa miti. Dhukkubni kaayyoo Waaqayyoo isa jalqabaa keessaa tokko hin turre. (Uumama 1:27, 28) Waaqayyo, wanta uumamaan ala taʼe salphaadhumatti akka fudhatan godhee nama hin uumne. Kanaaf, warri mucaansaanii dhukkubsataa taʼuusaa yommuu beekan akka gaddan beekamaadha. Gadda keessan moʼuufi haala keessan isa haaraa kana amanuun yeroo dheeraa isinitti fudhachuu dandaʼa.

Dhibee mucaa keessaniitiif sababa akka taatan yoo isinitti dhagaʼamehoo maal gootu? Dhibeen dhaalaan daddarbu, naannooniifi wantoonni garabiraan fayyaa mucaa tokkoo akkamitti hubuu akka dandaʼan namni guutummaatti beeku akka hin jirre yaadadhaa. Karaa garabiraammoo hiriyaa gaaʼelaa keessan ceephaatu taʼa. Yaada akkasiitiif iddoo hin kenninaa. Wanta caalaatti gaarii taʼe gochuu kan dandeessan, hiriyaa gaaʼelaa keessan kan deggertaniifi mucaa keessan kunuunsuurratti kan xiyyeeffatan yoo taʼe qofadha.—Lallaba 4:9, 10.

YAADA FURMAATAA: Haala mucaan keessan irra jiru beekaa. Macaafni Qulqulluun, “Manni ogummaadhaan ijaarama, hubannaadhaanis jabeeffamee in dhaabama” jedha.—Fakkeenya 24:3.

Ogeessota fayyaafi barreeffamoota maddisaanii amansiisaa taʼerraa waan hedduu barachuu dandeessu. Haala mucaan keessan keessa jiru hubachuu, afaan haaraa taʼe tokko sirriitti dandaʼuu wajjin walbira qabdanii ilaaluu dandeessu. Jalqabarratti afaanicha barachuun ulfaataa taʼus, irraa jalaan barachuudhaan kan keessan godhachuu dandeessu.

Kaarloofi Miyaan warri olitti caqasaman, doktoorasaaniifi dhaabbata dhibee ilmisaanii qaburratti muuxannoo qaburraa gorsa argatanii turan. Akkas jedhaniiru: “Kana gochuun keenya rakkinni akkamii nu mudachuu akka dandaʼu beekuu qofa utuu hin taʼin, namni dhibee Daawun siindiram jedhamu qabu maal hojjechuu akka dandaʼu beekuufis nu gargaareera. Mucaan keenya karaa hedduutiin jireenya gaarii jiraachuu akka dandaʼu hubanneerra. Kunis baayʼee nu jajjabeesse.”

AKKAS GOCHUUF YAALAA: Wanta mucaan keessan gochuu dandaʼurratti xiyyeeffadhaa. Maatiidhaan taʼuudhaan wanta hojjetamu waliin raawwachuuf karoorfadhaa. Mucaan keessan wanta xinnoollee akka gaariitti yommuu hojjetu akka gammaddan haala argisiisuun yeruma sana isa galateeffadhaa.

RAKKINA 2: AKKA DADHABDANIIFI NAMNI ISINII BEEKU AKKA HIN JIRRE ISINITTI DHAGAʼAMA.

Mucaa keessan dhukkubsataa taʼe kunuunsuun guutummaa humna keessanii akka fudhatu isinitti dhagaʼamuu dandaʼa. Jeen isheen Niwuu Ziilaandi jiraattu akkas jetteetti: “Ilmikoo dhibee lafee dugdaa ispaayinaa biifiidaa jedhamu akka qabu ergan beekee booda, hojii mana keessaa hamman kanaan dura hojjedhu hojjechuu waanan hin dandeenyeef al tokko tokko abdiin kutadha, akkasumas nan booʼan ture.”

Rakkinni garabiraanimmoo namni akka isinii hin beekne kan isinitti dhagaʼamu taʼuusaati. Ilmi Been, dhibee maskulaar diistiroofii isa maashaaleen irree akka dadhaban godhu, akkasumas rakkina Aspeergarsi siindiram jedhamuun qabamee dhiphata ture. Been, “Namoonni baayʼeen jireenyi keenya maal akka fakkaatu matumaa hin beekan” jedheera. Nama rakkina keessan itti himattan argachuu barbaaddu taʼa. Haataʼu malee, michoonni keessan hedduun ijoollee fayyaa waan qabaniif, rakkina keessan isaanitti himachuurraa of qusattu.

YAADA FURMAATAA: Gargaarsa gaafadhaa. Yommuu gargaarsi isiniif godhamus fudhadhaa. Juuliyaanaa isheen olitti caqasamte akkas jetteetti: “Yeroo tokko tokko aniifi abbaan manaakoo gargaarsa gaafachuu ni qaanofna turre. Taʼus, waan hundumaa raawwachuu akka hin dandeenye baranneerra. Namoonni kaan yommuu nu gargaaran kophaa akka taane nutti hin dhagaʼamu.” Michoonni ykn miseensonni maatii keessan bakka afeerraa ykn bakka waaqeffannaatti mucaan keessan akka isaanii wajjin taaʼu yoo gaafatan galateeffannaadhaan fudhadhaa. Macaafni Qulqulluun, ‘Michuun bara hundumaa jaallata; yeroo gidiraatiif obboleessi in dhalata’ jedha.—Fakkeenya 17:17, hiika bara 1899.

Fayyaa keessaniifis of eeggannoo godhaa. Akkuma ambulaansiidhaan dhukkubsattoota gara mana yaalaatti deddeebisuuf yeroo hunda bobaʼaa itti guutuun barbaachisaa taʼe, isinis mucaa keessaniif kunuunsa walirraa hin cinne gochuuf nyaata madaalamaa nyaachuu, sochii qaamaa gochuufi boqonnaa fudhachuu qabdu. Kaaviyeer inni mucaa qaamnisaa miidhamaa taʼe qabu, “Mucaankoo deemuu waan hin dandeenyeef akka gaariitti nyaachuufan yaala. Asiifi achi isa fuudhee kan deemu ana qofa. Ana malee sochoʼuu hin dandaʼu” jedheera.

Fayyaa keessan kunuunsuuf yeroo argachuu kan dandeessan akkamitti? Maatiin tokko tokko dabaree dabareedhaan mucaasaanii kunuunsu. Kanaaf, yeroo kanatti inni tokko boqochuu ykn dhimma dhuunfaasaa hojjechuu dandaʼa. Yeroo keessan wantoota barbaachisaa hin taanerratti dabarsuu dhiisuun kan isin barbaachisu taʼuusaarrayyuu, madaallii keessan eeguun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Taʼus, akkuma Maayuuree isheen biyya Hindii jiraattu jette, “Yeroo booda itti baruun keessan hin oolu.”

Hiriyaa amantan tokkoo wajjin mariʼadhaa. Michoonni mucaa dhukkubsataa hin qabnellee jajjabina isinii kennuu dandaʼu. Yihowaattis kadhannaa dhiheessuu dandeessu. Kadhannaa dhiheessuun dhuguma isin gargaaruu dandaʼaa? Yaazmiin isheen ijoolleenshee lamaan dhibee sistiik faaybiroosis jedhamu qaban akkas jetteetti: “Yeroo tokko tokko dhiibbaa guddaan waan narra gaʼuuf duʼuu jala akkan gaʼe natti dhagaʼama. Taʼus, Yihowaan boqonnaafi humna akka naa kennuuf kadhannaan dhiheessa. Achiis rakkinakoo dandaʼee akkan itti fufu natti dhagaʼama.”—Faarfannaa 145:18.

AKKAS GOCHUUF YAALAA: Nyaata akkamii nyaachuu, yoom sochii qaamaa gochuufi hammam rafuu akka qabdaniifi wantoota barbaachisaa hin taanerraa yeroo hirʼisuudhaan fayyaa keessan akkamitti kunuunsuu akka dandeessan yaadaa. Akka haalasaatti sagantaa keessan sirreessaa.

RAKKINA 3: MISEENSOTA MAATII KAAN CAALAA MUCAA ISA DHUKKUBSATAA TAʼEEF XIYYEEFANNAA KENNITU.

Dhukkubni mucaa tokkoo wanta maatichi nyaatu, bakka maatichi deemuufi yeroo ijoollee kaanii wajjin dabarsitanirratti dhiibbaa gochuu dandaʼa. Kanaan kan kaʼes ijoolleen kaan akka dagataman itti dhagaʼamuu dandaʼa. Warri mucaasaanii isa dhukkubsataa taʼe kunuunsuutti qabamuunsaanii gaaʼelasaanii miidhuu dandaʼa. Liyooneel inni Laayibeeriyaa keessa jiraatu akkas jedheera: “Yeroo tokko tokko haati manaakoo waan hedduu kan hojjettu ishee qofa akka taateefi ani mucaa keenyaaf dhimma akkan hin qabne dubbatti. Anis akkan tuffatame waan natti dhagaʼamuuf dheekkamsaanan deebisaaf.”

YAADA FURMAATAA: Ijoollee keessan hundaa akka jaallattan isaanii mirkaneessuuf, wanta isaan jaallatan waliin hojjechuuf karoorfadhaa. Jeen inni olitti caqasame, “Yeroo tokko tokko ilma keenya isa angafaaf wanta adda taʼe goona. Mana nyaataa inni jaallatu dhaqnee laaqanallee waliin nyaanna” jedheera.

Ijoollee keessan hundaaf xiyyeefannaa kennaa

Nageenya gaaʼela keessanii eeguuf hiriyaa gaaʼelaa keessanii wajjin mariʼadhaa; waliinis kadhadhaa. Asaam inni Hindi keessa jiraatuufi mucaansaa gaggabdoo qabu akkas jedheera: “Yeroo tokko tokko aniifi haati manaakoo baayʼee akka dadhabneefi abdii akka kutanne kan nutti dhagaʼamu taʼus, yeroo ramannee waliin haasofna; kadhannaas ni dhiheessina. Yeroo hunda ganama ganama utuu ijoolleen keenya hirribaa hin kaʼin, caqasa guyyaa guyyaarratti waliin mariʼanna.” Kaanimmoo rafuusaanii dura kophaatti waliin haasaʼu. Garaadhaa waliin haasaʼuufi kadhachuun keessan yeroo dhiphinni cimaan isin mudatu gaaʼela keessan isinii cimsa. (Fakkeenya 15:22) Hiriyoonni gaaʼelaa tokko, “Yeroo jireenya keenya keessatti waliin dabarsine keessaa kan nuyi hin irraanfanne isa yeroo rakkinni cimaan nu mudatetti waliin dabarsinedha” jedhaniiru.

AKKAS GOCHUUF YAALAA: Gargaarsa ijoolleen keessan kaan mucaa keessan isa dhukkubsataa taʼeef kennaniif isaan galateeffadhaa. Jaalalaafi dinqisiifannaa isaaniifis taʼe hiriyaa gaaʼelaa keessaniif qabdan yeroo hunda ibsaa.

ABDII HIN KUTATINAA

Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo dhukkuba xinnaas taʼe guddaa miidhu hunda dhiheenyatti akka balleessu abdii kenna. (Mulʼata 21:3, 4) Yeroo sanatti, “‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru.” *Isaayaas 33:24.

Hammasitti garuu mucaa dhibee qaamaa qabu kan qabdan yoo taʼellee milkaaʼina argachuu ni dandeessu. Kaarloofi Miyaan warri olitti caqasaman, “Wanti hundi fooyyaʼuu kan hin dandeenye yommuu fakkaatu abdii hin kutatinaa. Wantoota gaarii hedduu mucaan keessan qaburratti xiyyeeffadhaa” jedhaniiru.

^ key. 3 Maqaawwan mataduree kana keessa jiran jijjiiramaniiru.

^ key. 29 Fayyaa guutuu argachuu ilaalchisee abdii Macaafni Qulqulluun kennu caalaatti beekuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 3 ilaali.

AKKAS JEDHAA OF GAAFADHAA . . .

  • Hamma naa dandaʼame karaa qaamaa, miiraafi hafuuraa fayyaa gaarii qabaachuu kanan dandaʼu akkamitti?

  • Gargaarsa isaan godhaniif ijoolleekoo kaan galateeffadhee beekaa?