Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maqaa Waaqayyoo Beekuun Maalfaa Dabalata?

Maqaa Waaqayyoo Beekuun Maalfaa Dabalata?

Maqaa Waaqayyoo Beekuun Maalfaa Dabalata?

MAQAANKEE hiika adda taʼe qabaa? Biyyoota tokko tokkotti, mucaa tokkoof maqaa hiika qabu moggaasuun baramaadha. Maqaan filatamu amantii warri mucichaa qaban, wanta isaan iddoo guddaa kennaniif ykn abdiifi hawwii jireenya mucaasaanii ilaalchisee qaban argisiisuu dandaʼa.

Maqaa hiika qabu moggaasuun waan haaraa miti. Bara duriitti maqaan dhuunfaa kan moggaafamu yeroo baayʼee hiika maqichi qabu xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan ture. Maqaawwan, haala mucichi gara fuulduraatti qabaachuu dandaʼa jedhamee yaadamu kan argisiisan taʼuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, Yihowaan Daawititti wanta ilmisaa Solomoon gara fuulduraatti raawwatu yommuu dubbatu, “Bara mootummaa isaa keessa nagaa fi boqonnaa saba Israaʼeliif waanan kennuuf, maqaan isaa Solomoon [jecha hiiknisaa “Nagaa” jedhurraa kan argamedha] in jedhama” jedheera.—1 Seenaa 22:9.

Yihowaan nama gara fuulduraatti gaʼee haaraa raawwatu tokkoof maqaa haaraa yeroo itti kennes qaba. Haadha manaa Abrahaam, Saaraa ishee dhabduu turteef, maqaan hiiknisaa “Mootuu” jedhu kennamee ture. Maaliif? Yihowaan akkas jedheera: “Ani ishee nan eebbisa, ilmas immoo ishee irraa siif nan kenna; ani ishee nan eebbisa, isheenis saba baayʼeedhaaf haadha in taati; mootonni saba garaa garaa ishee irraa in argamu.” (Uumama 17:16) Saaraadhaaf maqaa haaraan maaliif akka kenname hubachuun, gaʼee haaraa isheen qabdu hubachuu akka gaafatu ifadha.

Maqaan Yihowaa jedhamuufi hunda caalaa barbaachisaa taʼehoo? Hiiknisaa maalidha? Museen yommuu Waaqayyoon waaʼee maqaasaa gaafatu, Yihowaan “Wantan taʼuu barbaadu hundaa nan taʼa” jechuudhaan deebiseera. (Baʼuu 3:14, NW) Hiikni Macaafa Qulqulluu Roozarhaam jedhamu, “Waan na gammachiise hunda nan taʼa” jedhee hiikeera. Maqaan Yihowaa, inni Waaqaa gaʼee hedduu qabu akka taʼe argisiisa. Kana fakkeenya salphaa tokkoon ibsuuf, haati tokko guyyaa guyyaadhaan akka barbaachisummaasaatti mucaashee kunuunsuu, nyaata isaa qopheessuufi barsiistuusaa taʼuu dandeessi. Yihowaan kana caalaa wanta hedduu kan raawatu taʼus, haallisaa kanaa wajjin wal fakkaata. Kaayyoosaa jaalalarratti hundaaʼeefi ilmaan namootaatiif qabu galmaan gaʼuuf, wanta barbaade hunda taʼuufi gaʼee barbaachisu hunda raawwachuu ni dandaʼa. Kanaaf, Yihowaa maqaasaatiin beekuun gaʼee hedduu inni qabu hubachuufi dinqisiifachuu dabalata.

Amalawwan Waaqayyoo warri dinqisiisaa taʼan namoota isa maqaasaatiin hin beekne jalaa kan dhokatan taʼuunsaanii nama gaddisiisa. Haataʼu malee, Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan, gaʼee Yihowaan qabu hedduu keessaa muraasasaanii, jechuunis Gorsaa ogeessa, Fayyisaa humna qabeessaafi arjaa taʼuusaa beekuu dandeessa. Dhugumayyuu maqaan Yihowaa hiika hedduu qabaachuunsaa kan nama dinqisiisudha.

Haataʼu malee, Waaqayyoon maqaadhaan beekuun yeroo hundaa salphaa miti. Matadureen ittaanu kun maaliif akka taʼe ibsa.