Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Qarshii Hojii isaaniitiif Barbaachisu Eessaa Argatu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Qarshii Hojii isaaniitiif Barbaachisu Eessaa Argatu?

 Hojiin lallabaa keenya adda durummaadhaan buusii qarshii Dhugaa Baatonni Yihowaa fedhiidhaan godhaniin deggerama. a Saanduqni buusii iddoo walgaʼii keenyaa kaaʼama, akkasumas karaawwan kan biroo buusii gochuun itti danda‵amu weebsaayitii keenya irratti argama. Saanduqa buusii irratti mallattoon buusiin gochuun itti dandaʼamu adda addaa godhameera; kanaaf namni tokko buusii gochuu yoo barbaade hojii addunyaa maraatiif, baasii gumichaatiif ykn lamaaniifuu gochuu ni dandaʼa.

 Dhugaa Baatonni Yihowaa kurnoo, qarshii muraasa ykn miindaa isaanii irraa parsantii muraasa akka kennan isaan irraa hin eegamu. (2 Qorontos 9:7) Walga‵iwwan keenya irratti miini buusii hin naanneffamu; tajaajila waaqeffannaa keenya wajjin haala wal qabateen kan akka cuuphaa, awwaalchaa, cidhaa fi tajaajila kan birootiif jennees qarshii hin kaffalchiisnu. Qophii gurgurtaa nyaatawwan adda addaa, baazaarii, tapha biingoo, kaarnivaaloota, qophii irbaataa, tapha lootarii fi qophiwwan kana fakkaatan irraa qarshii hin sassabnu, kannaa mannaa buusii namoonni fedhiidhaan godhaniin hojjenna. Oddeeffannoon nama buusii godhee warra kaanitti hin himamu. (Maatewos 6:2-4) Weebsaayitoonnii fi barreeffamoonni keenya beeksisawwan galii argamsiisan hin qaban.

 Gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa hundi ji‵a ji‵aan gabaasa herregaa kan dhiheessan si‵a ta‵u, kun immoo nama hundumaaf ifa dha. Buusiin godhame karaa sirrii ta‵een hojii irra ooluu isaa mirkaneessuuf galmeen herrigaa tokkoon tokkoon gumii yeroo yerootti odiitii godhama.—2 Qorontos 8:20, 21.

Karaawwan Buusiin Itti Godhamu

  •   Saanduqa buusii: Saanduqawwan buusii bakka Galma Walga‵ii, walga‵ii guguddaa ykn bakkaawwan kan biroo walga‵iiwwan keenya itti godhaman jiran keessa qaarshii ykn cheekii buusuu ni dandeessa.

  •   Intarneetiidhaan buusii gochuu: Biyyoota hedduutti, fuula “Dhugaa Baatota Yihowaatiif Buusii Godhi” jedhutti fayyadamtee kireediiti kaardii, deebiiti kaardii, baankiidhaan dabarsuu fi malawwan elekitroonksii kan birootiin buusii gochuu ni dandeessa. b Dhugaa Baatonni tokko tokko jiʼa jiʼaan ’hamma tokko adda baasanii kaaʼuudhaan’ buusii gochuuf malawwan kana keessaa isa tokkotti fayyadamu.—1 Qorontos 16:2.

  •   Karooraan kennuu: Malawwan kennaa tokko tokko dursanii karoora baafachuu ykn gorsa seeraa gaafachuu barbaadu. Kennaan akkasii biyyoota keessa jiraattutti gama qaraxaatiin faayidaa tokko tokko siif argamsiisuu dandaʼa. Namoonni baay‵een utuma lubbuudhaan jiranii ykn erga du‵anii booda kennaawwan qaama kenname sanaaf dabarfamanii kennaman ilaalchisee hubannaa argachuu isaaniitiin fayyadamaniiru. Malawwan armaan gadii keessaa isa tokkotti fayyadamtee buusii gochuu yoo barbaadde waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyya kee jiru mariisisi:

    •   herrega baankii

    •   durgoo inshuraansii fi sooramaa

    •   qabeenya hin sochoone

    •   aksiyoonotaa fi boondota

    •   dhaamsa dhaalaa fi imaanaa

 Malawwan naannoo keetti buusiin itti godhamuu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, fuula “Dhugaa Baatota Yihowaatiif Buusii Godhi” jedhu ilaali.

a Namoonni Dhugaa Baatota hin taane tokko tokkos hojii keenya deggaruuf buusii gochuun isaan gammachiisa.

b Odeeffannoo dabalataa argachuuf ViidiyooAkkaataa Meeshaa Elektiroonksiitiin Buusii Gochuu Itti Dandeenyujedhu ilaali.