Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

5 Rakkinni Ni Badaa?

5 Rakkinni Ni Badaa?

Kana Beekuu Kan Qabnu Maaliifi?

Rakkinni ni bada jennee amanuuf sababiin yoo jiraate, abdiin akkasii ilaalcha nuti jireenyaa fi Waaqayyoof qabnu fooyyessuu dandaʼa.

Mee Yaadi

Namoonni hedduun rakkina balleessuu kan barbaadan taʼus, kanaa ilaalchisee wanta hedduu gochuuf dandeettiin isaan qaban murtaaʼaadha. Wantoota armaan gadii hubadhu:

Gama qorichaatiin guddinni kan godhame taʼus . . .

  • Dhukkubni onnee duʼaaf sababa guddaa taʼuu isaa itti fufeera.

  • Kaansariin waggaa waggaadhaan namoota miliyoonaan lakkaaʼaman galaafata.

  • Doktar Deevid Biluum barreeffama Firoontiyeer Imunooloojii jedhamu irratti akkas jedhaniiru: “Sirni fayyaa addunyaa guddina gochaa jiru, fayyummaa namootaa eeguu fi fooyyessuuf waan hedduu godheera. Taʼus, addunyaan dhukkuboota daddarboo yeroo dheeraa turan, haaraa dhufanii fi deebiʼanii akka haaraatti babalʼatan hambisuu hin dandeenye.”

Biyyoonni tokko tokko qabeenya hedduu kan qaban taʼus . . .

  • Waggaa waggaadhaan ijoolleen miliyoonaan lakkaaʼaman ni duʼu, warri bakka hiyyummaan itti babalʼate jiraatan immoo carraan isaan itti miidhaman balʼaa dha.

  • Namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman mala xurii dhangalaʼaa ittiin balleessan hin qaban.

  • Namoonni miliyoona dhibbaan lakkaaʼaman bishaan qulqulluu hin argatan.

Waaʼee mirga namummaa hubannaan jiru kan dabale taʼus . . .

  • Gabaasni Mootummoota Gamtoomanii akka jedhetti, namoota daldaluun biyyoota hedduu keessatti itti fufeera, biyyoonni warra gocha kana raawwatan seeratti hin dhiheessine immoo, “rakkinichi jiraachuu isaa hin beekan ykn qabeenya kana ittiin godhan hin qaban.”

    CAALAATTI BARADHU

    Viidiyoo Mootummaan Waaqayyoo Maali dha? jedhu jw.org irraa ilaali.

Kitaabni Qulqulluun Maal jedha?

Waaqayyo nuuf ni yaada.

Inni rakkinaa fi gadda nu irra gaʼuuf dantaa kan hin qabne miti.

“[Waaqayyo] nama gad qabamaa hin tuffanne, gad qabamuu isaatiinis maal dhibdi hin jenne; yeroo inni gad qabamaan gara isaatii iyye in dhaga’eef malee, inni fuula isaa isa duraa hin dhoksine.”FAARFANNAA 22:24.

“Inni isiniif waan yaaduuf yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.”—1 PHEEXIROS 5:7.

Rakkinni yeroo hundumaaf itti hin fufu.

Kitaabni Qulqulluun kaayyoon Waaqayyo nuuf qabu akka raawwatamu mirkaneessa.

“Waaqayyo . . . imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiru; gaddis taʼe iyyi yookiin cinqiin kana booda hin jiru.”MULATA 21:3, 4.

Waaqayyo wantoota rakkina ilmaan namootaatiif sababa taʼan ni balleessa.

Kanas kan godhu karaa Mootummaa isaa, isa Kitaabni Qulqulluun bulchiinsa dhugaa akka taʼe ibsu sanaatiini.

“Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa deebiʼee matumaa hin badne, isa mo’ichi isaas saba biraatti hin darbine dhaabuuf jira; . . . ofii isaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata.”DAANIEL 2:44.