Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seexana Loluu—Fi Moʼuu Ni Dandeessu!

Seexana Loluu—Fi Moʼuu Ni Dandeessu!

“Warra amantiitti jabaattan taʼaa, Seexanaan mormaa!” —1 PHE. 5:9.

1. (a) Seexanaan loluun keenya keessumaa yeroo harʼaatti barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Waraana Seexanaa wajjin goonu irratti moʼuu akka dandeenyu kan nuu mirkaneessu maali dha?

SEEXANNI dibamoota lafa irra jiranii fi “hoolota kan biraa” wajjin waraana irra jira. (Yoh. 10:16) Kaayyoon Diiyaabilos, yeroo gabaabaa isa hafe keessatti hamma isaa dandaʼame tajaajiltoota Yihowaa hedduu liqimsuu dha. (Mulʼata 12:9, 12 dubbisi.) Lola Seexanaa wajjin goonu irratti moʼuu ni dandeenyaa? Eeyyee! Macaafni Qulqulluun, ‘Seexanaan mormaa! Innis isin dhiisee in baqata’ jedha.—Yaq. 4:7.

2, 3. (a) Yaanni Seexanni hin jiru jedhu kaayyoo Seexanaa galmaan kan gaʼu akkamitti? (b) Seexanni dhuguma jiraachuu isaa akkamitti beektu?

2 Namoonni hedduun yaadni Seexanni jira jedhu illee isaan kolfisiisa. Isaaniif Seexannii fi hafuuronni hamoon qaamota asoosama, fiilmii sodaachisaa fi tapha viidiyoo keessa jiran qofa dha. Namoonni akkasii, namni barate tokko hafuuronni hamoon jiru jedhee amanuu akka hin qabne isaanitti dhagaʼama. Namoonni innii fi duuka buutonni isaa akka hin jirretti yaaduun isaanii Seexana ni yaaddessa jettanii yaadduu? Isa hin yaaddessu! Yaada namoota jiraachuu isaa shakkanii jaamsuun Seexanaaf salphaa dha. (2 Qor. 4:4) Yaadni qaamonni hafuuraa hin jiran jedhu karaawwan hedduu Seexanni namoota ittiin dogoggorsu keessaa tokko dha.

3 Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef nuti namoota dogoggorfaman keessaa miti. Bofatti fayyadamee Hewwaaniin kan haasofsiise isa waan taʼeef, Seexanni dhuguma akka jiru beekna. (Uma. 3:1-5) Kakaʼumsa Iyoob irratti gaaffii kaasuudhaan, Yihowaa arrabseera. (Iyo. 1:9-12) Yesuusiin qoruuf kan yaale Seexana. (Mat. 4:1-10) Bara 1914tti Mootummaan Waaqayyoo erga hundeeffamee booda, dibamoota lafa irra jira irratti ‘lola kan kaases’ isa dha. (Mul. 12:17) Yeroo harʼaattis Seexanni amantii dibamootaa fi amantii hoolota kan biraa balleessuuf yaalaa waan jiruuf lolli kun itti fufeera. Waraana kana irratti moʼuudhaaf, Seexana mormuu fi amantiitti jabaachuu qabna. Mata dureen kun karaa kana gochuu itti dandeenyu sadii ibsa.

KOORA IRRAA FAGAADHAA

4. Seexanni gar malee of tuultuu taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?

4 Seexanni gar malee of tuultuu dha. Ergamaan hamaa taʼe kun ol aantummaa Yihowaa mormuudhaaf ija jabaateera; akkasumas warri kaan Yihowaa mannaa isa akka waaqeffatan gochuuf yaaleera. Kanaan kan kaʼe, inni fakkeenya of tuulummaa fi kooraa ti jechuu ni dandeenya. Kanaafuu, of tuulummaa irraa fagaachuunii fi gad of deebisuun karaa nuti Seexana mormuu itti dandeenyu isa tokko dha. (1 Phexros 5:5 dubbisi.) Haa taʼu malee, koora jechuun maal jechuu dha? Kooruun yeroo hunda dogoggora dhaa?

5, 6. (a) Kooruun yeroo hunda dogoggora dhaa? Ibsi. (b) Balaa kan qabu koora akkamii ti? Seenaawwan Caaffata Qulqullaaʼoo keessa jiranii fi kana nuu mirkaneessan kam faʼi?

5 Galmeen jechootaa tokko jecha koora jedhu, “ulfinaa fi kabaja ofiif qabaachuu,” akkasumas “miira gammachuu ati ykn namni ati itti dhihaattu tokko wanta gaarii gochuu isaatiin ykn qabaachuu isaatiin sitti dhagaʼamu” jechuudhaan hiikeera. Miirri akkasii nutti dhagaʼamuun isaa dogoggora miti. Phaawulos ergamaan warra Tasaloniiqee keessa turaniin, “Ariʼatamuu keessan hundumaatti rakkina baattan keessattis obsaa fi amantii isin qabdaniif nuyi waldoota Waaqayyoo keessatti isiniin of in jajna” jedheera. (2 Tas. 1:4) Kanaafuu, wanta gaarii namoonni kaan hojjetaniif miirri gaariin nutti dhagaʼamuun isaa fi hamma tokko ofitti kooruun keenya faayidaa qabaachuu dandaʼa. Waaʼee maatii keenyaa, aadaa keenyaa ykn naannoo keessatti guddannee qaanaʼuun nu irra hin jiraatu.—HoE. 21:39.

6 Karaa biraatiin immoo, gosni kooraa walitti dhufeenya namootaa wajjin qabnuu fi michummaa Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuu dandaʼu jira. Koorri akkanaa, haaloo akka qabannu kan godhu yommuu taʼu, gorsi barbaachisaan yeroo nuu kennamu gad of qabnee akka hin fudhanne godha. (Far. 141:5) Koorri kun, “gar malee kabaja ofiif qabaachuu” ykn “amala of tuulummaa namoonni yeroo baayʼee sababa quubsaa utuu hin qabaatin warra kaan irra akka caalan isaanitti dhagaʼamu argisiisan” jedhamee hiikameera. Yihowaan of gurguddisuu ni jibba. (His. 33:28; Amo. 6:8) Seexanni garuu, namoonni amala of tuulummaa inni argisiisu hordofuudhaan yeroo of gurguddisan ni gammada. Seexanni namoota koora sirrii hin taane argisiisan kan akka Naamrud, Faraʼoonii fi Abiishaalomitti baayʼee akka gammade hin shakkisiisu! (Uma. 10:8, 9; Bau. 5:1, 2; 2 Sam. 15:4-6) Kufaatii Qaayiniifis sababa kan taʼe koora. Waaqayyo kan isa gorse taʼus, koorri waan isatti dhagaʼameef sirreeffama isaaf kenname hin fudhanne. Mata jabinaan akeekkachiisa Yihowaan isaaf kenne fudhachuu diduun isaa badiisatti isa geesseera.—Uma. 4:6-8.

7, 8. (a) Sanyii wal caalchisuu jechuun maal jechuu dha? Kun gosa kooraa taʼuu kan dandaʼuu hoo akkamitti? (b) Koorri nagaa gumii jeequu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe ibsi.

7 Yeroo harʼaatti namoonni karaa miidhaa geessisu hedduudhaan koora isaanii argisiisu. Koorri yeroo tokko tokko sanyii wal caalchisuu wajjin kallattiidhaan wal qabata. Galmeen jechootaa tokko sanyii wal caalchisuu akka armaan gadii jedhee hiikeera: “Namoota sanyii biraatiif jibba ykn diinummaa qabaachuu,” akkasumas “namoonni saba garaa garaa amalawwanii fi dandeettii garaa garaa akka qaban, akkasumas sanyiiwwan tokko tokko uumamumaan warra kaan akka caalan ykn warra kaanii gadi akka taʼan amanuu.” Sanyii ofiitti kooruun jeequmsaaf, waraanaaf, darbees ajjeechaa walitti qabaatiif sababa taʼeera.

8 Wantoonni akkasii gumii Kiristiyaanaa keessatti uumamuu akka hin qabne beekamaa dha. Haa taʼu malee, walitti buʼiinsi obboloota gidduutti uumamuu fi al tokko tokko kaʼumsi isaa koora taʼe, toʼannaadhaa ala taʼuu dandaʼa. Haalli kanaa wajjin wal fakkaatu Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa gidduutti uumamee ture; Yaaqoob, “Wal loluu, wal qoccoluus maaltu isin gidduutti kaase?” jechuudhaan Kiristiyaanota kana gaaffii cimaa gaafateera. (Yaq. 4:1) Eeyyee, miirri diinummaa fi miirri ol aantummaa cimaa taʼe, dubbii fi gocha keenya irratti dhiibbaa geessisuu dandaʼa; kun immoo namoota kaan irratti miidhaa guddaa geessisa. (Fak. 12:18) Dhuguma iyyuu, koorri nagaa gumii jeequu dandaʼa.

9. Macaafni Qulqulluun sanyii wal caalchisuu irraa fi koora sirrii hin taane kam irraa iyyuu fagaachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

9 Keessa keenyatti warra kaan irra akka caallu nutti dhagaʼama taanaan, ‘Waaqayyo warra garaa isaaniitti of gurguddisan hundumaa akka ciiggaʼu’ yaadachuu qabna. (Fak. 16:5) Namoota sanyiin, lammummaan ykn aadaan isaanii nu irraa adda taʼeef ilaalcha akkamii akka qabnus qoruun keenya gaarii dha. Sanyii ykn lammummaa keenyatti kan koorru yoo taʼe, Waaqayyo ‘sanyii namaa hunda namicha tokkicha irraa akka argamsiise’ daganneerra jechuu dha. (HoE. 17:26) Yaada kana irraa kaʼuudhaan, abbaan namoota hundumaa Addaam waan taʼeef sanyii tokko qofatu jira jechuu ni dandeenya. Kanaafuu, sanyiin tokko uumamumaan isa kan biraatii ol ykn gad akka taʼe yaaduun gowwummaa dha. Ilaalcha akkasii qabna taanaan, Seexanni jaalalaa fi tokkummaa keenya akka jeequ heyyamaa jirra jechuu dha. (Yoh. 13:35) Seexana loluu fi moʼuudhaaf koora sirrii hin taane kam irraa iyyuu fagaachuu qabna.—Fak. 16:18.

QABEENYAAF IDDOO GUDDAA KENNUU FI BIYYA LAFAA JAALLACHUU IRRAA FAGAADHAA

10, 11. (a) Biyya lafaatiif jaalala horachuun salphaa taʼuu kan dandaʼu maaliifi? (b) Deemaas biyya lafaa akka jaallate kan argisiise akkamitti taʼuu dandaʼa?

10 Seexanni ‘biyya lafaa kana seerrachaa’ kan jiru siʼa taʼu, biyyi lafaa toʼannaa isaa jala jira. (Yoh. 12:31; 1 Yoh. 5:19) Kanaafuu, wanti biyyi lafaa kun jajjabeessu harki caalaan isaa, ulaagaa Macaafa Qulqulluu keessa jiruu wajjin kan wal faallessu dha. Kana jechuun garuu, wanti addunyaan kun nuu dhiheessu hundi gadhee dha jechuu miti. Haa taʼu malee, Seexanni biyya lafaa toʼannaa isaa jala jirutti fayyadamuudhaan fedhii keessa keenya jirutti gargaaramee cubbuu akka hojjennu gochuuf akka yaalu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yookiin biyya lafaa akka jaallannuu fi waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinu duubatti akka dhiisnu gochuuf yaala.—1 Yohannis 2:15, 16 dubbisi.

11 Jaalalli biyya lafaa Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa tokko tokko irra dhiibbaa geessisee akka ture haala isaa irraa hubachuu ni dandeenya. Fakkeenyaaf Phaawulos, “Deemaas biyya lafaa kana jaallatee, ana buuse” jedhee barreesseera. (2 Xim. 4:10) Macaafni Qulqulluun, wanta Deemaas biyya lafaa keessaa jaallattee fi Phaawulosiin akka dhiisu isa godhe adda baasee hin dubbatu. Tarii Deemaas wantoota hafuuraa caalaa qabeenya jaallachuu jalqabee taʼuu dandaʼa. Wanti inni jaallate kana dha taanaan, Deemaas mirga hafuuraa gammachiisaa taʼe dhabeera. Filannoon inni godhe sirrii turee? Matumaa! Deemaas gargaartuu Phaawulos taʼee itti fufuu ni dandaʼa ture. Biyyi lafaa wanta Yihowaan isaaf kennu caalaa isaa kennuu hin dandaʼu.—Fak. 10:22.

12. ‘Gowwoomsaa soorumaatiin’ qabamuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?

12 Nuyis wanti akkasii nu mudachuu dandaʼa. Akka Kiristiyaana tokkootti, wantoota nuu fi maatii keenya barbaachisan guutuudhaaf fedhii qabaachuun keenya sirrii dha. (1 Xim. 5:8) Yihowaan nutti tolee akka jiraannu barbaada; Addaamii fi Hewwaaniif bakka jireenyaa bareedaa qopheessee kan ture taʼuun isaa kana nuu mirkaneessa. (Uma. 2:9) Haa taʼu malee, Seexanni ‘gowwoomsaa soorumaatti’ fayyadamuudhaan fedhii keessa keenya jirutti gargaaramuu dandaʼa. (Mat. 13:22) Namoonni hedduun qarshiin gammachuu akka isaaniif argamsiisu ykn qabeenyi milkaaʼina akka isaaniif argamsiisu yaadu. Yaadni akkasii gowwummaa siʼa taʼu, qabeenya gati jabeessa, jechuunis michummaa Yihowaa wajjin qabnu nu dhabsiisuu dandaʼa. Yesus akkana jechuudhaan duuka buutota isaa akeekkachiiseera: “Eenyu illee gooftolii lamaaf hojjechuu hin dandaʼu, isa tokko jibbee isa kaan jaallachuu, isa tokkoof of kennee isa kaan tuffachuu dha malee; isinis akkasuma Waaqayyoo fi horiidhaaf hojjechuu hin dandeessan.” (Mat. 6:24) Qabeenyaaf qofa hojjenna taanaan, Yihowaa tajaajiluu dhiisneerra jechuu dha; kun immoo wantuma Seexanni akka goonu barbaadu dha! Qarshiin ykn wantoonni qarshiin bituu dandaʼu michummaa Yihowaa wajjin qabnu akka nu jalaa balleessan hin heyyamnu. Seexana loluuf, qabeenyaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu qabna.—1 Ximotewos 6:6-10 dubbisi.

HALALUMMAA IRRAA FAGAADHAA

13. Biyyi lafaa kun gaaʼelaa fi qunnamtii saalaatiif ilaalcha sirrii hin taane kan babalʼisu akkamitti?

13 Kiyyoon addunyaan Seexanaa itti fayyadamu inni kan biraan halalummaa dha. Yeroo harʼaatti namoonni hedduun, gaaʼelaaf amanamuunis taʼe gaaʼelli bilisummaa kan nama dhabsiisuu fi kan yeroon itti darbe akka taʼetti yaadu. Fakkeenyaaf taatuun fiilmii beekamtuun tokko, “Nama tokkoo wajjin qofa jiraachuun saala lamaaniif iyyuu wanta hin dandaʼamne dha. Nama amanamaa taʼe ykn nama amanamaa taʼuu barbaadu tokko iyyuu hin beeku” jetteetti. Taatuun kan biraan immoo, “Kan uumamne umrii keenya guutuu nama tokkoo wajjin akka jiraannu taʼuu isaa nan shakka” jedheera. Seexanni namoonni warra kaan irratti dhiibbaa geessisan gaaʼela isa kennaa Waaqayyoo taʼe akkasitti yeroo tuffatan arguun akka isa gammachiisu beekamaa dha. Diiyaabilos qophii kana deggeruu ykn milkaaʼee arguu akka hin barbaanne beekamaa dha. Seexana loluu fi moʼuudhaaf, qophii Waaqayyo godhe deggeruu qabna.

14, 15. Halalummaa irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Kan gaaʼela godhannes taane kan hin godhatin gosa halalummaa kam irraa iyyuu fagaachuu qabna. Lolli goonu kun salphaa dhaa? Gonkumaa! Fakkeenyaaf, dargaggeessa yoo taate, tarii ijoolleen sii wajjin baratan nama barbaadanii wajjin qunnamtii saalaa akka raawwatan dubbachuudhaan yeroo of jajan ni dhageessa taʼa. Tarii waaʼee sekstiingii, jechuunis waaʼee bilbilaan ergaa fi fakkii fedhii qunnamtii saalaa kakaasu walii erguus ni dubbatu taʼa. Biyyoota tokko tokko keessatti sekstiingiin, poornoogiraafii ijoolleen irratti mulʼatan walii erguu wajjin tokko akka taʼetti ilaalama. Macaafni Qulqulluun, “Namni halaleen garuu dhagna isaatti cubbuu hojjeta” jedha. (1 Qor. 6:18) Dhukkuboonni qunnamtii saalaatiin daddarban babalʼachuu isaaniitiin namoonni hedduun dhiphataniiru, akkasumas duʼaniiru. Dargaggoonni gaaʼela dura qunnamtii saalaa raawwatan hedduun gocha raawwatanitti akka gaabban dubbatu. Sabqunnamtiin bashannanaa seera Waaqayyoo cabsuun miidhaa akka hin geessisne nu amansiisuu barbaada. Yaadni akkasii namoonni “gowwoomsaa cubbuutiin” akka dogoggorfaman godha.—Ibr. 3:13.

15 Gocha halalummaa akka raawwattuuf qorumsa si irra gaʼuu wajjin walʼaansoo gochaa jirta yoo taʼe maal gochuu dandeessa? Dadhabina akka qabdu amanii fudhadhu. (Rom. 7:22, 23) Cimina akka sii kennu Waaqayyoon kadhadhu. (Filp. 4:6, 7, 13) Haalawwan gocha akkasiitti si geessuu dandaʼan irraa fagaadhu. (Fak. 22:3) Qorumsi yeroo si mudatu yeruma sana tarkaanfii fudhadhu.—Uma. 39:12.

16. Yesus Seexanni yeroo isa qoretti deebii akkamii kenne? Fakkeenya isaa irraa maal baranna?

16 Yesus qorumsa moʼuu wajjin haala wal qabateen fakkeenya gaarii nuu taʼa. Waadaa Seexanni isaaf galeen hin gowwoomfamne; yeroo fudhatee faayidaa fi miidhaa isaa irrattis hin yaadne. Kanaa mannaa, “Kan jedhu caafameera” jechuudhaan yeruma sana deebii isaa kenneera. (Maatewos 4:4-10 dubbisi.) Yesus Dubbii Waaqayyoo sirriitti kan beeku taʼuun isaa, dafee tarkaanfii fudhachuu fi yeroo qorumsaatti caqasa caqasuudhaaf isa dandeessiseera. Seexana loluu fi moʼuudhaaf, wanta halalummaa akka raawwannu nu qoru irraa fagaachuu qabna.—1 Qor. 6:9, 10.

OBSUUDHAAN LOLICHA MOʼAA

17, 18. (a) Seexanni meeshaalee waraanaa kan biraa akkamii qaba? Kun nu dinqisiisuu kan hin qabne maaliifi? (b) Seexana maaltu eeggata? Kun akka obsitu kan si jajjabeessu akkamitti?

17 Koorri, qabeenyaaf iddoo guddaa kennuunii fi halalummaan meeshaalee waraanaa Seexanni itti fayyadamu keessaa sadii qofa dha. Meeshaalee kan biraa hedduus qaba. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanonni tokko tokko miseensonni maatii isaanii isaan mormu, ijoolleen isaanii wajjin baratan itti qoosu ykn mootummaan hojii lallabaa isaanii dhorkuu dandaʼa. Yesus duuka buutota isaatiin, “Anaaf jettanii hundumaa biratti in jibbamtu; namni hamma dhumaatti rakkina obsu garuu in fayya” waan jedheef, rakkinni akkasii nu irra gaʼuun isaa nu hin dinqisiisu.—Mat. 10:22.

Satan faces total annihilation (See paragraph 18)

18 Seexana loluu fi moʼuu kan dandeenyu akkamitti? Yesus bartoota isaatiin, “Rakkina obsuu keessaniin [“lubbuu keessan ni oolfattu,” NW]” jedheera. (Luq. 21:19) Wanti ilmaan namootaa godhan kam iyyuu miidhaa bara baraa nu irra geessisuu hin dandaʼu. Nuti yoo heyyamne malee, eenyu iyyuu michummaa Yihowaa wajjin qabnu isa gati jabeessa taʼe nu jalaa balleessuu hin dandaʼu. (Rom. 8:38, 39) Tajaajiltoonni Yihowaa yoo duʼan illee Seexanni injifateera jechuu miti; sababiin isaas Yihowaan duʼaa isaan ni kaasa! (Yoh. 5:28, 29) Seexanni garuu abdii hin qabu. Sirni isaa inni Waaqa irraa fagaate erga balleeffamee booda, Seexanni waggaa 1,000f boolla keessatti hidhama. (Mul. 20:1-3) Bulchiinsa Yesus Waggaa Kuma Tokkoo booda, Seexanni yeroo dhumaatiif ilmaan namootaa mudaa hin qabne akka qoruuf yeroo gabaabaadhaaf “iddoo itti hidhamee turee gad in dhiifama.” Sana booda, Diiyaabilos ni balleeffama. (Uma. 20:7-10) Inni abdii hin qabu; isin garuu abdii qabdu! Seexana mormaa; amantiittis jabaadhaa. Seexana loluu fi moʼuu ni dandeessu!