MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Fulbaana 2015
Maxxansi kun, mata dureewwan Onkoloolessa 26 hanga Sadaasa 29, 2015tti qayyabataman qabateera.
Bilchina Akka Kiristos Bira Gaʼaa Jirtuu?
Yihowaa kan tajaajille yeroo hammamiitiif iyyuu yoo taʼe, karaa hafuuraa guddina gochuu keenya itti fufuu ni dandeenya.
Yaadni Garaa Kee Itti Amanamuu Kan Dandeessu Dhaa?
Yaadni garaa akkasii yaalii fayyaa, bashannanaa fi hojii lallabaa wajjin haala wal qabateen murtoo gaarii gochuuf kan si gargaaru akkamitti akka taʼe ilaali.
“Amantiitti Cimaatii Dhaabadhaa”
Haala Phexros bishaan irraa yeroo deemetti ture irraa amantii ilaalchisee barumsa akkamii argachuu dandeenya?
Yihowaan Jaalala Kan Nutti Argisiise Karaawwan Kamiini?
Yihowaan akka si jaallatu amanuun sitti ulfaataa?
Yihowaa Akka Jaallannu Akkamitti Argisiisuu Dandeenya?
Wanta miira jaalalaa qabaachuu irra caalu kan dabalatu dha.
SEENAA JIREENYAA
Eebbi Yihowaa Na Badhaaseera
Meliitaa Jaaraaz abbaa manaa ishee Teed Jaaraaz isa miseensa Qaama Ol Aanaa turee wajjin tajaajila yeroo guutuu keessatti waggaa 50 ol dabarsiteetti; Muuxannoo ishee dubbisi.

