MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Onkoloolessa 2015
Maxxansi kun, mata dureewwan Sadaasa 30 hanga Muddee 27, 2015tti qayyabataman qabateera.
“Namoota Akkasiifis Ulfina Kennaa!”
Gargaartonni koreewwan Qaama Ol Aanaa eenyu faʼi? Hojiin isaanii hoo maali dha?
Jireenya Kee Keessatti Harka Waaqayyoo Ni Argitaa?
Macaafni Qulqulluun waaʼee “harka” Waaqayyoo yeroo dubbatu maal jechuu isaa ti?
“Amantii Keenya Nuuf Guddisi”
Amantiin fedhii guddaa qabaachuudhaan qofa ni guddataa?
SEENAA JIREENYAA
Murtoo Dargaggummaa Isaatti Godhetti Hin Gaabbu
Niikalaay Daabaveeniskii inni bulchiinsa Tokkummaa Sooviyeet durii keessatti yeroo hojiin keenya dhorkamee turetti Yihowaa tajaajilaa ture hojii mana hidhaa caalaa ulfaataa taʼe hojjechaa ture.
Yaadni Keessan Utuu Hin Hihhiramin Yihowaa Tajaajilaa
Gara waggaa 60 dura Masaraan Eegumsaa wanta dhugaa taʼuun isaa mirkanaaʼe tokko dursee dubbateera.
Dhimmoota Hafuuraa Irratti Xiinxaluu Keessan Itti Fufaa
Macaafa Qulqulluu argachuu hin dandeessu utuu taʼee karaa hafuuraa of sooruu kee itti fufuu ni dandeessa?
SEENAA JIREENYAA
Waaqayyotti Dhihaachuun Koo Gaarii Naaf Taʼe
Saaraa Maayigaan waggaa sagalitti karaa qaamaa guddachuu kan dhaabde taʼus, karaa hafuuraa guddachuu hin dhaabne.
“Namni Wallaalaan Dubbii Hundumaa Amana”
odeeffannoowwan soba taʼanii fi hin mirkanoofne, akkasumas odeeffannoowwan dogoggora taʼan adda baafachuu kan dandeenyu akkamitti?

