Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Namoota Hidhata Amantii Keessan Taʼan Matumaa Hin Dagatinaa

Namoota Hidhata Amantii Keessan Taʼan Matumaa Hin Dagatinaa

Namoota Hidhata Amantii Keessan Taʼan Matumaa Hin Dagatinaa

“WAGGOOTA kudhaniif buʼaa hojiidhaan argamurratti xiyyeeffannee kan turre ennaa taʼu, baayʼee sooromnee turre. Dhugaa keessatti kan guddanne taʼus, Yihowaarraa baayʼee fagaannee waan turreef garasaatti deebiʼuuf jabina akka hin qabne nutti dhagaʼama ture” jechuudhaan Yaarooslaaviifi haati manaasaa Beyaataan dubbataniiru. *

Obboleessi Maarek jedhamummoo akkas jechuudhaan waan yaadatu dubbata: “Poolaandi keessa jijjiiramni hawaasaafi siyaasaa waan tureef, yeroo baayʼee hojiikoo dhabeera. Kanaan kan kaʼes abdii kutadheen ture. Hojii daldalaatti muuxannoo waanan hin qabneef, hojii dhuunfaakoo jalqabuu nan sodaadhe. Dhumarratti, karaa hafuuraa sochiikoo utuu hin daangessin maatiikoo akka gaariitti sooruuf na gargaara jedhee yaaduudhaan hojii tokko jalqabuun yaade. Yeroo booda garuu, yaannikoo kun sirrii akka hin taanen hubadhe.”

Addunyaa wanti hundinuu yeroodhaa gara yerootti gatiinsaa dabalaafi hojii dhabummaan baayʼachaa jiru kana keessatti, namoonni tokko tokko abdii kutachuudhaan murtoo sirrii hin taane gochuu dandaʼu. Obboloonni hedduun saʼaatii dabalataa hojjechuuf ykn hojii tokkoo ol hojjechuuf, akkasumas muuxannoo kan hin qabne taʼaniyyuu hojii dhuunfaasaanii jalqabuuf murteessaniiru. Galii dabalataa argachuun maatiisaanii akka gargaaruufi karaa hafuuraa miidhaa akka isaanirra hin geessisnetti yaadu. Haataʼu malee, haalawwan utuu itti hin yaadamin dhufaniifi dinagdeen tasgabbii hin qabne, namni tokko karaa hafuuraa akka miidhamu gochuu dandaʼa. Kanaan kan kaʼes, obboloonni tokko tokko kiyyoo sassataatiin waan qabamaniif, qabeenya hordofuuf jecha Yihowaa tajaajiluu dhiisaniiru.—Lal. 9:11, 12.

Obboloonni tokko tokko, qabeenya biyya lafaa hordofuutti garmalee waan qabamaniif, qayyabannaa dhuunfaa, walgaʼii ykn tajaajilaaf yeroo hin qaban. Dantaa dhabuun akkasii, jireenya hafuuraasaaniifi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qaban akka jalaa miidhu beekamaadha. Walitti dhufeenya barbaachisaa “warra amantii keessa jiranii” wajjin qabanis dhabuu dandaʼu. (Gal. 6:10) Obboloonni tokko tokko suutuma suutaan waldaa obbolummaa keessaa baʼu. Kanaafuu dhimma kanaaf xiyyeeffannaa guddaa kenni.

Itti Gaafatamummaa Namoota Hidhata Amantii Keenya Taʼaniif Qabnu

Obboloota walii waan taaneef, haala jaalala waliif qabnu itti argisiisuu dandeenyu baayʼee qabna. (Rom. 13:8) Gumiikee keessa ‘hiyyeeyyiin gargaarsaaf iyyatan’ akka jiran hubatteetta taʼa. (Iyo. 29:12) Isaan keessaa tokko tokkommoo wantoota jireenyaaf isaan barbaachisan hin qaban taʼa. Yohannis ergamaan, haalli kun carraa akkamii akka nuu argamsiisu yommuu ibsu akkas jedheera: “Namni biyya lafaa kana irratti waan ittiin jiraatu qabu, dhaba obboleessa isaatii argee yoo garaa itti jabaate, jaalalli Waaqayyoo attamitti isa keessa jiraata ree?”—1 Yoh. 3:17.

Tarii namoota dhaban kanaaf wanta isaan barbaachisu gootetta ykn warra kaan gargaarteetta taʼa. Haataʼu malee jaalalli obboloota keenyaaf qabnu wanta jireenyaaf barbaachisuun isaan gargaaruudhaan qofa kan argisiifamu miti. Obboloonni tokko tokko gargaarsaaf kan iyyatan kophaa waan taʼaniif ykn abdii waan kutataniif taʼuu dandaʼa. Gatii akka hin qabne isaanitti dhagaʼamee, dhukkuba cimaadhaan qabamanii ykn namni jaallatan jalaa duʼee taʼuu dandaʼa. Karaa itti isaan jajjabeessuu dandeenyu keessaa tokko, isaan dhaggeeffachuufi wajjin haasaʼuudhaan wanta karaa miiraafi hafuuraa isaan barbaachisu gochuu taʼuu dandaʼa. (1 Tas. 5:14) Kana gochuun keenya, yeroo baayʼee jaalala obboloota keenyaa wajjin qabnu nuu jabeessa.

Keessumaa jaarsoliin gumii, gara laafinaan isaan dhaggeeffachuu, rakkinasaanii isaaniif hubachuufi gorsa jaalalaa Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼe isaanii kennuuf itti gaafatamummaa qabu. (HoE. 20:28) Jaarsoliin, kana gochuudhaan Phaawulos ergamaa isa namoota karaa hafuuraa obbolootasaa taʼan ‘jaallate’ fakkaachuu dandaʼu.—1 Tas. 2:7, 8.

Haataʼu malee, Kiristiyaanni tokko karra hoolotaarraa yoo fagaate, namoota hidhata amantiisaa taʼan ilaalchisee itti gaafatamummaa isarra jiru akkamitti baʼuu dandaʼa? Jaarsoliin gumiis taanaan qorumsa qabeenya akka hordofan isaanirra gaʼurraa walaba miti. Kiristiyaanni tokko qorumsa akkasiitiif yoo moʼamehoo?

Yaaddoo Jireenyaatiin Qabamuu

Akkuma olitti ibsame, carraaqqiin wantoota maatii keenyaaf barbaachisan guutuuf goonu, yeroo baayʼee dhiphina nutti fiduufi ilaalcha jireenya hafuuraatiif qabnu nu jalaa laaffisuu dandaʼa. (Mat. 13:22) Maarek inni olitti caqasame, “Hojiin jalqabe milkaaʼina dhabnaan, biyya alaa dhaqee hojii mindaa gaarii argamsiisu barbaaduufan murteesse. Jalqaba jiʼa sadiif qofa, itti aansees jiʼa sadiif, sana boodas yeruma hammasiitiif tureen yeroo muraasaaf gara biyyaatti deebiʼaan ture. Kanaan kan kaʼe, haati manaakoo isheen Dhugaa Baatuu hin taane miirrishee ni miidhame” jechuudhaan dubbateera.

Rakkinni kan gaʼe jireenya maatiisaarra qofa hin turre. Maarek itti fufuudhaan akkas jedha: “Qilleensa garmalee hoʼu keessatti saʼaatii dheeraa hojjechuu malees, namoota addaggee humna namaa hin quufneef saaxilameen ture. Namoonni kun akkuma warra humnaan nama saamuudhaan jiraatanii turan. Dhiphadhee kanan ture taʼuusaarrayyuu, garbasaanii akkan taʼe natti dhagaʼame. Ofii kooyyuu kunuunsuuf yeroo waanan hin qabneef, warra kaan gargaaruuf dandeettii qabaachuukoo shakkuun jalqabe.”

Buʼaa gadheen murtoon Maarek godhe geessise, murtoo tokko gochuu keenya dura akka irratti yaannu nu kakaasuu qaba. Biyya alaa dhaquun rakkina qarshii kan salphisu fakkaatuyyuu, rakkina kan biraammoo ni fida mitiiree? Fakkeenyaaf, jireenya hafuuraafi miira maatii keenyaarra maaltu gaʼuu dandaʼa? Biyya alaa dhaquun keenya walitti dhufeenyi gumii wajjin qabnu akka citu kan godhudhaa? Namoota hidhata amantii keenya taʼan tajaajiluuf mirga arganne nu dhabsiisaa?—1 Xim. 3:2-5.

Haataʼu malee, namni tokko hojiidhaan qabamuuf dirqama biyyasaatii baʼee deemuun akka isa hin barbaachisne hubatteetta taʼa. Mee haala Yaarooslaaviifi Beyaataa ilaali. Yaarooslaav akkas jedha: “Hojiin tokko balaan inni geessisu utuu hin yaadamin jalqabamuu dandaʼa. Gaaʼela godhannee baayʼee utuu hin turin, bakka mijaaʼaa taʼetti mana xinnoo nyaata foon daakamerraa hojjetame itti gurgurru banne. Buʼaansaa baayʼee gaarii waan taʼeef daldala keenya balʼisuuf murteessine. Haataʼu malee, yeroo waan hin qabneef walgaʼiirraa hafuu jalqabne. Baayʼee utuu hin turin, qajeelchaafi tajaajilaa gumii taʼee hojjechuukoo nan dhaabe. Buʼaa hojicharraa argamutti baayʼee waan gammanneef suuqii guddaa tokko banuudhaan nama Dhugaa Baatuu hin taane tokkoo wajjin shariika taanee hojjechuu jalqabne. Sana booda kontiraata doolaara miliyonaan lakkaaʼamu argamsiisu mallatteessuuf gara biyya alaa deemuun jalqabe. Yeroo baayʼee manatti waanan hin argamneef walitti dhufeenyan haadha manaakoofi intala keenyaa wajjin qabu baayʼee laafe. Dhumarratti, daldalli keenya inni babalʼate karaa hafuuraa guutummaatti akka dadhabnu nu godhe. Walitti dhufeenya gumii wajjin qabnu guutummaatti waan dhaabneef waaʼee obbolootaa yaaduullee dhiisnee turre.”

Kanarraa barumsa akkamii arganna? Kiristiyaanni tokko “jannata” mataasaa uumuuf hawwii qabaachuunsaa, kiyyoo keessa isa galchuudhaan dantaa dhabuutti ykn “uffata isaa” jechuunis wanta Kiristiyaana akka taʼe isa beeksisu akka gatu isa gochuu dandaʼa. (Mul. 16:15) Kunimmoo, obboloota kanaan dura gargaaraa turrerraa guutummaatti addaan nu baasuu dandaʼa.

Haqaan Of Gamaaggami

‘Wanti akkasii narra hin gaʼu’ jennee yaanna taʼa. Haataʼu malee, hundi keenya wanti jireenyaaf nu barbaachisu hammam akka taʼe jabeessinee yaaduun keenya barbaachisaadha. Phaawulos, “Nuyi waanuma tokko illee fidnee gara biyya lafaa hin dhufne, isa keessaas waanuma tokko illee fuunee baʼuu hin dandeenyu. Waan ittiin jiraannu, waan keessa jiraannus qabaannaan nu gaʼa” jedheera. (1 Xim. 6:7, 8) Sadarkaan jireenyaa, biyyaa gara biyyatti addadda akka taʼe beekamaadha. Wanti biyya guddate tokko keessatti gadi aanaa akka taʼetti ilaalamu, biyyoota hedduu kaan keessatti akka qananiitti ilaalamuu dandaʼa.

Sadarkaan jireenyaa biyya keessa jiraannuu maaliyyuu yoo taʼe, Phaawulos, “Warri sooromuu barbaadan immoo qoramatti, kiyyootti, kajeellaatti, gowwummaa isaan miidhu baayʼee keessattis in kufu; kajeellaawwan kunis balleeffamuu fi baduu keessa isaan in buusu” jechuusaa hubadhu. (1 Xim. 6:9) Kiyyoon tokko bakka wanti adamsamu arguu hin dandeenye kaaʼama. Dhokfamee kan kaʼamus, kiyyichi akka tasaa wanta adamsamu sana akka qabatu yaadameeti. ‘Kajeellaa nama miidhuun’ qabamuurraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

Wanta dursa kenninuuf murteessuun keenya, qayyabannaa dhuunfaa dabalatee Yihowaa tajaajiluuf yeroo gaʼaa akka argannu godha. Kiristiyaanni tokko qayyabannaa dhuunfaa kadhannaadhaan godhamu akkasii qabaachuunsaa, warra kaan gargaaruu “kan dandaʼe, hojii gaarii hundumaafis kan qophaaʼe” akka taʼu isa gochuu dandaʼa.—2 Xim. 2:15; 3:17.

Jaarsoliin jaalala qabeeyyii taʼan waggoota muraasa gidduutti Yaarooslaaviin jajjabeessuuf carraaqqii godhaniiru. Innis guutummaatti jijjiirameera. Akkas jedha: “Marii barbaachisaa goone tokkorratti jaarsoliin fakkeenya Caaffata Qulqullaaʼaa keessatti argamu isa waaʼee dargaggeessa sooressa barabaraaf jiraachuu barbaadeefi qabeenyasaa garuu dhabuu hin barbaannee ibsu naa caqasan. Achiis, dhimmi kun haala ani keessa jiru kan argisiisuu taʼuufi dhiisuusaa malaan na gaafatan. Kana gochuunsaanii, wantan jijjiirama irratti gochuu qabu akka jiru akkan hubadhu na gargaareera.”—Fak. 11:28; Mar. 10:17-22.

Yaarooslaav haalasaa haqaan erga gamaaggamee booda, daldala guddaa hojjetu dhiisuuf murteesse. Waggaa lama keessatti, inniifi maatiinsaa jireenya hafuuraasaanii jabeeffachuu dandaʼaniiru. Yeroo ammaa jaarsa taʼee obbolootasaa tajaajilaa jira. Yaarooslaav akkas jedheera: “Obboloonni hamma karaa hafuuraa sochii gochuu dhaabanitti hojii daldalaatiin ennaa qabaman, muuxannoo kootti fayyadameen namoota hin amannee wajjin walitti hidhachuun gowwummaa akka taʼe isaaniif ibsa. Afeerriiwwan nama qoran yeroo nuu dhihaatan diduufi gochawwan amanamummaa keenya akka hin eegne nu godhanirraa fagaachuun salphaa miti.”—2 Qor. 6:14.

Maarekis muuxannoo gadhee isarra gaʼerraa barateera. Biyya alaatti hojii mindaa gaarii argamsiisuufi maatiisaa ittiin gargaaru argachuu kan dandaʼe taʼus, walitti dhufeenya Waaqayyoofi obbolootasaa wajjin qabu dhabee ture. Yeroo booda, wanta dursa kennuufii qaburratti yaade. “Waggoota darbanitti, haallikoo haala Baaruk isa ‘wanta guddaa argachuu fedhee’ turee wajjin wal fakkaata ture. Booddee, waan garaakoo keessa jiru baasee dhiphinakoo Yihowaatti kanan himadhe siʼa taʼu, amma karaa hafuuraa jabina akkan argadhe natti dhagaʼama” jedheera. (Er. 45:1-5) Yeroo ammaatti Maarek “hojii baʼeessa” raawwachuudhaaf jecha jaarsa taʼuuf carraaqqii gochaa jira.—1 Xim. 3:1.

Maarek namoota hojii mindaa gaarii argamsiisu hojjechuuf gara biyya alaa dhaquu yaadan akkas jechuudhaan akeekkachiisa: “Yeroo biyya alaa jiraattan, kiyyoowwan biyyi lafaa inni hamaan dhiheessuun qabamuun baayʼee salphaadha. Afaan biyyichaa sirriitti waan hin beekneef, walitti dhufeenyi namootaa wajjin qabdan kan daangeffame taʼa. Qarshii qabattanii biyyatti deebiʼuu kan dandeessan taʼus, madaa hafuuraa fayyuuf yeroo dheeraa gaafatus fudhattanii deebitu.”

Hojiifi itti gaafatamummaa obboloota keenyaaf qabnu wal madaalchisuun keenya, Yihowaa gammachiisuuf nu gargaara. Akkas gochuun keenya, warri kaanis murtoo sirrii taʼe akka godhan isaan kakaasuu dandaʼa. Namoota baʼaan itti ulfaate, gargaarsi, gara laafinniifi fakkeenyi gaariin obboloonnisaanii kaaʼaniif isaan barbaachisa. Jaarsoliin gumiifi Kiristiyaanonni gaʼumsa qaban kaan, namoonni hidhata amantiisaanii taʼan ilaalcha sirrii akka qabaatan, akkasumas yaaddoo jireenyaatiin akka hin dhiphanne isaan gargaaruu dandaʼu.—Ibr. 13:7.

Eeyyee, hojiidhaan garmalee qabamnee namoota hidhata amantii keenya taʼanirraa matumaa fagaachuu hin qabnu. (Filp. 1:10) Kanaa mannaa, jireenya keenya keessatti dhimmawwan Mootummichaatiif dursa kennuudhaan ‘Waaqayyo biratti badhaadhota’ haa taanu.—Luq. 12:21.

[Miiljalee]

^ key. 2 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

[Fakkii fuula 21]

Hojiin hojjettu walgaʼiiwwan gumiirraa akka haftu si gochaa jiraa?

[Fakkii fuula 23]

Carraa namoota karaa hafuuraa obbolootakee taʼan gargaaruuf qabdu ni dinqisiifattaa?