Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 88

Daandii Kee Na Barsiisi

Daandii Kee Na Barsiisi

(Faarfannaa 25:4)

  1. 1. Yaa Yihowaa, affeerraa kee fudhannee,

    Kunoo walitti ni qabamne.

    Dubbiin kee ifa daandiirratti ifu;

    Madda barumsa sirraa dhufuu.

    (BUUSAA)

    Na barsiisi, hubannaa naa kenni;

    Ajaja keef gurra koo naa bani.

    Na geggeessi na qabsiisi daandii;

    Seera keettʼ akkan gammadu godhi.

  2. 2. Yaa Yihowaa ogummaan kee guddaa dha;

    Murtii amansiisaa kennita.

    Yaanni Dubbii kee keessaa ajaaʼiba;

    Dubbiin kee dhugaa dha jiraataa.

    (BUUSAA)

    Na barsiisi, hubannaa naa kenni;

    Ajaja keef gurra koo naa bani.

    Na geggeessi na qabsiisi daandii;

    Seera keettʼ akkan gammadu godhi.