GURAANDHALA 25, 2021
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessi Keenya Roomaan Giriidaasoov Hidhaa Isaa Utuu hin Xumurin Akka hin Baane Murteesse

Manni Murtii Raashiyaa Obboleessi Keenya Roomaan Giriidaasoov Hidhaa Isaa Utuu hin Xumurin Akka hin Baane Murteesse

Guraandhala 25, 2021⁠tti Manni Murtii Naannoo Arenburki obboleessi keenya Roomaan Giriidaasoov ol iyyannoo hidhaa isaa utuu hin xumurin baʼuuf dhiheeffate utuu hin fudhatin hafe. Kanaafuu, hanga Hagayya 2021⁠tti mana hidhaa keessa ni tura. Fulbaana 2019 irraa eegalee mana hidhaa keessa jira. Roomaan obboloota Guraandhala 2020⁠tti eegdotaan reebaman shan keessaa tokko dha.