Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Sagantaa Kitaaba Qulqulluu Dubbisuuf Gargaaru

Sagantaa Kitaaba Qulqulluu Dubbisuuf Gargaaru

Kitaabni Qulqulluu ogummaa baayʼee gaarii jireenyaaf fayyadu qabateera. Yeroo hunda kan dubbistuu fi irratti kan xiinxaltu, akkasumas hojii irra oolchuuf kan carraaqxu yoo taʼe ‘karaan kee siif qajeela.’ (Iyaasuu 1:8; Faarfannaa 1:1-3) Kana malees, Waaqayyoo fi Ilma isaa Yesuus beekuu ni dandeessa; beekumsi kun immoo fayyina siif argamsiisa.—Yohaannis 17:3.

Kitaabota Kitaaba Qulqulluu duraa duuba akkamiitiin dubbisuu qabda? Filannoowwan garaa garaa qabda. Sagantaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf gargaaru kun duraa duuba kitaabotaatiin ykn mata duree mata dureedhaan dubbisuuf si gargaara. Fakkeenyaaf, walitti dhufeenya Waaqni saba Israaʼel bara durii turee wajjin qabu beekuuf kutaawwan muraasa filataman dubbisuu dandeessa. Gumiin Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaatti ture akkamitti akka hundeeffamee fi guddinaa akkamii akka argisiise beekuuf immoo kutaawwan filataman kan biroo dubbisuu dandeessa. Boqonnaawwan guyyaa tokkoof ramadaman yoo dubbiste, waggaa tokko keessatti Kitaaba Qulqulluu dubbistee fixuu dandeessa.

Sagantaa dubbisa Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaaf taʼu, waggaa tokkoof taʼu ykn namoota haaraa jalqabaniif taʼu yoo barbaadde sagantaan kun si gargaaruu dandaʼa. Sagantaa dubbisa Kitaaba Qulqulluu maxxanfamuu dandaʼu kana garagalfadhuutii, harʼumaa dubbisuu eegali.