Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dubbii Waaqayyootti Fayyadamuudhaan Ofis Taʼe Warra Kaan Gargaaraa

Dubbii Waaqayyootti Fayyadamuudhaan Ofis Taʼe Warra Kaan Gargaaraa

“Ajaji kee hundinuu qajeelaa taʼuu isaa ani nan fudhadha.”​—FAR. 119:128.

1. Macaafa Qulqulluurratti amanannaa guutuu qabaachuu kan qabnu maaliifi?

JAARSOLIIN gumii, namni qayyabachaa jiru tokko tajaajilarratti hirmaachuuf gaʼumsa qabaachuufi dhiisuusaa beekuuf yommuu gamaaggaman, ‘Wanti namni kun dubbatu Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo taʼuusaa akka amanu kan argisiisudhaa?’ jedhanii of gaafatu. * Namni babalʼisaa Mootummichaa taʼuu barbaadus taʼe tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi, gaaffii kana eeyyee jedhanii deebisuu qabu. Maaliif? Macaafa Qulqulluurratti amanannaa qabaachuufi tajaajilarratti akka gaariitti itti fayyadamuu dandaʼuun keenya, namoonni kaan Yihowaa akka beekaniifi fayyina akka argatan waan gargaaruufidha.

2. ‘Wanta barannetti qabamnee jiraachuu’ keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?

2 Phaawulos, Ximotewosiif, ‘Isa barsiifamte, cimsitees itti amante sana isatti qabamii jiraadhu!’ jedhee barreessuudhaan faayidaa Dubbiin Waaqayyoo qabu ibseera. Wantoonni Phaawulos “isa” jechuudhaan dubbate, dhugaa Macaafa Qulqulluu Ximotewos misiraachootti akka amanu isa godhanidha. Dhugaan kun nuufis yeroo harʼaa faayidaa akkasii kan argamsiisu siʼa taʼu, ‘fayyuuf ogummaa’ akka argannu nu gargaaruusaa itti fufa. (2 Xim. 3:14, 15) Macaafni Qulqulluun Waaqayyo biraa kan madde taʼuusaa namoota kaan amansiisuuf yaada Phaawulos 2 Ximotewos 3:16rratti dubbate kan caqasnu taʼus, nutis caqasa kanarraa dhuunfaatti faayidaa dabalataa argachuu dandeenya. (Dubbisi.) Mee caqasa kana gad fageenyaan haa qorru. Akkas gochuun keenya, barumsi Yihowaa hundi “qajeelaa” taʼuusaa ilaalchisee amanannaa qabnu nuu cimsa.—Far. 119:128.

‘BARSIISUUF DHIMMA IN BAASA’

3-5. (a) Namoonni hedduun haasaa Phexros guyyaa Phenxeqosteetti kenne erga dhagaʼanii booda maal godhan? Maaliif? (b) Namoonni Tasaloniiqee hedduun dhugaa kan fudhatan maaliif ture? (c) Yeroo harʼaa tajaajila keenyarratti wanti namoonni ajaaʼibsiifatan maalidha?

3 Yesus saba Israaʼeliin, “Ani raajota, namoota ogeeyyii, barsiisotas isinittan erga” jedhee ture. (Mat. 23:34) Yesus asirratti bartootasaa warra inni tajaajilarratti Macaafa Qulqulluu akka fayyadaman barsiise caqasuusaa ture. “Barsiisota” kana keessaa tokko kan taʼe Phexros ergamaan, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti, Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa baayʼeerraa caqasuudhaan namoota Yerusaalemitti walgaʼan hedduudhaaf haasaa kennee ture. Namoonni baayʼeen ibsa Phexros caqasoota sanarratti kenne yommuu dhagaʼan “garaan isaanii” raafamee ture. Kanaan kan kaʼes, cubbuu sanaan dura raawwatanirraa yaada garaa geddaratan. Isaan keessaa namoonni gara kuma sadii Waaqayyoon dhiifama gaafachuudhaan Kiristiyaanota taʼaniiru.—HoE. 2:37-41.

4 Barsiisota kana keessaa tokko kan taʼe Phaawulosimmoo, misiraachicha Yerusaalemii ala bakka fagootti lallabeera. Fakkeenyaaf, Maqedooniyaa, magaalaa Tasaloniiqeetti namoota mana sagadaa tokko keessatti waaqeffachaa turaniif haasaa kennee ture. Phaawulos Sanbata sadiif, “dubbii macaafa qulqulluu isaaniin dudubbachaa ture. Achumaan dubbicha isaanii ibsaa, Masiihiin dhiphachuun, warra duʼan keessaas kaʼuun, isaaf in taʼa akka ture, macaaficha keessaa dhugaa itti baase[e]” ture. Buʼaansaa maal ture? ‘Yihudoota keessaa kaan, Giriikota keessaas danuun’ amantoota taʼaniiru.—HoE. 17:1-4.

5 Akkaataan tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran Macaafa Qulqulluu itti fayyadaman namoota baayʼee ni ajaaʼibsiisa. Namni Siwiizarlaandi jiraatu tokko, obboleettiin tokko caqasa yommuu dubbistu erga dhaggeeffatee booda, ‘Amantiinkee maalidha?’ jedhee ishee gaafate. Isheenis, “Aniifi hiriyaankoo Dhugaa Baatota Yihowaati” jettee isaaf deebiste. Innis, “Anuu beekeera! Dhugaa Baatota Yihowaarraa kan hafe namni manakoo dhufee Macaafa Qulqulluu dubbisu hin jiru” jedhee isheedhaaf deebise.

6, 7. (a) Namoonni gumii keessatti barsiisan Macaafa Qulqulluutti akka gaariitti fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti? (b) Qayyabannaa yommuu geggeessinu Macaafa Qulqulluutti akka gaariitti fayyadamuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

6 Namoota barsiisuuf Macaafa Qulqulluutti akka gaariitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Waltajjiirraa gumii barsiisuuf mirga kan qabdan taanaan, Macaafa Qulqulluutti fayyadamaa. Caqasa ijoo taʼe tokko jecha keessaniin dubbachuu ykn waraqaarratti barreessitanii dubbisuu ykn meeshaa elektirooniksiirraa dubbisuu mannaa, Macaafa Qulqulluu banaa dubbisaa; dhaggeeffattoonnis akkasuma akka godhan jajjabeessaa. Kana malees, karaa dhaggeeffattoonni Yihowaatti akka dhihaatan gargaaruun caqasootarratti tasgabbiidhaan ibsa kennaa. Namoota kolfisiisuuf jecha fakkeenyaafi muuxannoo wal xaxaa taʼanitti fayyadamuu mannaa, yeroo keessan Dubbii Waaqayyoo ibsuuf akka gaariitti itti fayyadamaa.

7 Macaafa Qulqulluu yommuu qayyabsiisnu maal yaadatti qabachuu qabna? Barreeffamootatti fayyadamnee yommuu barsiisnu caqasoota kennaman utuu hin dubbisin akka hin darbine of eeggachuu qabna. Namni qayyabsiisnu caqasoota kennaman akka dubbisu jajjabeessuufi ergaasaanii akka hubatu gargaaruu qabna. Akkamitti? Ibsa dheeraa ibsa gara biraa barbaadu kennuu utuu hin taʼin, baratichi yaadasaa akka ibsu jajjabeessuudhaan kana gochuu dandeenya. Maal amanuu akka qabu ykn tarkaanfii inni fudhachuu qabu itti himuu mannaa, gaaffii itti yaadameefi murtoo sirriirra gaʼuuf isa gargaaru gaafachuu dandeenya. *

“BALLEESSAA HUBACHIISUUF . . . DHIMMA BAASA”

8. Phaawulos qabsoo akkamii ofii wajjin gochaa ture?

8 Yeroo baayʼee, ‘balleessaa hubachiisuun’ hojii jaarsolii gumii qofa akka taʼetti yaanna. Jaarsoliin ‘warra cubbuu hojjetan, balleessaasaanii itti mulʼisuuf’ itti gaafatamummaa akka qaban beekamaadha. (1 Xim. 5:20; Tit. 1:13) Haataʼu malee, balleessaa keenya of hubachuunis barbaachisaadha. Phaawulos Kiristiyaana yaada garaa qulqulluu qabaachuudhaan fakkeenya taʼu ture. (2 Xim. 1:3) Taʼus, “Seerri kan biraa immoo buʼaa dhagna kootii keessaa, seera isa yaadni garaa kootii fudhatee wajjin utuu wal loluu nan arga” jedhee barreesseera. Yaada naannoo caqasa kanaa jiru qoruudhaan, Phaawulos cubbuu keessasaa jiru toʼachuuf qabsoo akkamii gochaa akka ture caalaatti hubachuu dandeenya.—Roomaa 7:21-25 dubbisi.

9, 10. (a) Phaawulos dadhabina akkamii wajjin qabsaaʼaa kan ture fakkaata? (b) Phaawulos cubbuu dhaalee wajjin qabsoo kan godhe haala akkamiitiin taʼuu dandaʼa?

9 Phaawulos dadhabina akkamii moʼuuf carraaqqii gochaa ture? Dadhabina qabu adda baasee caqasuu baatus, nama ‘maqaa namaa balleessu’ akka ture Ximotewosiif barreesseera. (1 Xim. 1:13) Phaawulos jijjiiramuusaa dura, Kiristiyaanota garmalee ariʼachaa ture. “Isaanitti banbanaa” akka ture dubbachuudhaan duuka buutota Kiristosiif ilaalcha akkamii akka qabu ibseera. (HoE. 26:11) Phaawulos aariisaa toʼachuu kan barate taʼus, yeroo tokko tokko miirasaafi dubbiisaa toʼachuun kan isa rakkisu taʼuu hin oolu. (HoE. 15:36-39) Rakkinasaa kana akka moʼu kan isa gargaare maalidharee?

10 Phaawulos balleessaasaa of hubachiisuuf mala akkamiitti akka fayyadame ergaa warra Qorontosiif barreesserratti ibseera. (1 Qorontos 9:26, 27 dubbisi.) Akka fakkeenyaatti, cubbuu dhaale akeekkatee aboota ture. Caaffata Qulqullaaʼoo keessaa gorsa barbaadeera, hojiirra oolchuuf akka isa gargaaru cimsee Yihowaa kadhateera, akkasumas fooyyaʼiinsa gochuuf jabaatee hojjeteera taʼa. * Nutis cubbuu dhaallee wajjin qabsoo akkasii waan goonuuf, fakkeenyasaarraa faayidaa argachuu dandeenya.

11. Karaa dhugaarra deddeebiʼaa jiraachuufi dhiisuu keenya beekuuf ‘of qoruu’ kan dandeenyu akkamitti?

11 Waaqeffannaa keenyaa wajjin haala wal qabateen matumaa dantaa dhabuu hin qabnu. Kanaa mannaa, karaa dhugaarra deddeebiʼaa jiraachuufi dhiisuu keenya beekuuf ‘of qoruu’ keenya itti fufuu qabna. (2 Qor. 13:5) Caqasoota akka Qolosaayis 3:5-10 jiran yommuu dubbisnu akkas jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Yaada cubbuu akkan hojjedhu dhiibbaa narraan gaʼu moʼuuf carraaqqii cimaa nan godhaa? Moo ejjennookoo laaffisaan jira? Intarneetiitti utuun fayyadamaa jiruu, fakkiin fedhii saalqunnamtii kakaasu yoo na mudate nan cufaa? Moo Weeb saayitii wanta gadhee qabu sana ilaaluun itti fufa?’ Gorsa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru dhuunfaatti hojiirra oolchuun keenya ‘dammaquufi of qabuuf’ nu gargaara.—1 Tas. 5:6-8.

“QAJEELCHUUF . . . DHIMMA IN BAASA”

12, 13. (a) Rakkina tokko “qajeelchuuf” yommuu yaalii goonu galmi keenya maal taʼuu qaba? Gama kanaan fakkeenya Yesus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Waldhabiinsa uumame yommuu ‘qajeelchinu’ akkamittiin dubbachuurraa fagaachuu qabna?

12 Jechi afaan Giriikii “qajeelchuu” jedhamee hiikame, “gaarii gochuu, sirreessuu, iddoosaatti deebisuu, haala gaariitti deebisuu” jechuudha. Yeroo tokko tokko waldhabiinsa namoota nuun ykn wanta raawwanne dogoggoraan hubatan gidduutti uumame qajeelchuuf tarkaanfii fudhachuu qabna. Fakkeenyaaf geggeessitoonni amantii Yihudootaa, Yesus ‘warra qaraxxuudhaafi warra akka seeraatti hin jiraannetti’ gaarummaa argisiisaa akka jiru komii dhiheessanii turan. Yesus, “Namoonni fayyaan ogeessa qorichaa hin barbaadan, dhukkubsatootatu barbaada malee; inni ‘Gara-laafinan barbaada malee aarsaa miti’ jedhu maalitti akka hiikamu dhaqaa baraa” jedhee isaaniif deebise. (Mat. 9:11-13) Yesus Dubbii Waaqayyoo obsaafi gaarummaadhaan namoota hundumaa barsiisa ture. Kanaaf, namoonni gad of deebisan Yihowaan, ‘Ooʼa qabeessaafi araara qabeessa; aariitti suuta jedhaa; gaarummaansaafi amanamummaansaa guddaa’ akka taʼe beekuu dandaʼaniiru. (Bau. 34:6) Kanaan kan kaʼes namoonni baayʼeen, carraaqqii Ilmi Waaqayyoo “qajeelchuuf” godhe fudhachuudhaan misiraachichatti amananiiru.

13 Fakkeenyi Yesus namoota kaan akkamitti gargaaruu akka qabnu nu barsiisa. Namni mufate tokko, sagalee aariitiin ‘Dhimma tokko sii wajjin mariʼachuun barbaada’ jechuu dandaʼa. Haataʼu malee akkasitti dubbachuun yaada 2 Ximotewos 3:16⁠rratti caqasamee wajjin wal hin simu. “Caaffanni qulqullaaʼaan hundinuu” aariidhaan namoota kaanitti akka dubbannu nu hin abbooman. Garmalee nama ceephaʼuun, “billaa” miidhaa guddaa geessisuu wajjin kan wal fakkaatu taʼuusaarrayyuu, yeroo baayʼee matumaa faayidaa hin argamsiisu.—Fak. 12:18.

14-16. (a) Jaarsoliin namoonni rakkinasaanii akka furan karaa gargaaruun dhimma tokko “qajeelchuu” kan dandaʼan akkamitti? (b) Ijoollee guddisuurratti Macaafa Qulqulluutti fayyadamanii ‘qajeelchuun’ barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

14 Kanaaf, obsaafi gaarummaadhaan dhimma tokko “qajeelchuu” kan dandeenyu akkamitti? Hiriyoonni gaaʼelaa tokko yeroo baayʼee kan wal qoccolan siʼa taʼu, jaarsi gumii tokko akka isaan gargaaru gaafatan haa jennu. Jaarsi kun maal gochuu qaba? Isa tokkoof utuu hin loogin, tarii yaada kitaaba Gammachuu Maatii jedhamu boqonnaa 3⁠rra jirutti fayyadamee seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu isaan mariisisuu dandaʼa. Jaarsi kun seerawwan buʼuura kanarratti yommuu ibsa kennu, hiriyoonni gaaʼelaa kun dhuunfaatti gorsa kam hojiirra oolchuu akka qaban caalaatti hubachuu dandaʼu. Yeroo gara biraammoo haala isaan irra jiran gaafachuufi barbaachisaa taanaan gorsa dabalataa isaanii kennuu dandaʼa.

 15 Warri ijoolleensaanii karaa hafuuraa akka ciman haala godhuun wanta tokko “qajeelchuu” kan dandaʼan akkamitti? Intalli keessan umrii waggoota kurnanii keessa jirtu michummaa sirrii hin taane akka dhiistu gargaaruu barbaaddan haa jennu. Jalqaba dhugaa jiru qortanii hubachuu qabdu. Achiis wanti isin yaaddessu jira taanaan, tarii yaada kitaaba Gaaffiiwwan Dargaggootaafi—Deebiiwwan Hojiirra Ooluu Dandaʼan, Jildii 2⁠rra (Amaariffa) jirutti fayyadamuudhaan ishee haasofsiisuu dandeessu. Guyyoota itti aananittimmoo yeroo dabalataa ishee wajjin dabarsuu dandeessu. Yommuu tajaajilarratti hirmaattu ykn maatii wajjin bashannantus ilaalchashee hubachuu dandeessu. Obsaafi gaarummaa kan argisiistan taanaan, intalli keessan akka ishee jaallatan hubachuu dandeessi. Gorsa keessan hojiirra oolchuudhaan, gocha jireenyashee balaadhaaf saaxilu raawwachuurraa deebiʼuu dandeessi taʼa.

Warri dhimma tokko “qajeelchuuf” Macaafa Qulqulluutti yoo fayyadaman, ijoolleensaanii gocha gadda isaanirraan geessisu hedduurraa akka deebiʼan gargaaru ( Keeyyata 15 ilaali)

16 Haaluma wal fakkaatuun, obsaafi gaarummaa argisiisuudhaan, namoota fayyaasaaniitiif yaaddaʼan, hojiisaaniirraa ariʼamuudhaan abdii kutatan ykn barumsa Macaafa Qulqulluu tokko hubachuu dadhaban jajjabeessuu dandeenya. Dubbii Waaqayyootti fayyadamuudhaan dhimma tokko ‘qajeelchuun’ saba Yihowaatiif faayidaa guddaa argamsiisa.

‘QAJEELUMMAATTIS LEENJISUUDHAAF DHIMMA IN BAASA’

17. Adaba nuu kennamu gammachuudhaan fudhachuu kan qabnu maaliifi?

17 “Adabni barsiisuudhaaf kennamu yeroo sanaaf kan nama gaddisiisu malee, kan nama gammachiisu hin fakkaatu. Booddee garuu warra itti baraniif ija in godhata; iji sunis kan nagaa fi kan qajeelinaa in taʼa.” (Ibr. 12:11) Kiristiyaanonni gaʼeessota taʼan hedduun, adabni warrisaanii Dhugaa Baatota taʼan isaanii kennan akka isaan gargaare ni amanu. Adaba Yihowaan karaa jaarsolii gumii kennu fudhachuun keenyas karaa jireenyaarra deddeebiʼuu keenya akka itti fufnu nu gargaara.—Fak. 4:13.

18, 19. (a) Gorsi Fakkeenya 18:13⁠rra jiru ‘qajeelummaattis leenjisuuf’ barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Jaarsoliin nama cubbuu raawwate tokkotti gaarummaafi jaalala yommuu argisiisan buʼaansaa maal taʼa?

18 Adaba buʼa qabeessa taʼe kennuun ogummaa gaafata. Yihowaan, Kiristiyaanonni ‘qajeelummaadhaan’ adaba kennuu akka qaban dubbateera. (2 Xim. 3:16) Kanaaf Macaafa Qulqulluu akka qajeelfamaatti itti fayyadamuu qabna. Seera buʼuuraa akkasii keessaa tokko Fakkeenya 18:13⁠rratti kan argamu siʼa taʼu, “Namni dubbii utuu hin dhaggeeffatin deebii kennu, gowwuma isaa fi yeelloo isaa mulʼisa” jedha. Kanaaf jaarsoliin nama cubbuu cimaa raawwachuudhaan himatame tokko yommuu haasofsiisan, wantoota dhimma sanaa wajjin wal qabatan hunda beekuuf gad fageenyaan qoruu qabu. (Kes. 13:14) “Qajeelummaatti” leenjisuu kan dandaʼan yoo kana godhan qofadha.

19 Kana malees, Dubbiin Waaqayyoo jaarsoliin gumii “hafuura gara-laafinaatiin” warra kaan akka sirreessan ajaja. (2 Ximotewos 2:24-26 dubbisi.) Dhugaadha, namni tokko Yihowaan akka arrabsamuufi namoonni balleessaa hin qabne akka miidhaman godheera taʼa. Taʼus, jaarsi tokko nama kana aariidhaan kan gorsu taanaan isa gargaaruu hin dandaʼu. Jaarsoliin ‘Gaarummaa Waaqayyoo’ kan hordofan taanaan garuu, namni dogoggora raawwate sun yaada garaa akka geddaratu kakaasuu dandaʼu.—Rom. 2:4.

20. Warri yommuu ijoolleesaanii adaban seera buʼuuraa isa kam hojiirra oolchuu qabu?

20 Warri “Adabaa fi barsiisa gooftaatiin” ijoolleesaanii guddisuurratti seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuu qabu. (Efe. 6:4) Abbaan tokko namni taʼe ‘mucaankee balleessaa raawwateera’ waan isaan jedheef qofa ilmasaa adabuu hin qabu. Kana malees, aariin maatii Kiristiyaanaa keessatti iddoo hin qabu. Yihowaan, “gara-laafessa, ooʼa-qabeessas” waan taʼeef, namoonni ijoollee adabuuf itti gaafatamummaa qabanis jaalala akkasii argisiisuuf carraaquu qabu.—Yaq. 5:11.

KENNAA GUDDAA YIHOWAAN NUU KENNE

21, 22. Yaada Faarfannaa 119:97-104⁠rra jiru keessaa ilaalcha Dubbii Yihowaatiif qabdu akka gaariitti kan ibsu kamidha?

21 Namni Waaqayyoof bule tokko, seera Yihowaa maaliif akka jaallatu dubbatee ture. (Faarfannaa 119:97-104 dubbisi.) Namni kun seera kana qayyabachuudhaan, ogummaafi hubannaa argateera. Gorsa achi keessa jiru hojiirra oolchuunsaa daandii sobaa namoota kaanirratti miidhaa geessisurraa fagaachuuf isa gargaareera. Caaffata Qulqullaaʼoo qayyabachuun gammachuu guddaa kan isaaf argamsiisu ture. Waaqayyo isa abboommiinsaa jireenyasaa keessatti faayidaa hedduu isaaf argamsiiseef ajajamuuf murteessee ture.

22 Atoo ‘Caaffata qulqullaaʼaa hundumaaf’ iddoo guddaa ni kennitaa? Taanaan amantii Waaqayyoo kaayyoo kan raawwatu taʼuusaarratti qabdu guddifachuu dandeessa. Gorsi achirra jiruufi geggeessaa hafuuraatiin barreeffame cubbuu miidhaa guddaa geessisu raawwachuurraa si eega. Kana malees, namoonni karaa jireenyaa akka argataniifi irra deemuusaanii akka itti fufan gargaaruuf ogummaadhaan itti fayyadamuu dandeessa. Waaqa keenya Yihowaa isa ogummaafi jaalala guddaa qabu yommuu tajaajillu ‘Caaffata Qulqullaaʼaa hundumaa’ akka gaariitti itti haa fayyadamnu.

^ key. 1 Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu jedhamu fuula 79 ilaali. (Amaariffa)

^ key. 7 Yesus siʼa barsiisu yeroo baayʼee, “Maal isinitti fakkaata?” jedhee erga gaafatee booda, deebii akka kennan isaan eega ture.—Mat. 18:12; 21:28; 22:42.

^ key. 10 Ergaan Phaawulos barreesse, cubbuu dhaalle moʼuuf jajjabina hedduu nuu kenna. (Rom. 6:12; Gal. 5:16-18) Phaawulos gorsa namoota kaaniif kenne innumtiyyuu hojiirra oolcheera jennee yaaduun keenya sirriidha.—Rom. 2:21.