Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Yesus Kiristos, ergamoonnisaa 12an akka lallaban yommuu isaan erge, ulee akka qabataniifi kophee akka kaaʼatan isaanitti himamee turee?

Namoonni tokko tokko, yaanni Wangeelonni sadan Yesus ergamootasaa erguusaa ilaalchisee dubbatan wal faallessa jedhu. Haataʼu malee, yaada Wangeelota kanaa walbira qabnee ilaaluudhaan yaada xumuraa gaarii taʼerra gaʼuu dandeenya. Dura, yaada Maarqosiifi Luqaas barreessan walbira qabii ilaali. Seenaan Maarqos barreesse, “[Yesus] karaadhaaf immoo ulee malee, buddeena, korojoo, waan tokko illee akka hin fudhanne, horiis akka hin baanne isaan abboome. Kophee akka kaaʼatan, qomee lama garuu wal irratti akka hin uffanne isaanitti hime” jedha. (Mar. 6:7-9) Luqaasimmoo, “Karaadhaaf homaa hin fudhatinaa, ulee qabannaa yookiis korojoo, nyaata yookiis horii, qomee lama illee hin baatinaa!” jechuudhaan barreesseera. (Luq. 9:1-3) Asirratti yaada kan wal faallessu fakkaatu argina. Maarqos, ergamoonni Yesus ulee akka qabataniifi kophee akka kaaʼatan akka isaanitti himametti kan barreesse yommuu taʼu, Luqaas garuu karaadhaaf homaa akka hin fudhanne kaanillee hafee ulee akka hin qabanne akka isaanitti himame dubbata. Haala Maarqosirraa adda taʼeen, Luqaas waaʼee kophee hin caqasne.

Wanta Yesus yeroo kanatti dubbachuu barbaade hubachuuf, yaada Wangeelota sadanuu keessatti caqasame qalbeeffadhu. Seenaawwan olitti caqasaman keessattis taʼe Maatewos 10:5-10⁠rratti, ergamoonni Yesus “qomee lama” akka hin uffanne ykn akka hin qabanne isaanitti himameera. Ergamoonni Yesus tokkoon tokkoonsaanii qomee tokko qofa kan uffatan taʼuu hin oolu. Kanaafuu karaadhaaf qomee kan biraa qabachuu hin qaban. Kophees ni kaaʼatu turan. Maarqos, kophee kaaʼatanii jiran qofa ‘kaaʼachuunsaanii’ barbaachisaa akka taʼe ibseera. Waaʼee uleehoo maal jedhame? Kitaabni Za Juwish Insaaykilooppiidiyaa jedhamu, “Ibroota durii biratti ulee baatanii adeemuunis balʼinaan baramaa waan ture fakkaata” jechuudhaan ibseera. (Uma. 32:10) Maarqos ergamoonni ulee yeroo Yesus ajaja kana isaanii kennetti qabatanii turan malee, “waan tokko illee akka hin fudhanne” caqaseera. Barreessitoonni Wangeelaa, Yesus ergamoonnisaa baʼaa dabalataa fudhachuuf jedhanii adeemsasaanii akka hin tursine qajeelfama isaanii kennuusaa ibsuusaanii ture.

Maatewos inni yeroo Yesus qajeelfama kana kenne dhagaʼeefi barreesse yaada kana akka gaariitti ibseera. Yesus, “Adeemuudhaaf warqee, meetii yookiis sibiila diimaa gudunfachuu hin barbaadinaa; karaadhaaf korojoo, qomee lama, kophee, ulees baachuu hin barbaadinaa; hojjetaan waan isa barbaachisu argachuun in taʼaaf” jedhee dubbateera. (Mat. 10:9, 10) Kophee ergamoonni Yesus kaaʼataniifi ulee isaan qabatan ilaalchisee yaanni jiru maalidha? Yesus bartoonnisaa wantoota akkasii akka hin gudunfanneefi akka hin baanne dubbate malee, wanta isaan harka jiru akka gatan isaan ajajuusaa hin turre. Ajaja akkasii kan kenne maaliifi? Sababiinsaa, “hojjetaan waan isa barbaachisu argachuun in taʼaaf.” Kun, gorsa Yesus Lallabasaa Isa Gaaraarratti maal nyaanna, maal dhugna ykn maal uffanna jedhanii akka hin dhiphanne kennee wajjin kan walsimudha.—Mat. 6:25-32.

Seenaawwan Wangeela keessa jiran kun jalqabarratti kan wal faallessan fakkaatanis, hundisaanii yaada tokko kan ibsanidha. Ergamoonni Yesus waanuma isaan harka jiru qabatanii deemuu qabu turan malee, waan dabalataa gudunfachuu ykn baachuudhaan yaadasaanii hihhiruu hin qaban turan. Maaliif? Yihowaan wanta isaan barbaachisu waan isaanii guutuufidha.

Phaawulos, Filiphisiiyus 2:9rratti Yesusiin ilaalchisee, “Waaqayyo waan hundumaa irra caalchisee guddaa ol isa qabe; maqaa isa maqaa kam irra iyyuu caalu kenneeraaf” jechuudhaan dubbatee ture. Maqaan haaraan kun maalidha? Yesus Yihowaadhaa gadi erga taʼee, maqaan Yesus maqaa kamirrayyuu kan caalu akkamitti?

Yaanni Filiphisiiyus 2:8, 9⁠rra jiru, “Inni [Yesus] gad of deebisee, hamma duʼaatti, hamma fannifamee duʼutti iyyuu abboomamaa taʼe. Kanaafis Waaqayyo waan hundumaa irra caalchisee guddaa ol isa qabe; maqaa isa maqaa kam irra iyyuu caalu kenneeraaf” jedha.

Maqaa maqaa kamirrayyuu caalu kan qabu Yihowaa qofa waan taʼeef, caqasni kun Yesus Yihowaa wajjin tokkodha hiika jedhu hin dabarsu. Yaanni Filiphisiiyus boqonnaa 2⁠rratti argamu, Yesusiif maqaa guddaan kan kenname erga duʼaa kaafamee booda akka taʼe ibsa. Sana dura maqaa kana hin qabu ture. Karaa garabiraammoo Yihowaan yoomiyyuu olaanaa siʼa taʼu, iddoon inni qabus matumaa jijjiiramee hin beeku. Yesusiif maqaan maqaa utuu inni gara lafaa hin dhufin qabu caalu kennameera jechuun, inni Yihowaa wajjin tokkodha jechuu miti. Phaawulos maqaan maqaa kamirrayyuu caalu Yesusiif akka kenname yommuu dubbatu, maqaan uumamawwan Waaqayyoo hundarra caalu akka kennameef dubbachuusaa ture.

Maqaan Yesus inni guddaan maalidha? Isaayaas 9:6 deebii nuu kenna. Caqasni kun Yesus isa Masiihii taʼee dhufu ilaalchisee, “Humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, ‘Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa’ in jedhama” jechuudhaan dubbata. “Maqaan” Yesus inni asirratti caqasame, iddoo guddaafi aangoo inni qabu kan argisiisu yommuu taʼu, kunis yaada Filiphisiiyus 2:9⁠rratti “maqaa isa maqaa kam irra iyyuu caalu” jedhamee wajjin tokko akka taʼe nu hubachiisa. Yihowaan iddoo guddaafi aangoo olaanaa uumama kamirrayyuu caalu Yesusiif akka kenne fudhachuudhaan, jilbi hundinuu Yesusiif akka jilbeenfatu abboommiin kennameera. Yaanni “kam irra iyyuu” jedhu afaan Giriikii macaafni kun ittiin barreeffamerra jiraachuu baatus, yaanni caqasichaa hiika akkas jedhu of keessaa qaba. “Maqaan” Yesus, maqaa ofiisaarra utuu hin taʼin, maqaa uumamawwan kamirrayyuu kan caaludha.

Ergamoota amanamoo taʼanii wajjin maqaa Yesus fudhachuudhaan isaaf jilbeenfachuu keenyatti baayʼee gammanna! “Ulfina Waaqayyoo abbaatiif” jennee iddoo guddaa Yihowaan Yesusiif kenneef ajajamuudhaan kana gochuu dandeenya.