Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Ayyaana Duʼaa Kaʼuu Yesus Kan Hin Kabajne Maaliifi?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Ayyaana Duʼaa Kaʼuu Yesus Kan Hin Kabajne Maaliifi?

Yaada dogoggoraa

  Soba: Dhugaa Baatonni Yihowaa Ayyaana Duʼaa Kaʼuu kan hin kabajne Kiristiyaanota waan hin taaneefi dha.

 Dhugaa: Yesus Fayyisaa keenya akka taʼe kan amannu yommuu taʼu, ‘faana isaa duukaa buʼuuf’ hamma dandeenye carraaqna.—1 Phexros 2:21; Luqaas 2:11.

  Soba: Yesus akka duʼaa kaʼe hin amantan.

 Dhugaa: Duʼaa kaʼuu Yesusitti ni amanna; amantii Kiristiyaana tokkootiif barbaachisaa akka taʼe amanna; lallaba keenya irrattis yeroo baayʼee caqasna.—1 Qorontos 15:3, 4, 12-15.

  Soba: Ijoolleen yeroo Ayyaana Duʼaa Kaʼuutti gammachuu argamu dhabuun isaanii isin hin yaaddessu.

 Dhugaa: Ijoollee keenya waan jaallannuuf, isaan leenjisuu fi gammadoo akka taʼan gargaaruuf wanta dandeenyu hunda goona.—Tiitoos 2:4.

Dhugaa Baatonni Yihowaa Ayyaana Duʼaa Kaʼuu kan hin kabajne maaliifi?

  •   Ayyaanni Duʼaa Kaʼuu Macaafa Qulqulluu irratti kan hundaaʼe miti.

  •   Yesus kan nu abboome duʼa isaa akka kabajnu dha malee duʼaa kaʼuu isaa akka kabajnu miti. Duʼa Yesus Kiristos akkaataa kaalaandarii Macaafa Qulqulluu isa addeessa ilaaluudhaan lakkaaʼamu irratti hundaaʼuudhaan waggaa waggaadhaan kabajna.—Luqaas 22:19, 20.

  •   Barsiifanni Ayyaana Duʼaa Kaʼuu barsiifata wal hormaataa bara durii irraa kan dhufe waan taʼeef, Waaqayyo biratti fudhatama akka hin arganne amanna. Waaqayyoo ‘Waaqa hinaafaa’ waan taʼeef, waaqeffannaa sochiiwwan isa biratti fudhatama hin qabne of keessatti qabatanitti hin gammadu.—Baʼuu 20:5; 1 Mootota 18:21.

 Murtoon nuti Ayyaana Duʼaa Kaʼuu irraa fagaachuudhaaf goone Macaafa Qulqulluu isa barsiifata namaa duukaa buʼuu mannaa, “ogummaa fi dubbii gargar baasanii hubachuutti” akka fayyadamnu nu jajjabeessu irratti kan hundaaʼe dha. (Fakkeenya 3:21; Maatewos 15:3) Ayyaana Duʼaa Kaʼuu ilaalchisee wanta amannu gaafatamnee namootaa wajjin yeroo mariʼannu, mirga namni tokko wanta hojjetu murteessuuf qabus ni kabajna.—1 Phexros 3:15, 16.