Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gammachuu Argachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Gammachuu Argachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Yesusirraa Maal Baranna?

Gammachuu Argachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Wanti gammachuu argachuuf gargaaru inni guddaan maalidha?

▪ Yesus lallaba beekamaa gaararratti kenne kan jalqabe, wantoota gammachuu argamsiisan dubbachuudhaan ture. “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri taʼan haa gammadan” jedheera. (Maatewos 5:3) Maal jechuusaa ture? Karaa hafuuraa wanti nu barbaachisu maalidha?

Jiraachuuf, akkuma horii nuyis, hafuura baafachuu, dhuguufi nyaachuu nu barbaachisa. Haataʼu malee, gammadoo taʼuuf, wanti horiidhaaf barbaachisaa hin taane nuuf garuu barbaachisaa taʼe jira; innis kaayyoo jireenyaa hubachuudha. Fedhii kana guutuu kan dandaʼu isa Uumaa jireenyaa taʼe qofadha. Kanaaf Yesus, “Namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa baʼu hundumaan malee” jechuudhaan dubbateera. (Maatewos 4:4) Namoonni karaa hafuuraa hiyyeessota taʼuusaanii hubatan, Yihowaa isa “Waaqa gammadaa” taʼetti waan dhihaataniif gammadoodha; innis abdii isa gammachuudhaaf barbaachisaa taʼe isaaniif kenna.—1 Ximotewos 1:11, NW.

Yesus Abdii Kan Kenne Akkamitti?

▪ Yesus, “Warri garraamiin haa gammadan, isaan biyya isa abdachiifame in argatu, [‘lafan ni dhaalu,’ hiika bara 1899]” jedheera. (Maatewos 5:5) Yesus namoota dhukkubsatan fayyisuufi namoota duʼan lafarratti gara jireenyaati deebisuudhaan ilmaan namootaatiif abdii kenneera. Ergaa abdii kennus qabatee dhufeera. Akkas jedhe: “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” (Yohannis 3:16) Namoonni Waaqayyoof abboomaman barabaraaf lafarra jiraatu. Namoota garraamota taʼanii wajjin utuu hin dulloomin barabaraaf jiraachuun maal akka fakkaatu tilmaamuu dandeessaa? Dubbiin Waaqayyoo, “Abdii qabdanitti gammadaa” jechuunsaa kan nama dinqisiisu miti. (Roomaa 12:12) Yesus yeroo ammaattis akkamitti gammachuu argachuu akka dandeenyu ibseera.

Yesus waaʼee jireenya gammachiisaa akkamii barsiiseera?

▪ Yesus, dhimmawwan akka walitti dhufeenya namootaa wajjin qabnuu, gaaʼelaa, gad of deebisuufi qabeenyaaf ilaalcha sirrii qabaachuu wajjin wal qabatan ilaachisee gorsa gaarii kenneera. (Maatewos 5:21-32; 6:1-5, 19-34) Gorsa Yesus kenne hordofuun gammachuu argachuuf si gargaara.

Arjummaan gammachuu argamsiisa. (Hojii Ergamootaa 20:35) Fakkeenyaaf Yesus akkas jedheera: “Waamicha yommuu godhattu, warra waan nyaatan hin qabne, warra buʼaan dhagna isaanii hirʼate, warra naafatan, warra jaaman waami! Ayyaana [“gammachuu,” NW] in argatta, isaan waan siif deebisan hin qaban.” (Luqaas 14:13, 14) Namoota of gammachiisuu barbaadan utuu hin taʼin, namoota warra kaan gammachiisuu barbaadantu gammachuu argata.

Wanti madda gammachuu taʼe inni guddaan maalidha?

▪ Namoota kaaniif wanta gaarii gochuun kan si gammachiisu taʼus, Waaqayyoof hojjechuun garuu caalaatti si gammachiisa. Gammachuun warri ijoolleesaanii jaallatan qabanillee kanaa wajjin kan wal gitu miti. Kanas wanta yeroo Yesus namoota barsiisaa turetti raawwatamerraa ifatti hubachuun ni dandaʼama. “Namoota achi turan keessaa, dubartiin tokko sagalee ishee dhageessiftee, ‘Gadameessi si baatee fi harmi ati hoote haa gammadan!’ jette. Inni garuu deebiseefii, ‘Keessumatti immoo dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii kan raawwatan haa gammadan!’ jedheen.”—Luqaas 11:27, 28.

Yesus jaalala Abbaasaa raawwachuudhaan gammachuu guddaa argateera. Jaalalli Waaqayyoommoo namoonni waaʼee abdii jireenya barabaraa akka dhagaʼanidha. Yesus nama ergaasaatiif fedhii qabu tokkoof waaʼee abdii kanaa erga ibsee booda, “Nyaanni kan koo jaalala isa na ergee gochuudhaaf hojii isaa raawwachuu dha” jedhee ture. (Yohannis 4:13, 14, 34) Atis dhugaa Macaafa Qulqulluu warra kaaniitti himuudhaan, gammachuu wanta Waaqayyoon gammachiisu raawwachuudhaan argamu argachuu dandeessa.

Odeeffannoo dabalataa argachuu yoo barbaadde, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe kana boqonnaa 1 ilaali.

[Fakkii fuula 26rra jiru]

Gammachuun dhugaa, fedhii kaayyoo jireenyaa hubachuuf qabnu guutuudhaan argama