Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DAMMAQINAAN EEGAA!

Qaalaʼiinsa Jireenyaa Addunyaa Maratti Mudachaa Jiru—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Qaalaʼiinsa Jireenyaa Addunyaa Maratti Mudachaa Jiru—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Pirezedantiin Garee Baankii Addunyaa gabaasa Waxabajjii 2022​tti baase irratti, “Diinagdeen addunyaa ammas balaa irra buʼeera” jechuudhaan akeekkachiiseera. Itti dabaluudhaanis, “Yeroo ammaatti qaalaʼiinsi jireenyaa dabalaa jira guddinni jiru immoo xiqqaa dha” jedheera.

 Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa, “Gatiin bobaʼaa fi gatiin nyaataa saffisaan dabalaa jira; kun immoo keessumaa biyyoota galii gad aanaa qaban caalaatti miidhaa jira” jedheera.

 Kitaabni Qulqulluu rakkinni diinagdee akkasii kan nu mudatu maaliif akka taʼe, akkamitti dandamachuu akka dandeenyuu fi furmaanni waaraa eessaa akka argamu hubachuuf nu gargaara.

“Guyyoota dhumaa” kanatti gatiin miʼootaa dabalaa jira

  •   Kitaabni Qulqulluun yeroon keessa jiraannu “guyyoota dhumaa” akka taʼe dubbata.—2 Ximotewos 3:1.

  •   Yesuus guyyoota dhumaatti taateewwan ykn “wantoonni nama sodaachisan ni mulʼatu” jechuudhaan dubbateera. (Luqaas 21:11) Jireenyi garmalee qaalaʼaa yommuu deemu namoonni ni sodaatu. Namoonni waaʼeen egeree isaanii fi wantoota maatii isaaniitiif barbaachisu dhiheessuun isaan yaaddessa.

  •   Kitaabni Mulʼataa guyyoota dhumaa kanatti gatiin nyaataa akka dabalu dursee dubbateera. “Yommus ani wanta sagalee fakkaatu, isa . . ., ‘Qamadii safartuu xinnoo tokko gatii dadhabbii guyyaa tokkoo, garbuu safartuu xinnoo sadiis gatii dadhabbii guyyaa tokkoo godhi! . . .’ jedhu nan dhaga’e.”—Mulʼata 6:6, Hiika bara 1997.

 Waaʼee “guyyoota dhumaa” fi raajii kitaaba Mulʼataa keessa jiru caalaatti beekuu yoo barbaadde, viidiyoo Bara 1914 Kaasee Addunyaan Kun Jijjiirameera jedhu ilaali, akkasumas mata duree “Abbootiin Fardeenii Arfan Eenyufaʼi?” jedhu dubbisi.

Furmaata rakkoowwan diinagdee hundumaaf taʼu

  •   “Isaan manneen ni ijaaru, keessas ni jiraatu, mukeetii wayinii ni dhaabu, firii isaaniis ni nyaatu. Mana isaan ijaaran keessa namni kan biraan hin jiraatu, muka wayinii isaan dhaabanis namoonni kan biroon hin nyaatan.”—Isaayyaas 65:21, 22.

  •   “Midhaan hedduun lafa irra ni jiraata; fiixee gaarotaa irrattis irraa hafaa ni taʼa.”—Faarfannaa 72:16.

  •   “Yihowaan, ‘Warri miidhaman waan cunqurfamaniif, warri hiyyeeyyiinis waan aadaniif, tarkaanfii fudhachuuf nan kaʼa. . . .’ jedheera.”—Faarfannaa 12:5. a

 Waaqayyo dhiheenyatti garaagarummaa diinagdee biyya tokko qofa keessa utuu hin taʼin addunyaa mara jiru ni sirreessa. Akkamitti kana akka godhu beekuuf mata duree, “Yeroo Itti Rakkinni Dinagdee hin Jiraanne ni Dhufaa?” jedhu dubbisi.

 Haa taʼu malee, harʼas Kitaabni Qulqulluun gatii miʼootaa yeroo yerootti dabalaa jiru dandamattee jiraachuuf si gargaara. Akkamitti? Gorsa qarshiitti ogummaatti fayyadamuuf nu gargaaru qabateera. (Fakkeenya 23:4, 5; Lallaba 7:12) Waaʼee kanaa caalaatti beekuuf mata duree, “Qabeenya Kee Eeggadhu” akkasumas “Galii Xinnoodhaan Jiraachuu kan Dandeessu Akkamitti?” jedhan dubbisi.

a Yihowaan maqaa Waaqayyoo isa dhuunfaatti.—Faarfannaa 83:18.