Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kiristos Mootichaaf Ulfina Kennaa!

Kiristos Mootichaaf Ulfina Kennaa!

“Guddina keetiin injifannoodhaaf baʼi!”​FAR. 45:4, NW.

1, 2. Faarfannaan 45 xiyyeeffannaa keenya kan hawwatu maaliifi?

MOOTIIN ulfina qabeessa taʼe tokko dhugaafi qajeelinaaf jedhee diinotasaa loluuf baʼaa jira. Diinotasaa erga moʼee booda misirroo bareedduu tokko fuudha. Dhaloonni hundinuu barabaraaf mootii kana ni yaadatu, akkasumas ni jajatu. Faarfannaan 45 kan xiyyeeffates kanarrattidha.

2 Haataʼu malee, Faarfannaan 45 seenaa dinqisiisaa haala gaariidhaan xumurame qofa kan ibsu utuu hin taʼin, ergaa dabarsu kan biraas qaba. Yaanni faarfannaa kanarratti ibsame jireenya keenya ammaas taʼe isa gara fuulduraa waan tuquuf ergaa nuuf dabarsu qaba. Mee faarfannaa kana gadi fageenyaan haa qorru.

‘WANTI GAARIIN TUQEE NA KAKAASE’

3, 4. (a) ‘Wanti gaariin’ nu tuqu maalidha? Kan nu tuquhoo akkamitti? (b) ‘Waaʼee mootii tokkoo’ ergaan nuti lallabnu maalidha? Arrabni keenya akka biirii kan taʼehoo akkamitti?

3 Faarfannaa 45:1 dubbisi. * ‘Wanti gaariin’ garaa faarfatichaa ‘tuqee kakaase’ waaʼee mootii tokkooti. Jechi afaan Ibrootaa “kakaʼeera” jedhamee hiikame, kallattiidhaan hiika “hoomacha baaseera” ykn “danfeera” jedhu qaba. Waaʼeen mootii sanaa garaan faarfatichaa dinqisiifannaadhaan akka danfuufi arrabnisaas akka “biirii nama dandeettii waa barreessuu qabuu” akka taʼu godheera.

4 Misiraachoon Mootummaa Masiihichaa wanta gaarii nuunis tuqee nu kakaasudha. Keessumaa bara 1914⁠tti misiraachoon kun “gaarii” taʼeera. Maaliif? Bara 1914⁠tti Mootummichi gara fuulduraatti akka dhufu dubbachuun ni hafe. Sababiinsaas, Mootummaan kun bara sanaa kaasee samiirratti bulchuu waan jalqabeefidha. Yeroo ammaa, ‘wangeela Mootummaa’ kanaa “guutummaa biyya lafaatti” ‘saba hundumaaf dhugaa baʼaa’ jirra. (Mat. 24:14) Garaan keenya ergaa Mootummichaatiin ‘tuqamee kakaʼeeraa?’ Misiraachoo Mootummichaa hinaaffaadhaan lallabaa jirraa? Faarfannaan nuti faarfannus akkuma kan faarfatichaa “waaʼee Mootii tokkoo,” jechuunis waaʼee Yesus Kiristosidha. Yesus samiirratti Mootii Mootummaa Masihiichaa taʼee bulchaa akka jiru ni labsina. Kana malees, bulchitoonnis taʼan namoonni isaan jalatti bulan, bulchiinsa Mootii kanaaf akka bulan afeeraa jirra. (Far. 2:1, 2, 4-12) Akkasumas, hojii lallabaarratti Macaafa Qulqulluutti akka gaariitti waan fayyadamnuuf, arrabni keenya akka “biirii nama waa barreessuudhaan beekamaa taʼeeti.”

Misiraachoo waaʼee Mootii keenya Yesus Kiristos ibsu gammachuudhaan labsina

‘AFAAN MOOTICHAA NAMATTI TOLA’

5. (a) Yesus ‘miidhagaa’ kan taʼe karaa kamiinidha? (b) ‘Afaan Mootichaa kan namatti tolu’ karaa kamiini? Nutoo fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Faarfannaa 45:2 dubbisi. Macaafni Qulqulluun bifa Yesus ilaalchisee balʼinaan hin dubbatu. Taʼus, cubbuurraa walaba waan taʼeef ‘miidhagaa’ akka ture hin shakkisiisu. Haataʼu malee, caalaatti bareedaa kan isa jechisiisu Yihowaadhaaf amanamaa taʼuufi ejjennoo cimaa qabaachuusaati. Akkasumas, Yesus ergaa Mootummichaa karaa ‘gurratti toluun’ lallabeera. (Luq. 4:22; Yoh. 7:46) Nutoo hojii lallabaarratti yaada garaa namootaa tuquu dandaʼutti fayyadamuudhaan fakkeenya Yesus hordofuuf carraaqqii ni goonaa?​—Qol. 4:6.

6. Waaqayyo Yesusiin barabaraaf kan eebbise akkamitti?

6 Yesus garaa guutuudhaan Yihowaadhaaf waan buleef, lafarratti tajaajilaa yommuu turetti Yihowaan isa eebbiseera, lubbuusaa aarsaa godhee erga dhiheessee boodas ol ol isa godheera. Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Inni [Yesus] gad of deebisee, hamma duʼaatti, hamma fannifamee duʼutti iyyuu abboomamaa taʼe. Kanaafis Waaqayyo waan hundumaa irra caalchisee guddaa ol isa qabe; maqaa isa maqaa kam irra iyyuu caalu kenneeraaf. Kanaanis warri bantii waaqaa keessa jiran, warri lafa irraa, warri lafa jala jiranis hundinuu ulfina maqaa Yesusiif jilbeenfatanii akka sagadan godhe. Arrabni hundinuus, ulfina Waaqayyoo abbaatiif, Yesus Kristos gooftaa akka taʼe beeksisuuf jiru.” (Filp. 2:8-11) Yihowaan, Yesusiif jireenya deebiʼee hin badne kennuudhaan barabaraaf isa eebbiseera.​—Rom. 6:9.

MOOTICHI ‘HIRIYOOTASAA’ AKKA CAALU GODHAME

7. Waaqayyo, Yesusiin ‘hiriyootasaa’ caalchisee kan dibe karaawwan kamiinidha?

7 Faarfannaa 45:6, 7 dubbisi. Yesus qajeelina waan jaallatuufi wanta Abbaasaatiif ulfina hin fidne waan jibbuuf, Yihowaan Mootii Mootummaa Masiihichaa godhee isa muudeera. Yesus “dibata gammachuutiin” waan dibameef ‘hiriyootasaa,’ jechuunis mootota Yihudaa hidda dhaloota Daawitirraa dhufan hunda ni caala. Karaa kamiin? Tokkoffaa, Yesusiin kallattiidhaan kan dibe Yihowaadha. Akkasumas, Yihowaan Mootiifi Angafa Lubootaa godhee isa muudeera. (Far. 2:2; Ibr. 5:5, 6) Kana malees, Yesus dhadhaa ejersaatiin utuu hin taʼin, hafuura qulqulluudhaan dibame; mootummaansaas lafarratti utuu hin taʼin samiirratti kan hundeeffamedha.

8. Bulchiinsi Yesus qajeelaa akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? Aboon Yesus seera qabeessadha jechuun maal jechuudha?

8 Yihowaan Ilmasaa Mootii Mootummaa Masiihichaa godhee bara 1914⁠tti muudeera. ‘Uleen mootummaa Yesus’ “ulee qajeelummaa” waan taʼeef, bulchiinsisaa yoomiyyuu taanaan gaariifi qajeelaadha. ‘Teessoo kan kenneef Waaqayyo waan taʼeef,’ aboonsaa seera qabeessadha. Kana jechuun muudamuusaatiif buʼuura kan taʼe Yihowaadha jechuudha. Kana malees, teessoon Yesus ‘barabaraaf’ kan jiraatudha. Bulchiinsa Mootii Waaqayyoon muudameefi aboo guddaa qabu kanaa jala taʼuudhaan Yihowaa tajaajiluu keenyatti ni boonna!

MOOTICHI ‘BILLAASAA HIDHATA’

9, 10. (a) Kiristos billaasaa kan hidhate yoomi? Kan itti fayyadamehoo akkamitti? (b) Yesus gara fuulduraatti billaasaatti kan fayyadamu akkamitti?

9 Faarfannaa 45:3 dubbisi. Yihowaan, Mootiin inni muude ‘billaasaa mudhiitti akka hidhatu’ isa abboomeera. Kunis warra olaantummaa Waaqayyoo morman hundarratti waraana akka banuufi firdiisaa isaanirratti akka raawwatuuf aboon isaaf kennamuusaa kan argisiisudha. (Far. 110:2) Kiristos Mootii hin moʼamne waan taʼeef, “Yaa jagnaa” jedhamee waamameera. Billaasaa kan hidhate bara 1914⁠tti yommuu taʼu, yeroo sanatti Seexanaafi hafuurota hamoo samiirraa naannoo lafaatti gad darbachuudhaan injifannoo argateera.​—Mul. 12:7-9.

10 Kun injifannoo Mootichaa keessaa isa jalqabaa qofa waan taʼeef, ‘moʼichisaa’ kun hin xumuramne jechuudha. (Mul. 6:2) Murtoon Yihowaan wantoonni bulchiinsa Seexanaa jala jiran hundi, akkasumas Seexanniifi ergamoonnisaa akka balleeffaman dabarse raawwiisaa argachuu qaba. Jalqabarratti Baabilon Guddittii ishee bulchiinsa amantii sobaa taatetu balleeffama. Yihowaan “ejjituu” hamtuu kana balleessuuf bulchitoota siyaasaatti fayyadama. (Mul. 17:16, 17) Ittaansuudhaan, Mootiin Goota taʼe kun bulchiinsa Seexanaa barbadeessa. Kiristos inni “ergamaa iddoo lafa jalaa” jedhamee waamame, Seexanaafi ergamootasaa boolla lafa jalaatti gadi darbachuudhaan injifannoosaa xumura. (Mul. 9:1, 11; 20:1-3) Faarfannaan 45 tarkaanfii dinqisiisaa taʼe kana bifa raajiitiin kan ibse akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

MOOTICHI ‘DHUGAADHAAF JEDHEE’ LOLA

11. Yesus ‘dhugaadhaaf jedhee’ kan lolu akkamitti?

11 Faarfannaa 45:4 dubbisi. * Mootichi kan lolu lafa qabachuufi namoota toʼannaasaa jala galfachuuf miti. Waraannisaa waraana qajeelinaa siʼa taʼu, loluudhaafis sababii gaʼaa qaba. Mootichi kan lolu “dhugaa, gad of deebisuufi qajeelinaaf” jedheeti. Dhugaa inni mirkaneessu keessaa inni guddaan, olaantummaa Yihowaan uumama cufarratti qabudha. Seexanni yeroo Yihowaa mormetti mirga inni bulchuuf qaburratti gaaffii kaasee ture. Yeroo sanaa kaasee, dhugaan kun hafuurota hamoofi namoota duratti gaaffii keessa seeneera. Kanaaf, Mootiin Yihowaan muude kun, yeroo dhumaatiif olaantummaa Yihowaa mirkaneessuuf ni lola.

12. Mootichi ‘gad of deebisuudhaaf jedhee’ kan lolu karaa kamiini?

12 Mootichi ‘gad of deebisuudhaaf jedhees’ ni lola. Ilmi Waaqayyoo inni tokkichi, gad of deebisuufi olaantummaa Abbaasaatiif amanamummaadhaan buluurratti fakkeenya guddaa taʼeera. (Isa. 50:4, 5; Yoh. 5:19) Namoonni amanamoon bulchiinsa Mootichaa jala jiran hundis, fakkeenyasaa hordofuudhaan gama hundaanuu gad of deebisanii olaantummaa Yihowaatiif buluu qabu. Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa jiraachuu kan dandaʼan namoota akkasii qofadha.—Zak. 14:16, 17.

13. Kiristos ‘qajeelinaaf jedhee’ kan lolu akkamitti?

13 Kiristos ‘qajeelinaaf jedhees’ ni lola. Qajeelinni Mootichi loluuf, ‘qajeelina Waaqayyoo,’ jechuunis seera buʼuuraa Yihowaan wanta sirriifi dogoggora taʼeef baasedha. (Rom. 3:21; Kes. 32:4) Isaayaas, Yesus Kiristos Mooticha ilaalchisee, ‘Mootiin qajeelummaadhaan moʼu in dhufa’ jechuudhaan raajii dubbateera. (Isa. 32:1) Bulchiinsi Yesus, “bantiiwwan waaqaa haaraa, lafa haaraas warra qajeelummaan keessa buufatu” fida. (2 Phe. 3:13) Namni addunyaa haaraa sana keessa jiraatu hundi seera buʼuuraa Yihowaan baasee wajjin wal simee jiraachuu qaba.​—Isa. 11:1-5.

MOOTICHI “GOCHA SODAACHISAA” RAAWWATA

14. Harki Yesus inni mirgaa “gocha sodaachisaa” kan raawwatu akkamitti? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

14 Mootiin gulufaa baʼe sun, mudhiisaarratti billaa hidhateera. (Far. 45:3) Haataʼu malee, yeroon itti billaasaa kana luqqifatee harkasaa mirgaatti qabatu ni dhufa. Faarfatichi, “Harkikee inni mirgaas gocha sodaachisaa in raawwata” jechuudhaan raajii dubbateera. (Far. 45:4) Yesus Kiristos waraana Armaagedoonitti firdii Yihowaa raawwachuuf yommuu gulufaa baʼu, diinotasaarratti “gocha sodaachisaa” taʼe raawwata. Sirna Seexanaa balleessuuf meeshaa akkamiitti akka fayyadamu hin beeknu. Haataʼu malee, tarkaanfiin inni fudhatu namoota akeekkachiisa Waaqayyo Mootummaasaatiif akka bulan kenne fudhachuu didan baayʼee kan sodaachisu taʼa. (Faarfannaa 2:11, 12 dubbisi.) Yesus yeroo gara dhumaa ilaalchisee raajii dubbaterratti akkas jedheera: “Namoonni naasuudhaaf isa biyya lafaatti dhufu sodaatanii eeggachuu irraa kan kaʼe in laafu, humnoonni bantii waaqaa keessaa in raafamu. Yommus ilmi namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessa keessa utuu dhufuu in argu.”​—Luq. 21:26, 27.

15, 16. “Loltoonni” Yesusii wajjin waraanatti baʼan eenyufaʼi?

15 Macaafni Mulʼataa, Mooticha isa “humnaa fi ulfina guddaadhaan” firdii raawwachiisuuf dhufu ilaalchisee akkas jedha: “Kana booddee ilaalee, bantiin waaqaa banamee, farda adii tokkos nan arge. Inni fardicha irra taaʼes maqaan isaa, ‘Amanamaa, dhugaas’ in jedhama; firdiitti, lolattis qajeelummaadhaan in hojjeta. Loltoonni waaqa keessaa immoo uffata quncee talbaa adii fi qullaaʼaa uffatanii, fardeen adaadii irra taaʼanii, isa duukaa in buʼan. Afaan isaa keessaa billaa qaramaa, isa inni ittiin saba Waaqayyoo warra hin taʼin rukututu baʼe. Inni ofii isaatii saba sana siiqqee sibiilaatiin in tiksa; inni ofii isaatii iddoo cuunfaa waynii dheekkamsa sodaachisaa, isa kan Waaqayyo hundumaa dandaʼuu dhidhiituuf jira.”​—Mul. 19:11, 14, 15.

16 “Loltoonni” waaqa keessaa Yesusii wajjin taʼuudhaan waraanatti baʼan eenyufaʼi? Yesus, Seexanaafi ergamootasaa samiirraa gad darbachuuf billaasaatti yommuu fayyadametti, ‘ergamoonnisaa’ isaa wajjin turan. (Mul. 12:7-9) Kanaaf, ergamoonni Waaqayyoo loltoota waraana Armaagedoonitti isa faana taʼan keessaa tokkodha jechuu ni dandeenya. Kutaa loltoota kanaa kan taʼan kan biraanis jiruu? Yesus obbolootasaa warra dibamtoota taʼaniif abdii akkas jedhu kennee ture: “Nama moʼuuf, isa hojii koo hamma dhumaatti eeggatee hojjetuufis, saba hin amanne baayʼee irratti aboo nan kennaaf. Inni siiqqee sibiilaatiin saba sana in tiksa, akka qodaa suphees isaan in hurreessa.” (Mul. 2:26, 27) Kanaaf, loltoonni Kiristos obbolootasaa warra dibamtoota taʼaniifi samiirratti badhaasasaanii argatan kan dabalatudha. Kiristiyaanonni dibamoon isaa wajjin bulchan kun, yeroo Yesus “gocha sodaachisaa” raawwatuufi siiqqee sibiilaatiin saboota tiksutti, isaa wajjin taʼu.

MOOTICHI MOʼICHASAA NI XUMURA

17. (a) Fardi adiin Kiristos irra taaʼe maal argisiisa? (b) Billaafi iddaan Kiristos harkatti qabate maal argisiisu?

17 Faarfannaa 45:5 dubbisi. Mootichi farda adiirra taaʼeera, kunis, waraanichi Yihowaa duratti qulqulluufi qajeelaa taʼuusaa argisiisa. (Mul. 6:2; 19:11) Mootichi billaa qofa utuu hin taʼin, iddaas harkatti qabatee jira. Caqasichi akkas jedha: “Ani achi ilaaleen farda adii tokko arge; inni fardicha irra taaʼe immoo iddaa harkatti qabate; gonfoon tokkos isaaf in kenname. Inni moʼaa, ammas moʼuudhaaf in baʼe.” Billaafi iddaan sun meeshaalee Kiristos diinotasaa balleessuuf itti fayyadamu kan argisiisanidha.

Allaattiiwwan lafa akka qulqulleessaniif ni waamamu (Keeyyata 18 ilaali)

18. “Xiyyooliin” Kiristos “qara qabeeyyii” kan taʼan akkamitti?

18 Faarfatichi, ‘xiyyooliin Mootichaa qara qabeeyyii, onnee diinota mootichaas kan waraananiifi namoonni isa jalatti akka kufan kan godhan’ taʼuusaanii ibseera. Waraanni kun guutummaa lafaarratti kan raawwatamudha. Ermiyaas, “Gaafas reeffi warra Waaqayyo isaan ajjeesee daarii lafaa gar tokkoo hamma gara kaaniitti bakkeetti in argama” jechuudhaan raajii dubbateera. (Er. 25:33) Raajiin kanaa wajjin wal fakkaatu tokkos akkas jedha: “Kana booddee ergamaan tokko biiftuu irra dhaabatee nan arge. Innis allaattii bantii waaqaa walakkaa balaliʼan hundumaa sagalee guddaadhaan waamee, ‘Kottaa, nyaata isa guddaa Waaqayyo isiniif qopheesseef walitti qabamaa! Foon moototaa, foon abboota duulaa, foon warra goototaa, foon fardeenii, kan warra isaan irra taaʼaniis, foon nama hundumaa, kan birmaduu, kan garbichaas, kan isa guddaa, kan isa xinnaas nyaachuudhaaf kottaa!’ jedhe.”​—Mul. 19:17, 18.

19. Kiristos ‘injifannoodhaan kan baʼuufi’ moʼichasaa kan xumuru akkamitti?

19 Kiristos sirna Seexanaa kana erga balleessee booda, ‘guddinasaatiin injifannoodhaaf baʼa.’ (Far. 45:4) Achiis, Seexanniifi ergamoonnisaa hanga xumura Bulchiinsa Waggaa Kuma Tokkootti iddoo isa lafa jalaa keessa akka turan gochuudhaan moʼichasaa xumura. (Mul. 20:2, 3) Diiyaabilosiifi ergamoonnisaa haala duʼaa wajjin wal fakkaatu keessa waan taʼaniif sochii gochuu hin dandaʼan; kanaaf namoonni lafarraa dhiibbaa Seexanaarraa bilisa taʼanii Mootiisaanii isa ulfina qabeessaafi injifataa taʼeef guutummaatti buluu dandaʼu. Namoonni kun lafti guutummaatti jannata taʼuushee duras, Mootiisaaniifi namoota isa faana bulchanii wajjin wanta itti gammadan qabu. Wanti isaan itti gammadan kun mataduree ittaanurratti ibsama.

[Miiljaleewwan]

^ key. 3 Faarfannaa 45:1 (NW): “Garaankoo wanta gaarii taʼeen tuqamee kakaʼeera. ‘Faarfannaankoos waaʼee Mootii tokkooti’ nan jedha. Arrabnikoos akka biirii nama dandeettii waa barreessuu qabuu haa taʼu.”

^ key. 11 Faarfannaa 45:4 (NW): “Guddina keetiin injifannoodhaaf baʼi; Dhugaa, gad of deebisuufi qajeelinaaf jedhii gulufaa baʼi, harkikee inni mirgaas gocha sodaachisaa in raawwata.”