MASARAA EEGUMSAA

Waaqayyo Siif Yaada

Afaan Oromoo
Waaqayyo Siif Yaada
https://cms-imgp.jw-cdn.org/img/p/2023004/univ/art/2023004_univ_sqr_xl.jpg
wp23 Lakk. 1 ful. 5

Waaqayyo Siif Yaada

Waaqayyo Siif Yaada

KITAABNI QULQULLUUN Dubbii Waaqayyoo waan taʼeef, gorsa hundarra caalu qabateera. Kitaaba yaalii fayyaa taʼuu baatus haala nama dhiphisu, yaadaa fi miira nama jeequ, akkasumas dhibee qaamaa fi sammuu cimaa taʼe dandamachuuf nu gargaara.

Hunda caalaammoo, Kitaabni Qulqulluun Uumaa keenya kan taʼe Yihowaan a eenyuyyuu caalaa yaadaa fi miira keenya akka nuuf hubatu nuuf mirkaneessa. Inni rakkina nu mudatu kamirrattiyyuu nu gargaaruuf fedhii guddaa qaba. Mee caqasoota Kitaaba Qulqulluu nama jajjabeessan lama akka fakkeenyaatti haa ilaallu:

“Yihowaan warra garaan isaanii cabetti dhihoo dha; warra hafuurri isaanii caccabes ni oolcha.”—FAARFANNAA 34:18.

“Ani Waaqni kee Yihowaan, isa harka kee mirgaa qabee, ‘Hin sodaatin. Ani sin gargaara’ siin jedhu sana dha.”—ISAAYYAAS 41:13.

Maarree, Yihowaan dhibee sammuu akka dandamannu kan nu gargaaru akkamitti? Akkuma mata duree ittaanurratti ilaallutti, Yihowaan baayʼee akka nuuf yaadu karaa hedduudhaan argisiiseera.

a Yihowaan maqaa Waaqayyooti.—Faarfannaa 83:18.