Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 32

Amantii Uumaa Irratti Qabdu Cimsadhu

Amantii Uumaa Irratti Qabdu Cimsadhu

“Amantiin . . . ragaa wantoonni ijaan hin mulʼanne dhuguma akka jiran argisiisu dha.”—IBR. 11:1.

FAARFANNAA 11 Uumamni Waaqayyoon Jajata

QABIYYEE *

1. Uumaa keenya ilaalchisee maal baratteetta?

KAN guddatte maatii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan keessatti yoo taʼe, ijoollummaa keetii jalqabdee waaʼee Yihowaa barachaa akka guddatte hin shakkisiisu. Inni Uumaa akka taʼe, amalawwan gaggaarii akka qabuu fi ilmaan namootaatiif kaayyoo gammachiisaa akka qabu baratteetta.—Uma. 1:1; HoE. 17:24-27.

2. Namoonni tokko tokko namoota Uumaan akka jiru amananiif ilaalcha akkamii qabu?

2 Haa taʼu malee, namoonni hedduun Waaqayyo Uumaa taʼuu isaa amanuun haa hafuutii jiraachuu isaa illee hin amanan. Kanaa mannaa, jireenyi akkuma tasaa akka jalqabee fi suutuma suuta jireenya salphaa irraa gara jireenya wal xaxaa taʼetti jijjiiramaa akka dhufe amanu. Namoota akkas jedhanii amanan keessaa tokko tokko namoota baayʼee baratani dha. Saayinsiin Kitaabni Qulqulluun dogoggora taʼuu isaa akka mirkaneessuu fi namoonni Uumaatti amanan namoota hin baranne, namoota dadhaboo fi salphaatti gowwoomfaman akka taʼan dubbatu.

3. Amantii keenya cimsachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

3 Wanti beektonni tokko tokko dubbatan Yihowaan Uumaa jaalala qabeessa taʼuu isaa akka shakkinu godhaa? Kun caalaatti kan hundaaʼe, sababa Yihowaan Uumaa taʼuu isaa itti amanne irratti dha. Kana kan amanne amanuu akka qabnu waan nutti himameefi moo yeroo fudhannee ofuma keenyaan ragaawwan jiran irratti qorannaa waan gooneefi? (1 Qor. 3:12-15) Dhugaa Baatota Yihowaa kan taanee waggoota hedduu dura yoo taʼe illee, hundi keenya iyyuu amantii keenya cimsachuuf carraaqqii gochuu qabna. Akkana yoo goone, “falaasamaa fi gowwoomsaa homaa of keessaa hin qabne” isa namoonni Dubbii Waaqayyoo morman barsiisaniin hin gowwoomfamnu. (Qol. 2:8; Ibr. 11:6) Gama kanaan nu gargaaruuf jecha mata dureen kun (1) namoonni hedduun Uumaatti kan hin amanne maaliif akka taʼe, (2) amantii Yihowaa isa Uumaa kee taʼe irratti qabdu cimsachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe, akkasumas (3) amantiin kee cimaa taʼee akka itti fufu gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ibsa.

NAMOONNI HEDDUUN UUMAAN JIRAACHUU ISAA KAN HIN AMANNE MAALIIFI?

4. Ibroonni 11:1 fi miiljaleen isaa akka jedhutti amantii dhugaan maal irratti kan hundaaʼe dha?

4 Namoonni tokko tokko amantii qabaachuu jechuun ragaa malee akkasumaan amanuu jechuu akka taʼetti yaadu. Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti garuu amantii dhugaan akkas miti. (Ibroota 11:1 fi miiljalee dubbisi.) Yihowaa, Yesuusii fi Mootummaa isa samii arginee kan hin beekne taʼus, amantiin isaan irratti qabnu ragaa amansiisaa taʼe irratti kan hundaaʼe akka taʼe yaadadhu. (Ibr. 11:3) Saayintistiin Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe tokko, “Amantiin Dhugaa Baatonni Yihowaa qaban ragaa qabatamaa taʼe irratti kan hundaaʼe dha; amantiin isaanii kun dhugaawwan saayinsii wajjinis kan wal simu dha” jedheera.

5. Namoonni hedduun Waaqayyo Uumaa akka taʼe kan hin amanne maaliifi?

5 Tarii, ‘Ragaa amansiisaan Uumaan akka jiru mirkaneessu erga jiraatee, namoonni hedduun Waaqayyo wantoota hundumaa akka uume kan hin amanne maaliifi?’ jennee gaafanna taʼa. Namoonni tokko tokko kana kan hin amanne ofii isaaniitiin ragaawwan jiran qoratanii waan hin beekneefi. Roobarti inni yeroo booda Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe akkana jedheera: “Mana barumsaatti waaʼee uumamaa barannee waan hin beekneef barumsi kun dhugaa akka hin taaneettan yaada ture. Achiis yeroo umuriin koo waggaa 22 turetti Dhugaa Baatonni Yihowaa Kitaabni Qulqulluun ragaawwan Waaqayyo wantoota hundumaa akka uume argisiisan akka qabate naaf ibsan.” *—Saanduqa, “ Gorsa Warraaf Kenname” jedhu ilaali.

6. Namoonni tokko tokko Uumaan jiraachuu isaa kan hin amanne maaliifi?

6 Namoonni tokko tokko, ‘Kanan amanu wantan ijaa arguu dandaʼutti qofa waan taʼeef, Uumaan jiraachuu isaa hin amanu’ jedhanii dubbatu. Haa taʼu malee, namoonni kun wanta ijaan hin arginettis ni amanu; fakkeenyaaf, humna harkisa lafaa ijaan arguu kan hin dandeenye taʼus, ragaawwan akka jiru argisiisaniin kan kaʼe jiraachuu isaa ni amanu. Gosti amantii Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame ragaa “wantoonni ijaan hin mulʼanne dhuguma akka jiran [argisiisan]” irrattis kan hundaaʼe dha. (Ibr. 11:1) Ragaawwan kana ofuma keenyaan qorachuun yeroo ramaduu fi carraaqqii gochuu gaafata; namoonni hedduun garuu akkas gochuuf fedhii hin qaban. Namni ragaawwan kana ofuma isaatiin hin qoranne Waaqayyo akka hin jirretti yaaduu dandaʼa.

7. Wantoota hundumaa kan uume Waaqayyo akka taʼe kan hin amanne namoota baratan hunda dhaa? Ibsi.

7 Saayintistoonni tokko tokko ragaawwan kana erga qoratanii booda wantoota hundumaa kan uume Waaqayyo akka taʼe amananiiru. * Namoonni tokko tokko Uumaan hin jiru jedhanii kan amanan, akkuma Roobarti isa olitti ibsametti waaʼee kanaa yunivarsiitiitti baratanii waan hin beekneefi. Haa taʼu malee, saayintistoonni hedduun Yihowaa beekuu fi isa jaallachuu dandaʼaniiru. Wanti mana barumsaatti baranne maal iyyuu yoo taʼe, akkuma saayintistoonni kun godhan amantii Waaqayyo irratti qabnu cimsachuuf carraaqqii gochuu qabna. Carraaqqii gochuu kan qabnu ofuma keenyaani.

AMANTII UUMAA IRRATTI QABDU CIMSACHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

8-9. (a) Gaaffii kam qorra? (b) Waaʼee uumamaa qorachuun kee kan si fayyadu akkamitti?

8 Amantii Uumaa irratti qabdu cimsachuu kan dandeessu akkamitti? Mee karaawwan kana gochuu itti dandeessu afur haa ilaallu.

9 Waaʼee uumamawwanii qoradhu. Bineeldota, biqiltootaa fi urjiilee irratti xiinxaluudhaan, amantii Uumaa irratti qabdu cimsachuu dandeessa. (Far. 19:1; Isa. 40:26) Wantoota kana caalaatti qorachaa yeroo deemtu amantiin Yihowaan Uumaa taʼuu isaa irratti qabdus caalaatti cimaa deema. Barreeffamoonni keenya yeroo baayʼee mata dureewwan waaʼee uumamawwan garaa garaa balʼinaan ibsan qabatanii baʼu. Mata dureewwan kana hubachuun ulfaataa yoo sitti taʼe illee dubbisuu irraa duubatti hin jedhin. Hamma dandeesse hubachuuf yaali. Viidiyoowwan babbareedoo waaʼee uumamaa ibsanii fi walgaʼiiwwan naannoo waggoota dhihoodhaa asitti godhaman irratti baʼan weebsaayitii jw.org irraa irra deebitee ilaaluu dandeessa.

10. Fakkeenya Uumaan akka jiru argisiisu tokko dubbadhu. (Roomaa 1:20)

10 Uumamawwan naannoo kee jiran irratti qorannaa yeroo gootu wantoonni kun waaʼee Uumaa keenyaa maal akka si barsiisan hubachuuf yaali. (Roomaa 1:20 dubbisi.) Fakkeenyaaf, aduu irraa hoʼaa fi ifa jireenyaaf nu barbaachisu kan argannu taʼus, carallaawwan aduu tokko tokko garuu miidhaa guddaa geessisu. Kanaafuu, wanti carallaawwan kana irraa eegumsa nuuf godhu nu barbaachisa. Maarree carallaawwan kana irraa eegumsa argachaa kan jirru akkamitti? Lafti keenya golgaa oozoonii jedhamuu fi eegumsa ishiidhaaf godhu qabdi; oozooniin carallaawwan miidhaa geessisan akka gad hin buune dhoowwa. Carrallaawwan miidhaa geessisan dabalaa yeroo deeman hammi oozooniis dabalaa deema. Maarree, kun Uumaan akka jiruu fi Uumaan kunis jaalala qabeessaa fi dandeettii guddaa kan qabu akka taʼe kan argisiisu mitii?

11. Ragaawwan amantii Uumaa irratti qabdu siif cimsan eessaa argachuu dandeessa? (Saanduqa “ Wantoota Amantii Keenya Cimsachuuf Nu Gargaaran” jedhu ilaali.)

11 Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe fi jw.org irratti qorannaa gochuudhaan, uumama ilaalchisee ragaawwan amantii kee siif cimsan hedduu argachuu dandeessa. Tarii jalqaba irratti mata dureewwanii fi viidiyoowwan, “Qaamni Kana Tolche Jiraa?” jedhanitti fayyadamuu dandeessa. Mata dureewwan kun baayʼee gaggabaaboo dha; akkasumas waaʼee bineeldotaa fi biqiltootaa wantoota baayʼee nama ajaaʼibsiisan muraasa qabataniiru. Saayintistoonni uumamawwan ilaaluudhaan wantoota tokko tokko hojjechuuf kan yaalan akkamitti akka taʼes ni ibsu.

12. Yeroo Kitaaba Qulqulluu qoʼannu wantoota akkamiitiif xiyyeeffannaa kennuu qabna?

12 Kitaaba Qulqulluu qoʼadhu. Saayintistiin olitti caqasame jalqaba irratti yaada Uumaan jira jedhu fudhachuun isa rakkisee ture. Yeroo booda garuu Uumaan jiraachuu isaa amaneera. “Amantiin koo kan hundaaʼe wantan saayinsii irraa baradhe irratti qofa miti. Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti qoʼachuun koos gumaacha guddaa godheera” jedheera. Tarii amma iyyuu Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti beekta taʼa. Taʼus, amantii Uumaa irratti qabdu cimsachuuf Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu kee itti fufuu qabda. (Iya. 1:8; Far. 119:97) Kitaabni Qulqulluun taʼeewwan seenaa keessatti raawwataman balʼinaan ibsa. Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu raawwii isaanii kan argatan akkamitti akka taʼee fi wantoonni barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu barreessan kan wal siman akkamitti akka taʼe hubadhu. Akkana yoo goote kan nu uumee fi Kitaaba Qulqulluu kan nuuf barreessise Uumaa jaalala qabeessaa fi ogeessa akka taʼe amantii qabdu cimsatta. *2 Xim. 3:14; 2 Phe. 1:21.

13. Gorsawwan Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman keessaa tokko isa kami?

13 Dubbii Waaqayyoo yeroo qoʼattu, gorsi isaa hammam faayidaa qabeessa akka taʼe yaadi. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun waggoota hedduu dura, maallaqa jaallachuun baayʼee akka nama miidhuu fi “dhiphina hedduu” akka namatti fidu dubbateera. (1 Xim. 6:9, 10; Fak. 28:20; Mat. 6:24) Gorsi kun yeroo harʼaatti ni hojjetaa? Kitaabni ilaalcha namoonni yeroo harʼaa jiran qaban irratti yaada kennu tokko akkana jedheera: “Namoonni qabeenya jaallatan gammachuun isaanii ni hirʼata, akkasumas dhiphinaaf saaxilamu. Namoonni maallaqa dabalataa argachuu barbaadan illee gammachuu isaanii ni dhabu, dhibee fayyaadhaafis ni saaxilamu.” Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun maallaqa jaallachuu irraa akka of qusannu nu gorsuun isaa sirrii dha! Gorsa Kitaaba Qulqulluu si fayyade kan biraa caqasuu ni dandeessaa? Hammuma gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti xiinxalaa deemne, hammasuma amantiin gorsa Uumaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe nuuf kennu irratti qabnus cimaa deema. (Yaq. 1:5) Kun immoo, jireenyi keenya caalaatti gammachiisaa akka taʼu godha.—Isa. 48:17, 18.

14. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun keenya waaʼee Yihowaa maal beekuuf nu gargaara?

14 Waaʼee Yihowaa caalaatti beekuu galma godhachuudhaan Kitaaba Qulqulluu qoʼadhu. (Yoh. 17:3) Kana gochuudhaan waaʼee eenyummaa fi amalawwan Yihowaa beekuu dandeessa; amalawwan kun amalawwan yeroo waaʼee uumamawwanii qorattetti argitee wajjin wal fakkaatu. Waaʼee amalawwan Yihowaa barachuun keenya inni Qaama dhugumaan jiru taʼuu isaa nu amansiisa. (Bau. 34:6, 7; Far. 145:8, 9) Waaʼee Yihowaa caalaatti beekaa yeroo deemtu, amantiin isa irratti qabduu fi jaalalli isaaf qabdu ni guddata; walitti dhufeenyi isaa wajjin qabdus caalaatti cimaa deema.

15. Wanta itti amantu warra kaanitti himuun kan si fayyadu akkamitti?

15 Amantii Waaqayyo irratti qabdu namoota kaanitti himi. Akkas gochuun kee amantii kee siif cimsa. Haa taʼu malee, namni dhugaa baateef tokko Waaqayyo jiraachuu isaa ilaalchisee gaaffii yoo si gaafatee fi maal jettee akka isaaf deebistu yoo beekuu baatte maal gochuu qabda? Deebii Kitaaba Qulqulluu barreeffamoota keenya irratti ibsame tokko argachuuf yaali; achiis wanta argatte sana nama sanatti himi. (1 Phe. 3:15) Dhugaa Baatuun Yihowaa muuxannoo qabu tokko akka si gargaaru gaafachuus ni dandeessa. Namni sun deebii Kitaaba Qulqulluu irraa isaaf kennite fudhatus fudhachuu baatus, ati garuu qorannaa gochuu keetti faayidaa ni argatta. Amantiin kee caalaatti ni cima. Kun immoo yaada sobaa namoonni ogeeyyii fi namoota baratan jedhaman ‘Uumaan hin jiru’ jechuudhaan dubbataniin gowwoomfamuu irraa si eega.

AMANTII KEE CIMSACHUU KEE ITTI FUFI!

16. Amantiin keenya cimaa taʼee akka itti fufu yoo carraaqqii gochuu baanne maaltu nu irra gaʼuu dandaʼa?

16 Yihowaa kan tajaajille yeroo hammamiif iyyuu yoo taʼe amantii isa irratti qabnu cimsachuu keenya itti fufuu qabna. Akkas gochuu kan qabnu maaliifi? Yoo of eeggachuu baanne amantiin keenya laafuu waan dandaʼuufi. Amantiin ragaa wantoonni ijaan hin mulʼanne dhugumaan akka jiran argisiisu irratti kan hundaaʼe akka taʼe yaadadhu. Wanta ijaan arguu hin dandeenye salphaatti irraanfachuu dandeenya. Phaawulos amantii dhabuun “cubbuu isa salphaatti nu sakaalu” akka taʼe kan ibse kanaafi. (Ibr. 12:1) Maarree, kiyyoo kana irraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti?—2 Tas. 1:3.

17. Amantii keenya eeggachuuf maaltu nu gargaara?

17 Tokkoffaa, Yihowaan hafuura isaa akka siif kennu yeroo hundumaa kadhadhu. Akkas gochuu kan qabnu maaliifi? Amantiin kutaawwan firii hafuuraa keessaa tokko waan taʼeefi. (Gal. 5:22, 23) Gargaarsa hafuura isaa malee Uumaa keenya irratti amantii cimaa qabaachuus taʼe amantii kana eeggachuu hin dandeenyu. Yihowaan hafuura isaa akka nuuf kennu kadhachuu keenya yoo itti fufne hafuura isaa nuuf kenna. (Luq. 11:13) “Amantii keenya nuuf guddisi” jennee illee kadhachuu dandeenya.—Luq. 17:5.

18. Akka Faarfannaan 1:2, 3 jedhutti, mirga akkamii arganneerra?

18 Dabalataanis, yeroo hundumaa Dubbii Waaqayyoo qoʼadhu. (Faarfannaa 1:2, 3 dubbisi.) Yeroo faarfannaan kun barreeffametti garagalchii Seera Waaqayyoo kan qaban Israaʼelota muraasa turan. Haa taʼu malee, mootichii fi luboonni garagalchiiwwan kana argachuu ni dandaʼu turan; akkasumas Seerri Waaqayyoo waggaa torbatti al tokko, “dhiirota, dubartoota, ijoollee” fi nama biyya ormaa duratti akka dubbifamuuf qophiin ni godhama ture. (Kes. 31:10-12) Bara Yesuusittis, maraawwan Kitaabota Qulqulluu kan argaman namoota muraasa harkattii fi manneen sagadaa keessatti qofa ture. Bara keenyatti garuu, namoonni hedduun Dubbii Waaqayyoo gar tokkoo isaa ykn guutuu isaa argachuu ni dandaʼu. Kun mirga guddaa dha. Maarree mirga kanaaf dinqisiifannaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

19. Amantiin keenya cimaa taʼee akka itti fufuuf maal gochuu qabna?

19 Yeroo hundumaa Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan kennaa kanaaf dinqisiifannaa akka qabnu argisiisuu dandeenya. Qoʼannaa dhuunfaatiif yeroo ramaduu qabna; qoʼannaa dhuunfaa kan goonu yommuu yeroo akka qabnu nutti dhagaʼamutti qofa taʼuu hin qabu. Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan qoʼachuudhaan amantiin keenya cimaa taʼee akka itti fufu gochuu dandeenya.

20. Maal gochuuf murteessuu qabna?

20 Nuti “ogeeyyii fi beektota” addunyaa kanaa irraa haala adda taʼeen, amantii cimaa dubbii Waaqayyoo irratti hudaaʼe qabna. (Mat. 11:25, 26) Kitaaba Qulqulluu waan qoʼanneef, haalli addunyaa hammaachaa kan deemu maaliif akka taʼee fi Yihowaan dhiheenyatti rakkina kana balleessuuf maal akka godhuu beekuu dandeenyeerra. Kanaafuu, amantii keenya cimsachuu fi hamma nuuf dandaʼame namoonni hedduun Uumaa keenya irratti amantii akka qabaatan gargaaruuf haa murteessinu. (1 Xim. 2:3, 4) Yeroo namoonni lafa irra jiran hundi Yihowaa itti jajatanii fi akkuma Mulʼata 4:11 irratti ibsametti, “Yaa Waaqa keenya Yihowaa, ati wantoota hundumaa waan uumteef ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala” itti jedhan hawwiidhaan eeggachuu keenya itti haa fufnu.

FAARFANNAA 2 Maqaan Kee Yihowaa Dha

^ key. 5 Kitaabni Qulqulluun Yihowaan Uumaa akka taʼe ifatti dubbata. Namoonni hedduun garuu kanatti hin amanan. Kanaa mannaa, jireenyi kan argame akkuma tasaa akka taʼe amanu. Amantii Waaqayyoo fi Kitaaba Qulqulluu irratti qabnu jabeeffachuuf, carraaqqii cimaa yoo goone ilaalchi isaanii kun amantii keenya nu jalaa hin laaffisu. Mata dureen kun kana gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.

^ key. 5 Manneen barumsaa hedduu keessatti barsiisonni, ‘Wantoota hundumaa kan uume Waaqayyo taʼuu dandaʼa’ jedhanii illee hin dubbatan. Akkas yoo godhan barattoonni Waaqayyotti akka amanan akka dirqisiisanitti yaadu.

^ key. 7 Yaada, saayintistoota dabalatee hayyoonni uumamatti amanan tokko tokko dubbatan muraasa Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe irraa argachuu dandeessa. Mata duree “Saayinsii fi Teknooloojii” jedhu jalaa mata duree xiqqaa “‘Gaafannoo’ (Mata duree Dammaqaa! irratti walitti aansee baʼu)” jedhu ilaali.

^ key. 12 Fakkeenyaaf, jw.org irraa mata duree “Saayinsiin Kitaaba Qulqulluu Wajjin Wal Simaa?” jedhu, akkasumas Masaraa Eegumsaa Amajjii 1, 2008 irraa mata duree “Wanti Yihowaan Dubbate Ni Raawwatama” jedhu ilaali.