Mata Duree Fuula Jalqabaa
Ilaalchi Jijjiirama ni Fida!
Wantoota armaan gadii keessaa gammachuu kee irratti dhiibbaa guddaa kan geessisu isa kam sitti fakkaata?
-
haala keessa jirtu
-
jiinii ykn uumama kee
-
ilaalcha kee
TOKKO tokko “haalan keessa jiru dha” jedhu taʼa; wantoota armaan gadii utuu qabaatanii gammachuu qabaachuu akka dandaʼan yaadu taʼa . . .:
-
qarshii baayʼee
-
gaaʼela gaarii
-
fayyaa guutuu
Haa taʼu malee, haala keessa jirruu fi jiinii keenya caalaa ilaalcha keenyatu gammachuu keenya irratti dhiibbaa geessisa. Kun taʼuun isaa immoo gaarii dha. Maaliif? Haala kee fi jiinii kee guutummaatti toʼachuu kan hin dandeenye taʼus, ilaalcha kee toʼachuu waan dandeessuufi dha.
“QORICHA GAARII”
Fakkeenyi Kitaaba Qulqulluu tokko, “Garaan gammadu fayyina namaaf kenna [“Qoricha gaarii dha,” NW], yaadni cabaan garuu lafee gogsa” jedha. (Fakkeenya 17:22) Kanaaf, ilaalchi kee jijjiirama ni fida! Ilaalchi kee galma kee irra akka geessu ykn abdii akka kutattu si taasisuu dandaʼa; akkasumas, haalli gaddisiisaan yeroo si mudatu ciminni kee ykn dadhabinni kee ifatti akka mulʼatu gochuu dandaʼa.
Namoonni tokko tokko yaada kana hin fudhatan taʼa. Tarii akkas jedhanii yaadu taʼa:
-
‘Ilaalcha gaarii qabaachuuf jecha rakkina koo maaliifan dhoksa?’
-
‘Hamma fedhe ilaalcha gaarii yoon qabaadhe iyyuu haala koo jijjiiruu hin dandaʼu.’
-
‘Akkanumaan abjoochuu mannaa dhugaa jiru fudhachuun qaba.’
Yaadawwan kun dhugaa fakkaatu taʼa. Taʼus, ilaalcha gaarii qabaachuun faayidaa hedduu qaba. Kana fakkeenyaan ibsuuf, haalawwan armaan gadii ilaali.
Rabbumaa fi Lalisaan bakka hojii isaaniitti hojii garaa garaa irratti cimanii hojjetu. Hogganaan isaanii hojii isaanii erga ilaalee booda, dogoggora guddaa isaan hojjetan tokko tokko itti hime.
-
Rabbumaa: “Hojii kana irratti yeroo fi humna koo gubeera; garuu sirriitti hin hojjenne! Matumaa waanan milkaaʼu natti hin fakkaatu. Hamma fedhe jabaadhee yoon hojjedhe iyyuu, buʼaan isaa nama hin gammachiisu. Kana booda itti dhiisuun qaba.”
-
Lalisaa: “Hogganaan koo wantoota gaarii ani hojjedhe tokko tokko natti himeera; taʼus dogoggora guguddaa muraasa hojjedheera. Barumsa gaarii yeroo itti aanutti hojii koo fooyyeffachuuf na gargaaru argadheera.”
MAAL SITTI FAKKAATA?
-
Jiʼa jaʼa booda hojjetaa dandeettii qabu kan taʼu eenyu sitti fakkaata? Rabbumaa moo Lalisaa dha?
-
Ati hogganaa utuu taatee namoota kana lamaan keessaa eenyuun qacaruu barbaadda? Yookiin isa kamtu akka itti fufu barbaadda?
-
Wanti si aarsu yeroo si mudatu, ati isaan keessaa akka isa kamii goota?
Siifanii fi Siddisee miira kophummaatu isaanitti dhagaʼama. Lamaan isaanii iyyuu miira kana dandamachuuf wanta garaa garaa godhu.
-
Siifan of irratti xiyyeeffatti. Namoonni dursanii yoo waa ishiidhaaf godhan malee namootaaf waa gochuu hin barbaaddu. ‘Namoota deebisanii homaa naaf hin gooneef jedhee yeroo koo maaliifan guba?’ jettee yaaddi.
-
Siddiseen galateeffatanis galateeffachuu baatanis namootatti gaarummaa argisiisuu fi isaaniif waa gochuuf carraaqqii guddaa gooti. Jireenya ishii keessatti seera isa wanta namoonni akka nuu godhan barbaadnu nus akka isaaniif goonu ajaju hojii irra oolchiti. (Luqaas 6:31) Akka ilaalcha Siddiseetti deebiin namootaa maal iyyuu yoo taʼe, wanta gaarii gochuun nama kiisa.
MAAL SITTI FAKKAATA?
-
Dubartoota kana lamaan keessaa eenyuun michuu kee godhachuu barbaadda?
-
Lamaan isaanii keessaa walitti dhufeenya namootaa wajjin qabutti kan gammadu eenyu sitti fakkaata?
-
Kophummaan kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe, akka Siifan moo akka Siddisee goota?
Namoota haalli isaanii kan Lalisaa fi Siddisee wajjin wal fakkaatu beekta taʼa. Ati iyyuu akka isaanii akka taate sitti dhagaʼama taʼa. Taanaan, ilaalchi kee jireenya kee irratti jijjiirama akka fidu akka hubattu hin shakkisiisu. Akka Rabbumaa fi Siifan yoo taate hoo? Karaawwan Kitaabni Qulqulluun haalawwan rakkisaa jireenya keessatti si mudataniif ilaalcha gaarii qabaachuuf itti si gargaaru sadii ilaali.
1 ABDII HIN KUTATIN
KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “Ati bara rakkinaatti yoo raafamte, humni kee muraasa.”—Fakkeenya 24:10.
MAAL JECHUU DHA? Abdii kutachuun humna haala kee fooyyessuuf ykn dandamachuuf si gargaaru akka hin qabaanne si taasisa.
FAKKEENYA: Julaayzaan ijoollummaa ishiitti gammachuu hin qabdu turte. Abbaan ishii machooftuu ture; maatiin ishiis harka qalleeyyii turan. Iddoo garaa garaa deemanii jiraatu turan. Julaayzaan jalqaba irratti jireenya ishiitti abdii kutattee turte. Yeroo booda garuu ilaalchi ishii ni jijjiirame. Maaltu ishii gargaare? Julaayzaan akkana jetteetti: “Maatiin koo rakkina isaanii keessaa utuu hin baʼin dura iyyuu, Kitaabni Qulqulluun ilaalcha koo fooyyeffachuuf na gargaareera. Amma illee taanaan yaadni Kitaaba Qulqulluu keessa jiru wantoota abdii nama kutachiisan irratti akkan hin yaadne na gargaara. Namoota irratti amalan hin jaallanne yeroon argu, maaliif amala akkanaa akka qabaatan hubachuufan yaala.”
Julaayzaan Kitaabni Qulqulluun qajeelfama amansiisaa taʼe akka qabate hubatteetti. Gorsi isaa haalawwan rakkisaa dandamachuuf nama gargaaruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Efesoon 4:23, “Hafuura yaada garaa keessanii keessattis haareffamaa” jedha.
Caqasni kun akka jedhutti, ilaalchi kee wanta jijjiiramuu hin dandeenye miti. Yaadni kee ‘haareffamuu’ ni dandaʼa. Haa taʼu malee, jijjiirama akkanaa gochuun wanta itti fufiinsaan raawwatamuu qabu dha.
2 WANTA GAARII IRRATTI XIYYEEFFADHU
KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “[Nama garaan isaa gaddeef, hiika bara 1899] guyyaan hundinuu hamaa dha, garaa gammachuu qabuuf garuu, guyyaan hundinuu cidha.”—Fakkeenya 15:15.
MAAL JECHUU DHA? Wantoota hundaaf ilaalcha sirrii hin taane yoo qabaatte, ‘ni gaddita’ akkasumas guyyaan hundi “hamaa” fi dukkanaaʼaa sitti taʼa. Wantoota gaarii irratti yoo xiyyeeffatte garuu, “garaa gammachuu” qabu qabaatta. Filannoon kan kee ti.
FAKKEENYA: Yaankoon xannacha sammuu isaa keessatti biqile baasuuf irra deddeebiʼamee yaaliin baqaqsanii hodhuu erga isaaf godhamee booda akka garaa isaa sosochoʼuu fi dubbachuu dadhabe. Haalli isaa kun galma isaa irra akka hin geenye akka isa taasisu waan isatti dhagaʼameef, waggoota hedduudhaaf abdii kutatee ture. Yeroo booda garuu ilaalchi isaa ni jijjiirame. Akkamitti? Akkana jedheera: “Wantootan gochuu hin dandeenye irratti xiyyeeffachuu mannaa, yaadawwan nama jajjabeessan irratti xiyyeeffachuun baradhe.”
Karaan Yaankoon akkas gochuu itti dandaʼe inni tokko Kitaaba Qulqulluu irraa caqasoota dubbisuu dha. Akkana jedheera: “Kana gochuun yaadni koo wantoota gaggaarii irratti akka xiyyeeffatu taasisa. Galmawwan yeroo dheeraadhaaf baafadhe guutummaatti dhiisuu baadhus, galmawwan xixinnoo yeroo ammaatti bira gaʼuu dandaʼu irrattan xiyyeeffachaa jira. Yaadni abdii nama kutachiisu yeroo gara sammuu kootti dhufu, wantoota hedduu gammachuu kootiif sababa taʼan irrattan xiinxala.”
Atis akkuma Yaankoo, miira abdii kutachuu moʼuu fi yaadawwan gaggaarii irratti xiyyeeffachuu ni dandeessa. Haala rakkisaa keessa jirta taanaan, fakkeenyaaf akkuma Yaankoo rakkinni fayyaa si mudateera yoo taʼe akkana jedhii of gaafadhu: ‘Haalli koo abdii hin qabuu? Moo rakkina yeroo muraasaaf qofa turu dha?’ Yaadawwan nama ijaaran irratti xiyyeeffachuudhaan, yaada sirrii hin taane of irraa fageessuu baradhu.
3 WARRA KAANIIF WAAN GAARII GODHI
KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “Fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa.” —Hojii Ergamootaa 20:35.
MAAL JECHUU DHA? Ofittummaa irraa bilisa taʼanii kennuun, nama kennu sanaaf gammachuu guddaa argamsiisa. Maaliif? Kan uumamne fedhii dhuunfaa keenyaa qofa akka guuttannuuf waan hin taaneefi dha. (Filiphisiiyus 2:3, 4; 1 Yohannis 4:11) Gammachuu kennuudhaan argamu argachuun, haalawwan rakkisaa jireenya keessatti nu mudatan dandamachuuf baayʼee nu gargaaruu dandaʼa.
FAKKEENYA: Hoswaan dhibee ispaayinaa befidaa jedhamuu fi lafee dugdaa irra dhiibbaa guddaa geessisuun qabameera. Yeroo baayʼee dhukkubbii cimaatu isatti dhagaʼama. Haa taʼu malee, Hoswaan namoota kaan gargaaruudhaan jireenya gammachiisaa jiraata. Akkana jedheera: “‘Ani kana hojjechuu hin dandaʼu’ jechuu mannaa, wanta guyyaa guyyaadhaan isaan barbaachisu irratti namoota akkamitti gargaaruu akkan dandaʼun yaada. Achiis karaan itti isaan gargaaruu dandaʼun argadha; kunis gammachuu guddaa naaf argamsiisa.”
WANTA GOCHUU DANDEESSU
Carraawwan fedhii kee aarsaa gochuuf si dandeessisan barbaadi. Fakkeenyaaf, ollaa kee dhukkubsate tokkoof nyaata qopheessuu ni dandeessaa? Maanguddoota hojii tokko tokko irratti gargaarsi isaan barbaachisu beektaa?
Haaluma biqiltuu tokko itti kunuunsituun ilaalcha keetiif kunuunsa godhi. Ilaalcha sirrii hin taanee fi abdii kutachuu isa akka aramaa summii qabuu taʼe hundee isaatii buqqisii gati. Sanyii ilaalcha gaarii dhugaa irratti hundaaʼee facaasi; akkasumas gochawwan miira gaarii akka qabaattu godhan akka xaaʼootti fayyadami. Achiis, miira jireenya kee caalaatti gammachiisaa taasisu haammatta. Kun immoo ilaalchi kee jijjiirama akka fidu sii mirkaneessa.
Namoonni tokko tokko fayyaa isaaniitiif jecha, nyaata tokko tokko tole jedhanii hin nyaatan; ilaalcha kee wajjin haala wal qabateenis akkana gochuu dandeessa