MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Guraandhala 2015

Maxxansi kun, mata dureewwan qayyabannaa Ebla 6 hanga Caamsaa 3, 2015tti qayyabataman kan qabate dha.

Kennaa Addaa Jaappaaniif Kenname

Kitaabni haaraan mata dureen isaa ‘Macaafa Qulqulluu—Wangeela Maatewos’ jedhu Afaan Jaappaaniin baʼe. Haala akkamiitiin qophaaʼe? Kan qophaaʼe hoo maaliifi?

Amala Gad Of Deebisuu Fi Gara Laafinaa Argisiisuudhaan Yesusiin Fakkaadhaa

1 Phexros 2:21 faana Yesus akka hordofnu nu gorsa. Mudaa qabaannus, gad of deebisuu fi gara laafina argisiisuudhaan Yesusin fakkaachuu kan dandeenyu akkamitti?

Ija Jabinaa Fi Hubannaa Argisiisuudhaan Yesusiin Fakkaadhaa

Wanta Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffame qoruudhaan Yesus amala akkamii akka qabu beekuu ni dandeenya. Ija jabinaa fi hubannaa isaa hordofuudhaan faana isaa duukaa buʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaali.

Hinaaffaa Tajaajilaaf Qabdu Eegi

Misiraachicha labsuun hojii yeroo harʼaatti lafa irratti hojjechuu dandeenyu hunda kan caalu akka taʼe beekna. Hinaaffaa tajaajilaaf qabnu eeguu, darbees guddisuu kan dandeenyu akkamitti?

‘Barsiisa Yihowaatiif’ Saboota Qopheessuu

Kiristiyaanonni durii misiraachicha lallabuu irratti hammam milkaaʼaniiru? Jaarraa jalqabaatti misiraachicha lallabuun caalaatti mijataa akka taʼu kan godhe maali dha?

Yihowaan Hojii Barsiisuu Addunyaa Mara Irratti Raawwannu Geggeessaa Jira

Dhiheenyatti wantoota tajaajiltoonni Yihowaa misiraachicha addunyaa maratti akka gaariitti akka lallaban isaan dandeessisan akkamiitu taʼe?

Gaaffii Dubbistootaa

Obboloota urgooftuun baayʼee isaan jeequ gargaaruuf maal gochuutu dandaʼama? Obboleettiin babalʼistuu Mootummichaa taate tokko mataa haguuggachuu kan qabdu yoomi?

KUUSAA KEENYA KEESSAA

“Yeroo Iddoo Guddaa Qabu”

Masaraan Eegumsaa Xiyoon, yeroon Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristos “yeroo iddoo guddaa qabu” akka taʼe ibseera; dubbistoonni akka ayyaaneffatanis jajjabeesseera. Ayyaanni Yaadannoo haala akkamiitiin kabajamaa ture?