Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

2 | “Jajjabina Kitaabota Qulqulluu Keessaa Argamu”

2 | “Jajjabina Kitaabota Qulqulluu Keessaa Argamu”

KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “Jabaannee dhaabbachuu keenyaan, akkasumas jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessaa argamuun abdii qabaachuu akka dandeenyuuf, wantoonni dursanii barreeffaman hundi barumsa akka irraa argannuuf barreeffaman.”—ROOMAA 15:4.

Maal Jechuudha?

Kitaabni Qulqulluun yaadawwan nama jajjabeessan qabateera; yaadawwan kun cimina yaada dogoggoraa dandamachuuf nu barbaachisu nuuf argamsiisu. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun dhiphinni kamiyyuu yeroo dhihootti akka badu abdii kenna.

Kitaabni Qulqulluun kan Nu Gargaaru Akkamitti?

Hundi keenyayyuu yeroo tokko tokko yaaddoon nutti dhagaʼama; namoonni dhiphina sammuutiin dararaman garuu guyyaa guyyaadhaan boqonnaa tokko malee dhiphina cimaa wajjin walʼaansoo godhu. Maarree, Kitaabni Qulqulluun gargaarsa akkamii kenna?

  • Kitaabni Qulqulluun yaadawwan gaggaarii yaada dogoggoraa balleessuuf gargaaran hedduu qabateera. (Filiphisiyus 4:8) Sammuun keenya yaadawwan nama jajjabeessanii fi nama tasgabbeessaniin akka guutamu godha; kunimmoo miira keenya toʼachuuf nu gargaara.—Faarfannaa 94:18, 19.

  • Kitaabni Qulqulluun miira gatii akka hin qabne nutti dhagaʼamu of keessaa baasuuf nu gargaara.—Luqaas 12:6, 7.

  • Caqasoonni Kitaaba Qulqulluu hedduun kophaa keenya akka hin taanee fi Uumaan keenya miira keenya guutummaatti akka nuuf hubatu nuuf mirkaneessu.—Faarfannaa 34:18; 1 Yohaannis 3:19, 20.

  • Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo yaadannoowwan nama dhiphisan hundumaa akka balleessu dubbata. (Isaayyaas 65:17; Mulʼata 21:4) Yaadaa fi miira nama jeequ wajjin walʼaansoo yeroo goonu abdiin kun cimina jabaannee dhaabbachuuf nu barbaachisu nuuf kenna.