Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Xalayaa Qaama Ol Aanaa Irraa Ergame

Xalayaa Qaama Ol Aanaa Irraa Ergame

‘Barsiisota taʼuu qabdu.’ (Ibr. 5:12) Mee yaadi! Yihowaan inni uumama cufa keessatti Barsiisaa hunda caalu taʼe, waaʼee isaa warra kaan akka barsiisnu nu afeeraa jira! Maatii keessatti, gumii keessatti ykn tajaajila dirree irratti waaʼee Yihowaa akka barsiisnu hojiin nuuf kenname kam iyyuu, mirga gatii guddaa qabuu fi itti gaafatama ulfaataa dha. Milkaaʼina argachuu kan dandeenyu akkamitti ree?

Deebiin kanaa yaada Phaawulos ergamaan, “Uummataaf dubbisuuf, gorsuu fi barsiisuuf carraaqqii gochuu kee itti fufi” jechuudhaan Ximotewosiif barreesse keessatti argama. Phaawulos itti dabaluudhaan, “Kana gochuudhaan ofii kees taʼe warra si dhagaʼan ni oolchita” jedheera. (1 Xim. 4:13, 16) Ergaa lubbuu oolchuu fi namootatti himtu qabda. Kanaafuu, dandeettii dubbisuu fi barsiisuu kee fooyyessuuf carraaquun kee baayʼee barbaachisaa dha. Birooshurri kun kana akka gootu si gargaaruuf kan qophaaʼe dha. Mee qabiyyee isaa keessaa muraasa ilaali:

Fuula hunda irratti caqasni dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu qabxii qoʼannaa sanaa wajjin wal qabate ykn fakkeenyi qabxiin qoʼannaa sun akkamitti akka hojii irra oolu argisiisu tokko kennameera

Yihowaan, ‘Barsiisaa Guddaa dha.’ (Isa. 30:20, NW) Birooshurri kun dubbisuu fi barsiisuu irratti dandeettii kee akka guddifattu kan si gargaaru taʼus, Yihowaan Madda ergaa keenyaa akka taʼee fi namoota gara isaatti kan harkisu isa akka taʼe matumaa hin irraanfatin. (Yoh. 6:44) Kanaafuu, hafuura qulqulluu argachuuf yeroo hunda kadhadhu. Dubbii Waaqayyootti yeroo hunda fayyadami. Namoonni matumaa si irratti utuu hin taʼin, Yihowaa irratti akka xiyyeeffatan godhi. Namoonni si dhaggeeffatan garaa isaanii keessatti jaalala guddaa akka isaaf qabaatan gochuuf carraaqi.

Ergaa hanga harʼaatti namootaaf kenname hunda caalaa barbaachisaa taʼe akka barsiistu afeeramteetta. “Humna Waaqayyo kennutti” yoo amanamte akka milkooftu hin shakkinu.—1 Phe. 4:11.

Barsiisota hidhata kee taʼan,

Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa