Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Waaqayyo kadhannaa hundaaf deebii ni kennaa?

ATI KADHANNAA EENYUUTIIF DEEBII KENNA JETTA?

  • Kan namoota hundaa

  • Kan namoota tokko tokkoo

  • Kan eenyuu iyyuu hin deebisu

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

“Waaqayyo . . . warra dhugaadhaan isa waammatan hundumaatti dhiʼoo dha.”—Faarfannaa 145:18.

WANTA DABALATAA KITAABA QULQULLUU IRRAA BARANNU

  • Waaqayyo kadhannaa namoota isaaf hin ajajamnee hin dhagaʼu. (Isaayaas 1:15) Haa taʼu malee, adeemsa isaanii sirreessuudhaan isaa wajjin nagaa uumuu dandaʼu.—Isaayaas 1:18.

  • Waaqayyo kadhannaa tokkoof deebii kan kennu ulaagaawwan isaa Kitaaba Qulqulluu keessa jiran kan guutu yoo taʼe qofa dha.—1 Yohaannis 5:14.

Haala addaatiin kadhachuu qabnaa?

NAMOONNI TOKKO TOKKO yeroo kadhannu jilbeenfachuu, mataa keenya gad qabuu ykn harka keenya lamaan walitti qabuu qabna jedhanii yaadu. Ati hoo maal jetta?

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Waaqayyo namoota ‘taaʼanii, ‘ol kaʼanii,’ ‘gad gombifamanii,’ akkasumas ‘jilbeenfatanii’ kadhannaa dhiheessaniif deebii kenneera. (1 Seenaa 17:16; 2 Seenaa 30:27; Izraa 10:1; Hojii Ergamootaa 9:40) Kanaaf, haala addaatiin akka kadhannu nu irraa hin eegu.

WANTA DABALATAA KITAABA QULQULLUU IRRAA BARANNU