Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Boqonnaa Waaqayyootti Galteettaa?

Boqonnaa Waaqayyootti Galteettaa?

Boqonnaa Waaqayyootti Galteettaa?

“Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba.”—IBR. 4:12.

1. Yeroo harʼaa karaan boqonnaa Waaqayyootti galuu itti dandeenyu tokko maalidha? Kana hojiirra oolchuun akka dubbatamu salphaa kan hin taane maaliifi?

MATADUREE darberratti abboomamuufi kaayyoo Waaqayyoo wajjin walsimnee hojjechuudhaan boqonnaa Waaqayyootti galuu akka dandeenyu ilaallee turre. Haataʼu malee, kana hojiirra oolchuun akka dubbatamu salphaa miti. Fakkeenyaaf, wanti jaallannu tokko Yihowaa biratti fudhatama akka hin qabne yommuu hubannu, jalqabarratti fudhachuu diduu dandeenya. Kunis “abboomamuuf qophaaʼaa” taʼuurratti fooyyaʼiinsa gochuun akka nu barbaachisu kan argisiisudha. (Yaq. 3:17, NW) Mataduree kanarratti kallattii kaayyoo Waaqayyoo wajjin walsimuun keenya, jechuunis garaadhaa abboomamuun keenya itti qoramuu dandaʼu muraasa ilaalla.

2, 3. Akka ilaalcha Yihowaatti bareedaa taane jiraachuuf carraaqqii akkamii gochuu keenya itti fufuu qabna?

2 Gorsa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe fudhachuun sitti ulfaataa? Caaffanni Qulqullaaʼoon, Waaqayyo “miʼa babbareedaa saba lafarraa hundumaa” garasaatti walitti qabuuf fedhii akka qabu nutti himu. (Hag. 2:7, NW) Dhugaadha, baayʼeen keenya jalqaba yommuu dhugaa barannu bareedina hin qabnu turre. Haataʼu malee, jaalalli Waaqayyoofi Ilmasaa isa jaallatamaaf qabnu, guutummaatti Waaqayyoon gammachiisuuf amalaafi barsiifata keenyarratti jijjiirama guddaa akka goonu nu dirqisiiseera. Kadhannaafi carraaqqii cimaa erga goone booda, dhumarratti guyyaa eebbifamaan cuuphaa Kiristiyaanaatiif of dhiheessuu itti dandeenyu ni gaʼe.—Qolosaayis 1:9, 10 dubbisi.

3 Haataʼu malee, qabsoon cubbuu dhaallee wajjin goonu yeroo cuuphamnetti hin xumuramne. Qabsoon kun itti fufeera, hamma cubbamoota taanettis ittuma fufa. Taʼuyyuu, qabsoo gochuu keenya yoo itti fufneefi Waaqayyo duratti caalaatti bareedaa taʼuuf murtoo yoo goone, Yihowaan carraaqqii keenya nuu eebbisa.

Yommuu Gorsi Barbaachisu

4. Gorsa Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼe karaa sadii kamiin argachuu dandeenya?

4 Jireenya keenyarratti jijjiirama gochuu keenya dura, jijjiiramni gochuu qabnu maal akka taʼe beekuu qabna. Haasaan Galma Mootummaatti kennameefi garaa namaa tuqu ykn matadureen barreeffamoota keenyarratti baʼeefi miira namaa kakaasu tokko rakkina cimaa qabnu akka hubannu gochuu dandaʼa. Karaa gara biraammoo, yaada haasaarratti dhihaate hubachuu yoo dadhabne ykn gorsa barreeffamootarratti baʼe hojiirra oolchuu yoo dhiisne, Yihowaan Kiristiyaanni hidhata keenya taʼe hirʼina keenya akka nu hubachiisu itti fayyadamuu dandaʼa.—Galaatiyaa 6:1 dubbisi.

5. Yommuu gorsi nuu kennamu karaa deebii gadhee itti kennuu dandeenyu tokko tokko caqasi? Kiristiyaanonni tiksitoota taʼan nu gargaaruusaanii itti fufuu kan qaban maaliif akka taʼe ibsi?

5 Mala gaarii taʼeefi jaalala guddaadhaan yoo kennameyyuu, gorsa ilmaan namootaa cubbuu dhaalan kennan fudhachuun salphaa miti. Taʼus, Galaatiyaa 6:1⁠rratti, Yihowaan namoonni hafuuraan geggeeffaman, “hafuura garraamummaatiin” nu sirreessuu akka yaalan isaan ajajeera. Deebii gaarii yoo laanne Waaqayyo duratti caalaatti bareedina qabaanna. Yeroo Yihowaa kadhannu cubbamoota akka taane akka ibsinu beekamaadha. Haataʼu malee, namni tokko dogoggora raawwanne yommuu nutti himu, sababa dhiheessuu, dogoggora sana salphisnee ilaaluu, kakaʼumsa nama gorsa nuu kenne sanaa shakkuu ykn akkaataa inni itti gorsa nuuf kenne mormuuf yaalla. (2 Mot. 5:11) Gorsichi keessumaa kallattii nu tuquun, jechuunis gocha miseensa maatii keenya tokkoo, haala uffannaafi miidhagina keenyaa, qulqullina keenya ykn bohaartii jaallannuufi Yihowaan jibbu tokko kan ilaallatu yommuu taʼutti, deebii gadhee nuunis taʼe nama gorsa nuu kenne sana gaddisiisu laachuu dandeenya. Yeroo baayʼee garuu erga tasgabboofnee booda gorsichi sirrii taʼuusaa hubanna.

6. Dubbiin Waaqayyoo “yaadaa fi akeeka garaa namaa” ifa kan godhu akkamitti?

6 Caqasni matadureen kun irratti hundaaʼe, dubbiin Waaqayyoo ‘humna hojjetu akka of keessaa qabu’ nu yaadachiisa. Eeyyee, dubbiin Waaqayyoo jireenya jijjiiruuf humna hojjetu of keessaa qaba. Tarkaanfii fudhachuu keenya dura akkuma nu gargaare, erga cuuphamnee boodas jijjiirama barbaachisaa gochuuf nu gargaaruu dandaʼa. Phaawulos ergaa Ibrootaaf barreesserratti dubbiin Waaqayyoo, “Lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar in baasa, yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in dandaʼa” jedheera. (Ibr. 4:12) “Lubbuu” kan jedhame, haala yeroo bakkeedhaan ilaalamnu qabnu, jechuunis wanta namoonni yommuu nu ilaalan arganidha. “Hafuura” kan jedhamemmoo, haala keessa keenyaa jechuunis wanta namoonni yommuu nu ilaalan arguu hin dandeenyedha. Kanaafuu Phaawulos, wanta Waaqayyo akka goonu barbaadu Macaafa Qulqulluurraa erga hubannee booda deebiin kenninu, haala keessa keenyaa kan argisiisu akka taʼe dubbachuusaa ture. Yeroo tokko tokko wanti namoonni kaan ilaalaniifi haalli keessa keenyaa garaagaradhaa? (Maatewos 23:27, 28 dubbisi.) Haala armaan gadii keessatti maal akka gootu yaadi.

Jaarmiyaa Yihowaa Wajjin Qixxee Adeemaa

7, 8. (a) Kiristiyaanonni Yihudoota taʼan tokko tokko, Seera Musee tokko tokkotti akka cichan kan isaan godhe maal taʼuu dandaʼa? (b) Gochisaanii kaayyoo Yihowaa wajjin kan wal faalleessu akkamitti?

7 Baayʼeen keenya yaada Fakkeenya 4:18⁠rra jiruufi “Daandiin qajeelotaa akka ifa barii ganamaa, isa yeroo biiftuun baatee ol adeemtu, ittumaa ifaa ol adeemuu ti” jedhu ni yaadanna. Kana jechuun, amalli keenyaafi kaayyoo Waaqayyoo ilaalchisee hubannaan qabnu yeroodhaa gara yerootti fooyyaʼaa adeema jechuudha.

8 Akkuma mataduree darberratti qorre, Yesus erga duʼee booda Kiristiyaanonni Yihudoota taʼan hedduun Seera Musee dhiisuun isaanitti ulfaatee ture. (HoE. 21:20) Phaawulos Kiristiyaanonni Seericha jala akka hin jirre akka gaariitti kan ibse yoo taʼeyyuu, isaan keessaa tokko tokko yaada inni hafuura qulqulluutiin kakaʼee kenne fudhachuu didaniiru. (Qol. 2:13-15) Tarii yoo xinnaate Seericha keessaa tokko tokko eeguusaanii yoo itti fufan, ariʼatama isaanirra gaʼu hambisuu akka dandaʼan isaanitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Kanas taʼe sana, Phaawulos Kiristiyaanonni Ibroota taʼan, kaayyoo Waaqayyoo wajjin walsimanii hojjechuu diduusaanii yoo itti fufan, boqonnaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye ifatti isaanitti himeera. * (Ibr. 4:1, 2, 6; Ibroota 4:11 dubbisi.) Yihowaa biratti fudhatama argachuu yoo barbaadan, inni sabasaa kallattii garabiraatiin geggeessaa akka jiru amananii fudhachuu qabu turan.

9. Hubannaa Caaffata Qulqullaaʼoorratti qabnurratti sirreeffamni yommuu godhamu ilaalacha akkamii qabaachuu qabna?

9 Bara keenyatti barumsawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokkorratti sirreeffamni godhamaa tureera. Sirreeffamni godhamu kun, amanannaa kutaa hojjetaa amanamaafi ogeessaarratti qabnu nuu guddisuu qaba malee nu dhiphisuu hin qabu. Namoonni miseensota “hojjetaa” kanaa bakka buʼan, ilaalchi dhugaawwan tokko tokkorratti qabnu ifa taʼuu ykn sirreeffamuu akka qabu yommuu hubatan, sirreeffama gochuurraa duubatti hin jedhan. Kutaan hojjetaa kanaa kaayyoo Waaqayyoo wajjin caalaatti walsimuu waan barbaaduuf, jijjiirama godhamurratti komii kaʼuu dandaʼu sodaachuudhaan sirreeffama barbaachisu gochuurraa duubatti hin jedhu. Hubannaa Caaffata Qulqullaaʼoorratti qabnurratti sirreeffamni tokko yommuu godhamu maaltu sitti dhagaʼama?—Luqaas 5:39 dubbisi.

10, 11. Malli misraachoo itti lallaban haaraan yommuu hojiirra ooletti wanta namoota tokko tokkotti dhagaʼamerraa maal baranna?

10 Fakkeenya gara biraas haa ilaallu. Waggaa dhibba tokko dura Barattoonni Macaafa Qulqulluu akka gaariitti haasaa sabaa kennuu dandaʼan tokko tokko, haasaa dhiheessuun karaa itti lallaban isa guddaa akka taʼe yaadu turan. Haasaa sabaa dhiheessuu kan jallatan siʼa taʼu, isaan keessaa tokko tokko dhaggeeffattoonnisaanii yommuu isaan jajan ni gammadu turan. Haataʼu malee, booda Yihowaan sabnisaa manaa gara manaatti lallabuu dabalatee kallattii lallabaa garaagaraarratti akka hirmaatan akka barbaadu ifa taʼe. Namoonni haasaa sabaa akka gaariitti dhiheessaa turan tokko tokko, jijjiirama haaraa kamiyyuu fudhachuu didan. Bakkeedhaan nama hafuuraa guutummaatti Gooftaadhaaf bulan fakkaatu turan. Kaayyoo Waaqayyo hojii lallabaatiif qabu ilaalchisee ragaa qabatamaan yommuu isaaniif dhihaatu garuu, ilaalchi, akeekniifi kakaʼumsisaanii inni dhugaan ifa taʼe. Waaʼeesaanii Yihowaatti maaltu dhagaʼame? Eebbasaa kan dhaban yommuu taʼu jaarmiyichas dhiisanii baʼaniiru.—Mat. 10:1-6; HoE. 5:42; 20:20.

11 Kana jechuun, namoota jaarmiyaa kanaaf amanamoo taʼan hundaaf warra kaaniif lallabuun salphaa ture jechuu miti. Keessumaa jalqabarratti hojichi namoota baayʼeedhaaf ulfaataa kan ture taʼus, abboomamoo turan. Yeroo booda sodaasaanii kan moʼan siʼa taʼu, Yihowaanis baayʼee isaan eebbiseera. Kallattii lallabaa si hin gammachiisne tokkorratti akka hirmaattu yommuu gaafatamtu maaltu sitti dhagaʼama? Wanta haaraa taʼe tokko yaaluuf fedhii qabdaa?

Namni Jaallannu Tokko Yommuu Yihowaa Dhiisu

12, 13. (a) Yihowaan cubbamoonni yaada garaa hin geddaranne gumiidhaa akka baafaman kan godhu maaliifi? (b) Kiristiyaanota warra taʼan tokko tokko qorumsa akkamiitu isaan mudata? Qorumsi kun baayʼee ulfaataa akka taʼu kan godhu maalidha?

12 Hundi keenya Waaqayyoon gammachiisuuf karaa qaamaa, amalaafi hafuuraa qulqulluu taʼuu akka qabnu seera buʼuuraa ibsurratti walii galla. (Tiitoos 2:14 dubbisi.) Haataʼu malee, yeroon amanamummaan kaayyoo Yihowaa kanaaf qabnu garmalee itti qoramu jiraachuu dandaʼa. Hiriyoonni gaaʼelaa fakkeenya taʼaniifi ilma tokko qofa qaban, ilmisaanii kun dhugaa dhiise haa jennu. Mucaan kun, walitti dhufeenya gaarii Yihowaafi warrasaa nama Waaqayyoo taʼanii wajjin qabu caalaa “yeroo gabaabduudhaaf cubbuu keessa jiraatee gammaduu” waan filateef gumiidhaa ni baafame.—Ibr. 11:25.

13 Warrisaa baayʼee gaddu! Macaafni Qulqulluun gumiidhaa baasuu ilaalchisee ‘nama ani amaneera jedhee halalummaatti jiraatu yookiis nama sassatu yookiis nama Waaqayyo tolfamaadhaaf sagadu yookiis nama machaaʼu yookiis nama nama saamuu wajjin akka walitti hin hidhanneefi isaa wajjinillee akka hin nyaanne’ kan dubbatu taʼuusaa beeku. (1 Qor. 5:11, 13) Jechi caqasa kanarratti ‘nama ani amaneera jedhu’ jedhu, miseensota maatii mana tokko keessa waliin hin jiraanne akka dabalatus beeku. Ilmasaanii garuu baayʼee jaallatu. Jaalalli cimaan isaan qaban, ‘Walitti dhufeenya ilma keenyaa wajjin qabnu yoo daangessine gara Yihowaatti akka deebiʼu akkamitti isa gargaaruu dandeenya? Yeroo hundaa isaa wajjin wal arguudhaan caalaatti isa gargaaruu hin dandeenyuu?’ jedhanii akka yaadan isaan gochuu dandaʼa. *

14, 15. Warri ijoolleensaanii gumiidhaa baafaman murtoo sirrii akkamii gochuu qabu?

14 Garaan keenya warra kanaaf baayʼee gadda. Ilmisaanii filannaa qaba ture; inni garuu warrasaafi namoota hidhata amantiisaa taʼanii wajjin michoomuu mannaa jireenya Kiristiyaanaaf hin malle jiraachuu filate. Warrisaas kana akka hin goone isa dhowwuu hin dandeenye. Baayʼee abdii akka kutatan hin shakkisiisu.

15 Haataʼu malee, warri mucaa kanaa maal godhu laata? Qajeelfama Yihowaa ifaa taʼeef ni abboomamuu? Moo “dhimma maatii barbaachisaa taʼedha” jedhanii sababa dhiheessuudhaan yeroo hundaa ilmasaanii wajjin wal arguu akka dandaʼan yaadu? Yeroo murtoo godhan Yihowaatti maaltu akka dhagaʼamu yaaduu qabu. Kaayyoon Yihowaa jaarmiyaansaa qulqulluu akka taʼuufi dandaʼamnaanimmoo cubbamoonni gara qalbiisaaniitti akka deebiʼan gargaaruudha. Warri Kiristiyaana taʼan kaayyoo kana deggeruu kan dandaʼan akkamitti?

16, 17. Haala Aaronirratti xiinxaluudhaan maal barachuu dandeenya?

16 Obboleessa Musee kan taʼe Aaron, ilmaansaa lamaanii wajjin haala wal qabateen qorumsi isa mudatee ture. Ilmaansaa Naadaabiifi Abiihuun ibidda Yihowaan isaan hin abboomne waan dhiheessaniif yommuu Inni isaan ajjeese, wanta Aaronitti dhagaʼamuu dandaʼu yaadi. Kun walitti dhufeenya isaan warrasaanii wajjin qabaachuu dandaʼan kamiyyuu akka miidhe beekamaadha. Kana qofa utuu hin taʼin, Yihowaan, “Isin akka hin duunetti, Waaqayyo guutummaa waldaatti akka hin dheekkamnetti, gaddaaf jettanii marata ofittii baastanii rifeensa mataa keessanii gad hin dhiisinaa! Uffata keessan hin tarsaasinaa” jechuudhaan Aaroniifi ilmaansaa amanamoo taʼan ajajeera. (Lew. 10:1-6) Ergaansaa ifadha. Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu, jaalala miseensota maatii keenyaa amanamoo hin taaneef qabnurra caaluu qaba.

17 Yeroo harʼaa Yihowaan namoota seerasaa cabsan battalumatti hin ajjeesu. Jaalalaan kakaʼee gochasaanii isa jalʼaarraa akka deebiʼan carraa isaanii kenna. Haataʼu malee, warri ilma ykn intala cubbuu hojjetanii yaada garaa hin geddaranne tokkoo, utuu hin barbaachisin isaanii wajjin walitti dhufeenya gochuusaanii itti fufuudhaan yoo isa qoran Yihowaatti maaltu dhagaʼama?

18, 19. Miseensonni maatii qajeelfama Yihowaan gumiidhaa baasuu ilaalchisee kenne deggeran eebba akkamii argatu?

18 Namoonni yeroo tokko gumiidhaa baafamanii turan baayʼeen, ejjennoo cimaan michoonniifi miseensonni maatiisaanii fudhatan gara qalbiisaaniitti deebiʼuuf akka isaan gargaare amananiiru. Jaarsoliin shamarreen tokko gara gumiitti akka deebitu yeroo yaada kennan, akkaataa jireenyaashee akka qulqulleessitu “wanti hamma tokko ishee gargaare, obboleessishee qophii gumiidhaa baasuutiif kabaja qabaachuusaa akka taʼe” barreessaniiru. Isheenis, ‘obboleessishee qajeelfama Caaffata Qulqullaaʼoo amanamummaadhaan eeguunsaa deebiʼuuf fedhii akka qabaattu akka ishee godhe’ dubbatteetti.

19 Kanaafuu maal gochuu qabna? Garaa keenya isa cubbamaa gorsa Caaffata Qulqullaaʼoo fudhachuu hin jaallannee wajjin qabsaaʼuun nu barbaachisa. Waaqayyo rakkina keenyaaf furmaata kan kennu karaa hunda caaluun akka taʼe guutummaatti amanuu qabna.

“Dubbiin Waaqayyoo Jiraataa Dha”

20. Ibroonni 4:12 karaawwan lamaan kamiin ibsamuu dandaʼa? (Miiljalee ilaali.)

20 Phaawulos, “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha” jedhee yommuu barreessu, waaʼee Macaafa Qulqulluu dubbachuusaa hin turre. * Yaanni naannoosaa jiru, waaʼee abdii Waaqayyoo dubbachuusaa akka taʼe argisiisa. Phaawulos, Waaqayyo abdii erga kennee booda utuu hin raawwatin akka hin hafne dubbachuusaa ture. Yihowaan karaa Isaayaas raajichaa, “Dubbiin afaan koo . . . wanta ani itti erges in raawwata malee, harka duwwaa gara kootti hin deebiʼu” jechuudhaan kana mirkaneesseera. (Isa. 55:11) Kanaafuu, wantonni tokko tokko yeroo nuti barbaannetti yoo raawwatamuu baatan obsa dhabuun nu hin barbaachisu. Yihowaan kaayyoosaa karaa milkaaʼina qabuun galmaan gaʼuuf “hojjechuutti jira.”—Yoh. 5:17.

21. Ibroonni 4:12 miseensota “tuuta sonaan baayʼee” maanguddoota amanamoo taʼan jajjabeessuu kan dandaʼu akkamitti?

21 Miseensonni “tuuta sonaan baayʼee” maanguddoota amanamoo taʼan, waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif Yihowaa tajaajilaniiru. (Mul. 7:9) Hedduunsaanii sirna hamaa kana keessatti ni dulloomna jedhanii hin eegne turan. Taʼus abdii hin kutanne. (Far. 92:14) Abdiin Waaqayyo kenne dhimma irraanfatame utuu hin taʼin, Yihowaan kana galmaan gaʼuuf hojjechaa akka jiru ni hubatu. Waaqayyo kaayyoosaatiif bakka guddaa waan kennuuf, nuyis kaayyoo kanaaf bakka guddaa yommuu kenninu isa gammachiisna. Yihowaan kaayyoonsaa galma akka gaʼuufi sabnisaa akka tuutaatti kaayyoosaa akka deggeran waan amanuuf, guyyaa torbaffaa kanatti boqochaa jira. Atoo? Dhuunfaa keetti boqonnaa Waaqayyootti galteettaa?

[Miiljaleewwan]

^ key. 8 Geggeessitoonni amantii Yihudootaa hedduun Seera Musee akka gaariitti hordofaa kan turan taʼus, yeroo Masiihichi dhufe utuu isa hin hubatin hafaniiru. Kaayyoo Waaqayyoo wajjin qixxee adeemaa hin turre.

^ key. 13 Kitaaba, “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa” jedhamu fuula 207-209 ilaali.

^ key. 20 Yeroo harʼaa, Waaqayyo karaa Dubbiisaa isa barreeffamaan jiruufi jireenya keenya jijjiiruuf humna qabuu nutti dubbata. Kanaaf, yaanni Phaawulos Ibroota 4:12⁠rratti galmeeffamee jiru Macaafa Qulqulluus akka gaariitti argisiisuu dandaʼa.

Kaayyoosaa Hin Dagatin

• Yeroo harʼaa boqonnaa Waaqayyootti galuuf maaltu nu barbaachisa?

• Kaayyoo Waaqayyoofi gorsa Caaffata Qulqullaaʼoo fudhachuuf fedhii qabaachuu keenya gidduu walitti dhufeenya akkamiitu jira?

• Qajeelfama Caaffata Qulqullaaʼootiif abboomamuun karaawwan kamiin rakkisaa taʼuu dandaʼa? Haataʼu malee abboomamuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Ibroonni 4:12 karaawwan lamaan kamiin ibsamuu dandaʼa?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 31⁠rra jiru]

Warrisaa baayʼee gaddu!