Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo Nama Wal Hin Caalchisu

Waaqayyo Nama Wal Hin Caalchisu

Dargaggootaaf

Waaqayyo Nama Wal Hin Caalchisu

Qajeelfama: Gilgaala kana bakka tasgabbaaʼaa taʼetti hojjedhu. Caqasoota yeroo dubbistu, haala sana keessa akka jirtutti yaadi. Wanta raawwatamaa ture yaadaan ilaali. Wanta dubbatamu akka dhageessutti yaadi. Miirri namoota seenicharratti hirmaannaa qabanii sittis haa dhagaʼamu. Seenaansaa dhugaa taʼee sitti haa mulʼatu.

Taatota: Qorneelewos, Phexros

Yaada ijoo: Phexros, Qorneelewos isa warra Saba Waaqayyoo hin taane keessaa tokko taʼeef lallabuudhaan, fakkeenya Waaqayyo isa nama wal hin caalchisnee hordofeera.

1 WANTA YEROO SANATTI RAAWWATAMERRATTI GADI FAGEENYAAN YAADI. —HOJII ERGAMOOTAA 10:1-35, 44-48 DUBBISI.

Qorneelewos maal akka fakkaatu ibsuuf yaali.

․․․․․

Akkuma lakkoobsa 3 hanga 6⁠rratti ibsame, Qorneelewos ergamaa Waaqayyoo wajjin yeroo haasaʼu miirri akkamii kan isatti dhagaʼame sitti fakkaata?

․․․․․

Akkuma lakkoobsa 7fi 8⁠rratti ibsame, Qorneelewosiifi hojjettoonnisaa waaʼee maalii kan waliin haasaʼan sitti fakkaata?

․․․․․

2 QORANNAA DABALATAA GODHI.

Fakkeenyi lakkoobsa 10 hanga 16⁠rratti Phexrosiif kenname buʼa qabeessa kan ture maaliifi? (Yaada: Akkuma lakkoofsa 14⁠rratti ibsame Phexros nama Yihudii taʼuusaa hubadhu.)

․․․․․

Lakkoofsa 25⁠rratti akkuma argitu Qorneelewos amala akkamii qaba ture? Namni akkasaa aangoo qabu tokko amala akkasii qabaachuunsaa haaraa kan taʼe maaliif taʼuu dandaʼa? (Yaada: Lakkoofsa 1 ilaali.)

․․․․․

Barreeffamawwan qorannaa gochuuf siif dhihaatanitti fayyadamuudhaan, loltoonni Xaaliyaanii Qorneelewos geggeessaa ture meeqa akka taʼan beekuuf yaali.

․․․․․

Keessumaa Qorneelewos Kiristiyaana taʼuunsaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisu maaliifi?

․․․․․

3 WAAN BARATTE HOJIIRRA OOLCHI. BARUMSA ARGATTE BARREEFFADHU . . .

Fakkeenyawwanitti akka gaariitti fayyadamuu.

․․․․․

Waaqayyo kan nama wal hin caalchisne taʼuusaa.

․․․․․

Karaa atis namoota akka wal hin caalchisne itti argisiisuu dandeessu.

․․․․․

4 SEENAA KANA KEESSAA CAALAATTI XIYYEEFFANNAAKEE KAN HARKISE ISA KAMI? MAALIIF?

․․․․․

[Fakkii fuula 31rra jiru]

BARREEFFAMOOTA MACAAFA QULQULLUURRATTI HUNDAAʼAN KAN BIRAA ARGACHUUF, DHUGAA BAATOTA YIHOWAA GAAFADHU YKN www.watchtower.org

ILAALI