Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Kennaa Kennuu Ilaalchisee Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Kennaa Kennuu Ilaalchisee Maal Jedha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaabni Qulqulluun fedhii fi kakaʼumsa sirrii qabaatanii kennuu ni jajjabeessa. Kennaan akkasii nama fudhate qofa utuu hin taʼin, nama kennaa sana kennes ni fayyada. (Fakkeenya 11:25; Luqaas 6:38) Yesuus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedheera.—Hojii Ergamootaa 20:35

 Kennaa kennuun faayidaa qabeessa kan taʼu yoomi?

 Kennaa kennuun faayidaa qabeessa kan taʼu fedhiidhaan kakaanee yeroo kenninu dha. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu waan jaallatuuf, namni hundi garaa duuba yookiin dirqamaan utuu hin taʼin, akkuma garaa isaatti yaadetti haa kennu.”—2 Qorontos 9:7.

 Garaadhaa kakaʼanii kennaa kennuun, kutaa ‘waaqeffannaa qulqulluu’ Waaqayyo duratti fudhatama qabu dha. (Yaaqoob 1:27) Namni arjummaadhaan namoota rakkatan gargaaru Waaqayyo isa arjummaa akkasii akka isaaf liqeeffametti ilaaluu wajjin hojjeta. (Fakkeenya 19:17) Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo namoota arjummaadhaan kennan akka eebbisu ni dubbata.—Luqaas 14:12-14.

 Kennaa kennuun sirrii kan hin taane yoomi?

 Ofittummaadhaan kakaanee kan kenninu yoo taʼe. Fakkeenyaaf, wantoota armaan gadii kan dabalatu yoo taʼe:

 Sochiiwwan ykn wantoota Waaqayyo balaaleffatu deggeruuf kan oolan yoo taʼe. Fakkeenyaaf, namni tokko qumaara akka taphatu ykn qoricha sammuu namaa hadoochu bituuf akka itti fayyadamuuf ykn dhugaatii alkoolii akka ittiin dhuguuf qarshii kennuun sirrii miti. (1 Qorontos 6:9, 10; 2 Qorontos 7:1) Haaluma wal fakkaatuun, nama hojii hojjechuu utuu dandaʼuu hojii hojjechuuf fedhii hin qabneef qarshii kennuun sirrii miti.—2 Tasalonqee 3:10.

 Fedhii maatii keenyaa dagannee namoota kaaniif kan kenninu yoo taʼe. Kitaabni Qulqulluun mataawwan maatii wanta maatii isaaniitiif barbaachisu dhiheessuu akka qaban barsiisa. (1 Ximotewos 5:8) Namni mataa maatii taʼe tokko maatiin isaa utuu rakkatanii namoota kaaniif qarshii hedduu kennuun isaa sirrii miti. Haaluma wal fakkaatuun, Yesuus namoota qabeenya isaanii hunda “kennaa Waaqayyoof murtaaʼe dha” jedhanii warra isaanii dullooman gargaaruu didan balaaleffateera.—Maarqos 7:9-13.