Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE FUULA JALQABAA | ODEEFFANNOO DABALATAA ARGACHUU YKN KAFFALTII MALEE KITAABA QULQULLUU QOʼACHUU NI BARBAADDAA?

Dubbisuu Jalqabuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Dubbisuu Jalqabuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan gammaduu fi wanta dubbistu irraa faayidaa guddaa argachuuf mala akkamiitu si gargaara? Malawwan namoota hedduu gargaaran shan ilaali.

Naannoo mijataa qopheeffadhu. Naannoo tasgabbii qabu argachuuf yaali. Wanta dubbistu irratti xiyyeeffachuu akka dandeessuuf wantoota yaada namaa hihhiran irraa fagaadhu. Ifni gaʼaanii fi qilleensi qulqulluun dubbisa kee irraa fayyadaa guddaa argachuuf si gargaaruu dandaʼu.

Ilaalcha sirrii qabaadhu. Kitaabni Qulqulluun Abbaa keenya isa samii biraa kan argame waan taʼeef, ilaalcha mucaan warra isaa jaalala qabeeyyii taʼan irraa barachuuf qophaaʼaa taʼe tokko qabuu wajjin wal fakkaatu yoo qabaatte caalaatti fayyadaa argatta. Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee yaada sirrii hin taane yoo qabaatte, Waaqayyo akka si barsiisuuf yaadawwan akkasii of irraa fageessuuf yaali.—Faarfannaa 25:4.

Dubbisuu kee dura kadhadhu. Kitaabni Qulqulluun yaada Waaqayyoo kan qabate waan taʼeef, yaada isaa hubachuuf gargaarsa isaa argachuun keenya barbaachisaa dha. Waaqayyo, “warra isa kadhataniif . . . hafuura qulqulluu” akka kennu waadaa galeera. (Luqaas 11:13) Hafuurri qulqulluun yaada Waaqayyoo akka hubattu si gargaaruu dandaʼa. Yeroo booda immoo, “wantoota Waaqayyoo warra gad fagoo taʼan illee” akka hubattuuf sammuu kee siif bana.—1 Qorontos 2:10.

Yaada isaa hubachuuf dubbisi. Dubbistee xumuruudhaaf qofa hin dubbisin. Wanta dubbisaa jirtu irratti yaadi. Gaaffiiwwan akka armaan gadii jiran of gaafadhu: ‘Namni ani waaʼee isaa dubbisu kun amalawwan akkamii akka qabun hubadhe? Ani amala kana jireenya koo keessatti akkamittan argisiisuu dandaʼa?’

Galma ifa taʼe qabaadhu. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu kee irraa buʼaa argachuu akka dandeessuuf, yaada jireenya kee siif fooyyessu tokko argachuuf galma baafadhu. Galmawwan akka armaan gadii jiran baafachuu dandeessa: ‘Waaʼee Waaqayyoo caalaatti beekuun barbaada.’ ‘Nama gaarii, abbaa manaa ykn haadha manaa gaarii taʼuun barbaada.’ Achiis kutaawwan Kitaaba Qulqulluu galma kana irra gaʼuuf si gargaaran filadhu. a

Malawwan shanan kun dubbisuu jalqabuuf si gargaaru. Haa taʼu malee, dubbisa kee caalaatti gammachiisaa gochuu kan dandeessu akkamitti? Mata dureen itti aanu yaadawwan tokko tokko qabateera.

a Kutaawwan Kitaaba Qulqulluu gama kanaan caalaatti si gargaaran kamfaa akka taʼan mirkanaaʼaa yoo taʼuu baatte, Dhugaa Baatonni Yihowaa gammachuudhaan si gargaaru.