Rakkinni Dhiheenyatti Ni Bada!
Addunyaa rakkoowwan akka yakka, waraana, dhukkubaafi balaawwan uumamaa jiranirraa bilisa ta’e keessa jiraachuun, akkasumas waa’ee loogii, hacuuccaafi kufaatii dinagdee utuu hin dhiphatin rafanii ka’uun maal akka fakkaatu mee yaadi. Haalli kun ni raawwatama jedhanii amanuun ulfaataadhaa? Namoota ykn dhaabbata namootaa keessaa haala akkasii fiduu kan danda’u akka hin jirre beekamaadha. Haata’u malee Waaqayyo, rakkoowwan mataduree darberratti ibsaman dabalatee, rakkina namootarra ga’u hunda akka balleessu abdii kenneera. Abdiiwwan Macaafa Qulqulluurratti ibsamaniifi armaan gadii hubadhu:
BULCHIINSA GAARII
“Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa deebi’ee matumaa hin badne, isa mo’ichi isaas saba biraatti hin darbine dhaabuuf jira; inni mootummoota sana hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa; ofii isaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata.”—Daani’el 2:44.
Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa samiirratti argamudha. Yesus Kiristos inni Mootii Mootummaa kanaa ta’e, bulchiinsa namootaa balleessuudhaan jaalalli Waaqayyoo akkuma samiirratti ta’e, lafarrattis akka ta’u godha. (Maatewos 6:9, 10) Bulchiinsi kun, “mootummaa gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenyaa Yesus Kristos isa bara baraa” waan ta’eef, bulchiinsa namootaatiin bakka hin buufamu. Yeroo kanatti nagaan dhuma hin qabne lafarra ni buufata.—2 Phexros 1:11.
SANA BOODA AMANTIIN SOBAA HIN JIRAATU
“Seexanni iyyuu ergamoota ifaa fakkaachuudhaaf waan wallaalchifatuuf, . . . hojjetoonni isaas hojjetoota qajeelinaa fakkaachuudhaaf yoo wallaalchifatan, kun waan guddaa miti; gara dhumaattis waan hojii isaaniitiif ta’u argachuuf jiru.”—2 Qorontos 11:14, 15.
Amantiin sobaa akkuma hojii Seexanaa ifatti kan baafamu si’a ta’u, dhiheenyattis ni balleeffama. Gochi mankaraarsitummaafi dhiiga dhangalaasuun amantii sobaatiin raawwatamu ni bada. Kunimmoo namoonni ‘Waaqayyo isa jiraataafi isa dhugaa’ jallatan hundi, ‘amantii tokkoon,’ akkasumas “hafuuraafi dhugaadhaan” akka isa waaqeffatan isaan dandeessisa. Kun nagaafi gammachuu guddaa argamsiisa!—1 Tasaloniiqee 1:9; Efesoon 4:5; Yohannis 4:23.
NAMOONNI CUBBUURRAA BILISA TA’U
“Waaqayyo ofii isaa isaanii wajjin jiraachuuf jira, . . . Inni imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!”—Mul’ata 21:3, 4.
Waaqayyo karaa Ilmasaa Yesus Kiristos isa lubbuusaa biyya lafaaf dabarsee kennee wantonni kun akka raawwataman godha. (Yohannis 3:16) Ilmaan namootaa Yesusiin geggeeffamuudhaan cubbuurraa bilisa ta’u. ‘Waaqayyo ofii isaa isaanii wajjin waan jiraatuufi imimmaan hundumaa ija isaaniirraa waan haquuf,’ sana booda cubbuunis ta’e rakkinni tokkoyyuu hin jiraatu. ‘Toloonni lafa in dhaalu, isarras barabaraan in jiraatu.’—Faarfannaa 37:29, hiika bara 1899.
HAFUURONNI HAMOON NI BADU
“Inni [Yesus Kiristos] bineensa akka jawwee, bofa bara durii, Diiyaabilos, Seexana sana qabee, waggaa kuma tokkoof in hidhe . . . Akka inni deebi’ee saba biyya lafaa hin wallaalchifnetti, iddoo isa lafa jalaa sanatti darbatee, balbala itti cufee mallattoo itti godhe.”—Mul’ata 20:2, 3.
Seexanniifi hafuuronni hamoon hidhamuudhaan gara “iddoo isa lafa jalaa,” jechuunis haala sochii tokkollee gochuun itti hin danda’amnetti yommuu darbataman, dhiibbaan Seexanni geessise hundi ni bada. Sana booda namootarratti dhiibbaa geessisuu hin danda’an. Addunyaa dhiibbaa Seexanaafi hafuurota hamoorraa walaba ta’e keessa jiraachuun, boqonnaa akkamii akka argamsiisu mee yaadi!
“GUYYOONNI GARA DHUMAA” NI DARBU
“Guyyoonni gara dhumaa” guyyaan Yesus ‘rakkina guddaa’ jedhee waame ennaa xumuramutti ni darbu. Yesus, “Yommus rakkinni guddaan ta’uuf jira; rakkinni akkasiis jalqaba biyya lafaatii jalqabee hamma ammaatti hin taane, deebi’ees hin ta’u” jedheera.—Maatewos 24:21.
Rakkina guddaa kan jedhame, yeroo sanatti badiisni kanaan dura ta’ee hin beekne waan ga’uufidha. Rakkinni kun baay’ee cimaa kan ta’u “lola guyyaa isa guddicha kan Waaqayyoo hundumaa danda’u[ufi]” “Armaagedoon” jedhamee waamamurrattidha.—Mul’ata 16:14, 16.
Namoonni wanta gaarii jaallatan hundi, yeroo sirni hamaan kun itti badu abdiidhaan eeggatu. Eebbawwan namoonni kun Mootummaa Waaqayyoo keessatti argatan keessaa muraasasaanii ilaali.
WAAQAYYO WANTA KANA CAALUYYUU NI RAAWWATA!
‘Tuutni sonaan baay’een’ addunyaa haaraa nagaan keessa buufatu keessa jiraatu: Dubbiin Waaqayyoo, namoonni lakkaa’amuu hin dandeenye, “tuuta sonaan baay’ee” jedhamaniifi “rakkina guddaa keessaa ba’anii dhufan” addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatu keessa akka jiraatan dubbata. (Mul’ata 7:9, 10, 14; 2 Phexros 3:13) Fayyina kan argatan, karaa “hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu[u],” jechuunis karaa Yesus Kiristosidha.—Yohannis 1:29.
Barumsi Waaqayyorraa argamu faayidaa guddaa argamsiisa: Addunyaa haaraa keessatti, “lafti beekumsa Waaqayyootiin in guuta.” (Isaayaas 11:9) Barumsi kun, qajeelfama namoota hundaa wajjin nagaadhaan jiraachuunis ta’e haala naannoo wajjin walsimuun jiraachuun itti danda’amu ibsu kan dabalatudha. Yihowaan, “Ani Waaqayyo gooftaan kee isa wanta waa’ee siif baasu si barsiisuu fi isa karaa ati adeemtu irratti si geggeessuu dha” jechuudhaan abdii kenneera.—Isaayaas 48:17.
Michoonni keenya du’aan dhabne du’aa ni kaafamu: Yesus yommuu lafarra ture, michuusaa Alaazaariin du’aa kaaseera. (Yohannis 11:1, 5, 38-44) Akkas gochuudhaan, Mootummaa Waaqayyoo keessatti wanta kana caalu akka raawwatu argisiiseera.—Yohannis 5:28, 29.
Nagaafi qajeelinni barabaraaf lafarra ni buufata: Bulchiinsa Kiristos jalatti seera malee jiraachuun hin jiraatu. Kana beekuu kan dandeenyu akkamitti? Yesus garaa namaa dubbisuu waan danda’uuf, akkasumas dandeettiisaa kanatti fayyadamee qajeelotaafi jal’ootaaf waan faraduufidha. Namoonni jal’ina raawwachuurraa deebi’uu didan, addunyaa haaraa Waaqayyoo fidu keessa akka jiraatan hin heyyamamuuf.—Faarfannaa 37:9, 10; Isaayaas 11:3, 4; 65:20; Maatewos 9:4.
Armaan olitti, raajiiwwan Macaafa Qulqulluu gara fuulduraatti wantonni gaggaariin akka dhufan ibsan keessaa muraasasaanii ilaalleerra. Mootummaan Waaqayyoo lafa bulchuu yommuu jalqabu, ‘nagaa guutuun’ lafarra ni buufata. (Faarfannaa 37:11, 29) Wantoonni rakkinaaf sababa ta’an hundi ni balleeffamu. Waaqayyo abdii, “Kunoo, ani waan hundumaa haaraa nan godha! . . . Dubbiin kun amanamaa, dhugaa[dhas]” jedhu waan nuu kenneef wantoonni kun akka raawwataman mirkanaa’oo ta’uu ni dandeenya.—Mul’ata 21:5.